Sooriyaa: Madda qaroominaa, dirree waldhibdee hanga waraana waliiniitti

Biyya seenaa waggoota dheeraa qabdudha Sooriyaan. Warra Roomaa fi Mongoliyaa irraa hanga warra Kiruuseedar fi Turkiitti itti waljijjiiranii bulchaa turan.

Lafa dachaa diriiraa, gaarreen fi gammoojjii hedduun kan beekamtu biyyi kun, sabootaa fi amantiiwwan hedduu keessummeessuun beekamti.

Warra Kurd, Armeeniyaa, Asiiriyaan, Kiristaanota, Diruuz, Shi'aa warra Alawaayit fi Sunnii Arabootaa dabalatee gosoota hedduuf dawoodha.

Uummanni biyyattii hedduun Muslimoota Sunniiti.

Sooriyaan danaa har'aa qabdu kun ammoo bara 1946 kolonii Faransaay jalaa walabummaashee gonfatte.

Ergasii egaa fedhii wal-dhahaa gosoota fi dameewwan amantii kunneen gidduutti mudatuun raafamaa jirti.

Sooriyaan bara 1958-61 Masirii waliin tokkummaa rippaablika Arabaa- United Arab Republic jedhamu uumtee turte.

Ta'us garuu fincilli humna waraanaan raawwatame osoo tokkummaan sabboontota Arabaa- pan-Arab nationalist Baath (Renaissance) jedhamu bara 1963 hin to'atin dura walabummaa deebifate.

Keessattuu qondaalonni waraanaa hedduunsaanii garee Alawaayit ta'an biyyattii guddoo to'atan.

Haata'u malee, warraaqsi bara 2011 eegale biyyattii hanga yoonaatti waraanaa waliinii keessatti hambise.

Mootummaan gaaddisa guddicha Baath jedhamu jalatti hundaa'e garuu biyya keessatti abbaa irrummaa babal'ise, alaa ammoo imaammata warra lixaa dura dhaabbachuun beekame.

Keessattuu bara 1970 hanga 2000- Bara bulchiinsa Pirezidant Haafiz al-Asaad keessa biyyattiin gonfoo abbaa irree jalatti kufte.

Mootummaan Asaad morkattoota biyya keessaa jiran hacuucuun humnaan cabsuu itti fufe.

Warraaqsa Muslim Brotherhood jedhamu kan bara 1982 Hama keessatti gaggeeffame irratti kuma kurnaan kan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.

Warraaqsa Arabootaa bara 2011-12 akkaan ho'ee tureen walqabatee mormii Sooriyaattis tureen humnoonni mootummaa mormitoota hedduu humnaan cabsan.

Bal'inni lafashee iskuweer kiilomeetirii kuma 185 fi 180 kan ta'e Sooriyaan baayyinni uummatashee miiliyoona 22.1, magaalaa guddoon Damasqoo yoo taatu afaan hojii biyyattii Afaan Arabaati.

Dirree waraanaa idiladdunyaa

Waraanni Sooriyaa duraan eegalus, addi Al-Nusra jedhamu uumamuun biyyoota alaarraa humnoota garaagaraa gara biyyattiitti affeered.

Gareen Al-Nusra garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhu. Al-Qaeda waliin hidhata cimaa qabu.

Hundeeffama garee kanaatu walakkaa bara 2013 humnoonni idiladdunyaa mormitoota deeggaran akka Sooriyaatti duulan taasise.

Kana hordofee mootummaan biyyattii akkasumas Hezbollaan Libaanos kan Iraaniin deeggaramu mormitootarratti haleellaa cimsan.

Duuba dacheen Sooriyaa bal'oon harka finciltootaa seene. Jihaadistoonni- Islamic State ofiin jedhan Sooriyaa fi biyya olla- Iraaq keessatti dachee bal'ifatanii socho'uu eegalan.

Bara 2015 ammoo Raashiyaan maqaa hidhattoota IS rukutuu jedhuun lola Sooriyaa keessa harka galfatte. Wayita kana biyyoonni lixaa finciltoota Asaadiin lolan haleeluuf seente jechuun Raashiyaa himatan.

Waggaa booda bara 2016 Turkiin lola Sooriyaatti makamte. Garee finciltootaa deeggartuuf loltoota ergite.

Kunis akkasaan hidhattoota IS fi Kurd daangaasheerraa achi ittisaniif ta'uu ibiste.

Turkiin garee hidhattootaa kunneen akka sodaa nageenyasheetti ilaalti.

Seenaa Sooriyaa keessatti taateewwan ijoo

Dhaloota Kiristoos Dura (DhKD) bara 3500-2300tti bara mootummaa Ebla (Kingdom of Ebla) jedhamuun beekama. Barri kun naannawa sanatti bara qaroomina ganamaati. Qorooma durdurii kan Masrii fi Mesoppotaamiyaa faana warra dursaa hin qabnedha.

