Waggaa tokkoffaa Jalqabbii waraana Gaazaaf guutuu addunyaatti kumootni hiriira bahan

Magaalota addunyaa gurguddoo keessatti namootni kumaan lakkaa'aman waggaa tokkoffaa haleellaa Hamaas Israa'el irratti raawwate yaadachuuf Sambatarraa hiriirota guguddoo gaggeessaniiru.

Rooyitarsi akka gabaasetti hiriironni kunniin dhangala'uun dhiigaa Gaazaafi Baha Gidduugalaa keessatti raawwatu akka dhaabatu gaafatan.

Sambata kaleessaa deeggartootni PFilisxeem 40,000 ta'an gidduugala magaalaa Landan keessatti hiriira gaggeessaniiru. Paaris, Room, Miilaan, Keep Taawun, Awustiraaliyaa fi Niiw Yoork keessattis kumootni hiriira bahaniiru jedha gabaasichi.

US magaalaa Waashingitan, masaraa biyyattii Waayit Haawus fuula durattis hiriirtotni deeggarsi waraana Israa'el Gaazaa fi Libaanos keessatti gaggeessituuf godhamu akka dhaabatu gaafatan.

Wiixata boruu Onkololessa 7 waggaa tokkoffaa hidhattootni Hamaas Gaazaa keessa buufatan daangaa ce'uun Israa'el keessatti haleellaa banan. Haleellaa kanaan namootni 1,200 ajjeefaman, lammiilee Israa'eliifi biyyoota kaanii 250 ta'an ammoo butanii Gaazaatti deebi'an.

Duula haaloo bahuu Israa'el haleellaa kanaaf Gaazaatti bante hammaatee amma Baha Gidduugalaa goolaa jira.

Gaazaa gaaga'ama namoomaa hamaa keessummeessitetti aanee torbanoota darban ammoo bu'uura hidhattoota Hezbollaa kan taate Libaanos goolamaa jirti.

Hiriira balaaleffannaa Niiw Yoorkitti gaggeeffameen mormitootni dhaadannoo ''Gaazaa, Libaanos ol ni jettu, uummatni gara keessani'' jedhu qabatanii bahaniiru.

Uggurri dhiyeessii meeshaa waraanaa Israa'elirra akka kaahamus gaafatan.

Duula Israa'el Gaazaa keessatti banteen ammoo hanga ammaa Filisxeemonni 42,000 ajjeefamaniiru. Miliyoona 2.3 kan ta'anis qe'eerraa buqqa'anii balaa beelaaf saaxilamaniiru.

Jakaartaa biyya addunyarraa Musliimota hedduu qabaachuun beekamtu keessattis Dilbata haraa hiriirri deeggarsa Filisxeemotaa gagggefameera. Hiriira Embasii Ameerikaa duratti gaggeefameen Waashingitan deeggarsa meeshaa waraanaa Israa'eliif gootu akka dhaabdu waamichi godhameera.

Dilbata har'aa kutaalee addunyaa adda addaa keessatti hiriirri gaggeeffamuuf karoorfame akka jiru kan gabaasu Rooyitarsi, Landanitti deeggartootni Israa'elis alaabaa biyyattii qabatanii hiriira bahuu gabaase.

Muddama deeggartootaa fi mormitoota Filisxeem gidduutti mudate hordofee namootni 15 ta'an hidhamaniiru.

Magaalaa Xaaliyaan Room keessattis hiriira hin hayyamamne bahuudhaan jeequmsa dhalateen qaamoleen nageenyaa gaazii imimmaanessu fayyadamaniiru.

Hiriirtootni Filisxeemiin deeggaran Jarmanittis dhaadannoo ''duguuggaa sanyii waggaa tokkoo'' jedhu qabatanii bahaniiru. Hiriira kana irrattis Poolisii wajjin muddamni dhalateera.

Duula Israa'el Gaazaatti gaggeessituun walqabatee ji'oota 11 darban kutaalee addunyaa adda addaa keessa sochiin Filisxeemota deeggaru yoo gaggeeffamu biyyootni akka US fi Jarman sochii farraa semetistootaati jechuun hidhaa fi dhorkaa hiriiraa hojiirra oolchaa turan.

US keessatti torbanootaaf duulli bakkee buluun deeggarsa Filisxeem agarsiisuu Yunivarsiitilee adda addaa keessatti raawwatamaa bahe.

Israa'el duulli gaggeessitu ''ofirraa qolachuurratti bu'uura kan godhate akka ta'e ibsiti.

Michootnishee akka UK fi US's mirga ofirraa qolachuu qabdii jechuun duulashee deeggaran.