DhKD bara 1800-1200tti mootummaan Ugaarit- kingdom of Ugarit kan qarqara Kaaba Sooriyaatti argamu as ba'e.

Bara dhakaa booda bara Bronze Age jedhamu keessa Sooriyaan dirree imaaperoonni Hittites, Masrii, Asiiriyaan, Mitaanii fi Babiilooniyaa irratti wal dhaban turte.

Hittites garee hundeensaanii Hindii fi Awurooppaa ta'anidha, achirraa gara Eeshiyaa imaluun iddoo Anatolia [amma Turkii] jedhamutti naannoo bara DhKD bara1600tti impaayera ijaarratan.

DhKD bara 1274 wayita Masriin Mootii Ramesses II jala turtee fi Impaayerri Hittites Mootii Muwatalli II jala turte Waraanni Kadesh jedhamu gaggeeffame. Baha Dhihoo keessatti waraanni jalqaba galmeeffame isa kana.

Galmee waliigaltee nagaa addunyaa isa jalqabaarras waliigaltee yeroo sana taasifametu jira.

DhKD bara 605-539 Mootii Nebuchadnezzar the Great jalatti Sooriyaan Impaayera Babiiloon ishee haaraa taate.

DhKD bara 539-330 ammoo qaama Impaayera Pershiyaa- Persian Achaemenid Empire taate, kunis mootii Cyrus the Great fi dhaaltota isaa isa duubaan dhufan jalatti ture.

DhKD bara 330tti Giriik mootii Alexander the Great jala wayita turte naannawa kana weerarte.

DhKD bara 63 Jenaraalli Roomaa Pompey the Great jedhamu Sooriyaa fottoqfatee of jala galche, achumaan bulchiinsa Roomaa taate.

Dhaloota Kiristoos booda jaarraa 5ffaa keessa- Wayita Impaayerri Roomaa ykn Byzantine gara lixaa kufu, Sooriyaan qaama Impaayera gara bahaa taatee kufaatiirraa hafte.

Bara 636 loltoonni Arabaa lola Yarmuk irratti humnoota Baayinzantiin mo'achuun Sooriyaa harkaa fudhatan.

Bara 650 mootiin Umayyad Sooriyaa to'achuun Damaasqoo magaalaa guddittii gochuun labsus jaarraa tokko booda bara 750 bulchiinsi Abbasid mootii Umayyad aangoorraa buusuun magaalaa guddoo Damasqoo irraa gara Bagdaad geeddare.

887-1100 – Aanga'oonni Masrii jiran Sooriyaa fottoqfachuun of jala galchan, boodarra aanga'oonni Aleppoo-Hamdanids jedhaman harkaa fudhatan.

1098-1189 – Kutaaleen Sooriyaa hedduun qaamolee alaa seenan kanneen jijjiirama bu'uuraa fidna jedhanii socho'an- Crusaders jedhaman jala gale.

1175-1185 – Dacheen Sooriyaa irra jireessi hundeessaa bulchiinsa Ayyubid kan ta'e bulchaa warra Kurd Salah ad-Din nama jedhamu harka seenee ture.

1260 – Bara weerara Mongol ture, garuu warri Mongol adda waraanaa Ain Jalut jedhamutti humnoota Masrii- Mamluk jedhamaniin injifataman.

1400 – Bulchaan qindoomina Turkii fi Mongoliyaa -Turco-Mongol Tamurlane Aleppoo fi Damasqoo humnaan qabate.

1516 – Warri Otomaan Bulchiinsa Masrii weeraruun Sooriyaa fudhatanii impaayerasaaniitti makatan.

1914-1918 – Impaayerri Otomaan gara Jarmanii fi Austria-Hungry goruun lole. Lola sana dhumarratti ni injifatame. Kutaa Baha Dhihoo hunda warra Biriteen fi Faransaayitu irraa fudhatan.

1918 – Humnoonni Arabaa fi Biriteen Damasqoo to'atan, bulchiinsa Otomaan waggoota 400f tures obbaasan.

1920 – Korri San Remo mootummaa Arabootaa haaraa uumame bakka lamatti baase. Sooriyaa fi Lebaanos akkasumas naannawaan sun Faransaayitti kennaman, Filisxeem ammoo Biriteenitti kennamte.

1925-27 – Qindeessummaa Sulxaan Al-Atrash bulchaa jedhamuun fincilli Sooriyaa bulchiinsa Faransaay irratti eegale.

1940 – Faransaay Waraana Addunyaa Lammaffaarratti kufaatiin wayita ishee mudatu Sooriyaan harka ergamtoota Faransaay keessatti kufte.

Haalli kun hanga bara 1941 humnoonni Biriteen fi humnoonni Faransaay- Free French forces jedhaman Sooriyaa fi Libaanos bifa weeraraan bulchuu eegalaniitti ture.

1946 – Faransaay loltootashee baafatte, achumaan Sooriyaan walabummaashee gonfatte. Ergasii hanga bara 1960oota keessatti siyaasi Sooriyaa tasgabbii hin arganne. Yeroo yeroon fonqolchi gaggeeffamaa ture.

1958-61 Masrii fi Sooriyaan walta'uun Rippaabilika Arabaa hundeeffatan, garuu baayyee hin turre.

1967 - Masrii, Jordaan fi Sooriyaan waraana guyyaa ja'aa- Six Day War jedhamurratti Israa'eliin injifataman, Israa'el injifannoo sana hordofuun iddoo gaarreen goolan- Golan Heights jedhamu qabatte.

1970 - Haafiz al-Asaad fonqolcha mootummaan aangoo qabate, bulchiinsi isaa hacuuccaa fi dararaadhaan beekama. Humna waraanaa ijaarrachuun hojiisaa ijoo ture.

1973 – Sooriyaa fi Masriin walta'uun waraana biraa Israa'el irratti eegalan. Waraanni kun Yom Kippur War jedhama. Yoona kana waraanni Israa'el lafa duraanuu Sooriyaa harka jiru hedduu fudhachuun hanga handhuura biyyattiitti itti seente.

1976 – Sooriyaan waraana waliinii Libaanos keessa harka galfatte. Bara sanarraa eegaltee waggoota kurna sadiif humna waraanaa achi qubachiistee turte. Siyaasa Libaanos keessattis dhiibbaa guddaa uumaa turte.

1982 – Warraaqsi Muslim Brotherhood jedhamuun Hama keessatti eegale weerara loltootni biyyatti torbee tokkoof gaggeessaniin gufate, tarkaanfii humnoota mootummaan lammiilee nagaan hanga kuma 40 tilmaaman ajjeefamaniiru.

2000 – Namni biyyattii waggoota kurna sadiif bulchaa ture Haafiz al-Asaad wayita du'u ilmisaa Bashaar al-Asaad bakka bu'uun aangoo qabate.

2005 – Ajjeechaa bulchaa Libaanos Rafiiq al-Hariirii irratti raawwate booda dhiibbaa idiladdunyaa cimeen Sooriyaan loltoota ishee Libaanos keessaa baste.

2011 – Waraanni waliinii Sooriyaa keessatti eegale. Qaama warraaqsa Arabootaa kan ta'e warraaqsi Sooriyaa kun jalqaba mootummaa fi finciltoota gidduutti eegalus boodarra qaamolee hedduu walitti gargalche.

Qaamoleen addunyaarratti humna qabanillee keessatti qooda fudhatan. Namoonni kuma 600 ta'an waraana kanaan dhumaniiru.

2024 – Humnoonni finciltootaa Hayaat Tahriir al-Shaam (HTS) jedhamu saffisaan magaalaa Damasqoo to'achuun pirezidant Bashaar al-Asaad aangoorraa kaase.

Bashaar al-Asaad akkamiin aangoo qabatan?

Bashar al-Asaad osoo bara 1994 obboleessi isaanii balaa konkolaataan hin dune ta'ee silaa ogeessa fayyaa ijaa ta'anii hojiisaanii itti fufu ture.

Haafiz al- Asaad bakka bu'uuf kan qopheeffamaa ture Baasil lubbuunsaa darbuun obboleessa isaa quxisuu/maandhaa siyaasatti galche.

Bara 2000 wayita abbaansaanii du'u Bashar al-Asaad aangoo pirezidantummaa qabatan.

Wayita aangoo qabatanii hojii eegalan sana siyaasaa bilisaa waan akeeku akkasumas rifoormii of eeggannoon guutame wayii eegalanii turan.

Hidhamtoota siyaasaa gadhiise, uggura miidiyaarraa salphise. Falmiin siyaasaa akka bakka argatuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu akkasumas siyaasa gosa adda addaa hordofuun akka jiraatu eeyyamee ture.

Garuu jijjiiramni kun biyyattii keessatti gurmuun adda addaa akka uumamu taasise.

Loltoota ijaarrachuun baay'ate, paartiin Baaz deebisee of bayyanachiise, gareen bicuu Alawite jedhaman falmachuutti deebi'an.

Sochiinsaanii tasgabbii biyyattii yaaddoo keessa galche, dhiibbaa guddaas uume. Bullchiinsi biyyattii cunqursaa fi hacuuccaa duraaniitti deebite.