Pirezidantiin duraanii Sooriyaa, Bashaar al-Asaad, eenyu?

Jireenya Bashar Al-Asaad keessatti taateewwan ijoo heddu uummamaniiru garuu taateen kallattii jireemnyaasaanii jijjiire balaa konkolaataa iddoo isaan jiraachaa turanirraa kilomeetiroota heddu fagaatee uumamedha.

Bashar Al-Asaad aangoo pirezidaantummaa abbaa isaaniirraa akka dhaalaniif hin kaadhimamne ture. Aangoon Sooriyaa inni olaanaa kun harka Bashar Al-Asaad bu'uu akka danda'u kan beekame obboleessi isaanii inni hangafaa Baasel, bara 1994 balaa konkolaataan lubbuun erga darbee booda ture.

Wayita Baasel, Sooriyaa dhiyeenya magaalaa Damaasqootti balaa konkolaataan darbu Bashar immoo Magaalaa Landanitii saayinsii yaala ijaa (Ophthalmology) barachaa turan.

Du'a Baasel booda Bashar aangoo abbaa isaanii akka dhaalaniif qophiin taasifamuu eegale. Boodaras wayita waraanni hamaan lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'aman galaaftufii miliyoononni buqqa'an adeemsifamutti Bashar Sooyiyaa hogganaa turan.

Garuu Bashar Al-Asaad akkamiin doktara ijaatii gara hogganaa abbaa irree yakka waraanaan himtametti ce'an?

Leegaasii Abbaa…

Bashar Al-Asaad abbaa isaanii Hafez Al-Asaad fi harmee isaanii Anisa Maakluuf irraa ALA bara 1965 dhalatan.

Waqtiin Bashar ittidhalatan kunis yeroo Sooriyaa, Baha Giddugaleessaa fi iddoowwan birootti taateewwan ajaa'ibsiisoo itti uumaman ture.

Waqtiin sun yeroo sabboonummaan Arabaa siyaasa naannoo baha giddugaleessaa itti dhuunfatedha. Sooriyaanis haaluma kana keessa turte.

Gamtoomuu Sooriyaa fi Masrii (1958-1961) booda Paartiin Ba'aaz aangootti bahuun ilaalcha sabboonummaa Arabaa tarkaanfachiisaa ture. Yeroo sanatti Sooriyaan akkuma biyyoonni Arabaa baay'een turanitti dimokiraasiin kan keessatti hin dagaagnefi filannoo paartileen baay'een keessatti hirmaatan kan hinqabne turte.

Yerichatti hawaasni maatiin Asaad keessaa bahan Alaawaayit jedhamus kutaa hawasaa haala rakkisaa keessa turefii miseensonnisaa baay'een sababa rakkoo diinagdeen humna waraanaa Sooriyaatti makkamanidha.

Haaluma kanaan abbaan Bashar Al-Asaad kan ta'an Hafeez Al-Asaad humna waraanaa biyyattii keessatti beekamaa dhufan. Deeggaraa Paartii Ba'aaz kan turan Hafeez, ALA bara 1966's Ministira Ittisaa ta'uunis muudaman.

Waggoota muraasa booda ALA bara 1971 aangoo Pirezidaantummaa biyyattii harkatti erga galfatanii boodas hanga bara 2000 yeroo lubbuun isaanii darbutti aangoorra turan. Kunis seenaa Sooriyaa bilisummaan boodaa keessatti yeroo dheeraa biyyattiin fonqolcha mootummaa osoo hin keessummeessiin itti turtedha.

Hafeez Al-Asaad mootummaa abbaa irree mormitoota cunqursu ijaaran, filannoo dimokiraatawaas ni dhorkan.

Haa ta'u malee imaammata alaa isaanii fulduratti tarkaanfachiisuun michuu Gamtaa Sooviyeetii ta'an, waraana Galfbara 1991 irrattis garee Yunaayitid Isteetsiin hoogganamutti makamuun hirmaatan.

Hakiimummaa fi Landan

Jalqaba Bashar Al-Asaad jireenya siyaasafii waraanarraa fagaate filatanii turan. Ogummaa hakiimummaa barachuufii hojjechuus murteessan.

Yunivarsiitii Damaasqoorraa erga ebbifamanii booda ALA bara 1992 gara Yunaayitid Kingidam /UK/ imaluun magaalaa Landanitti kan argamu 'Hospitaala Ijaa Weestarnitti' ogummaa yaala ijaa (ophthalmology) barachuu eegalan.

Bashar fi haati warraa isaanii Asma al-Akhras illee achuma magaalaan Landan keessatti wal argan. Asmaan 'Kings Kollej Landan' keessatti Saayinsii Kompiitaraa barachaa kan turte yemmuu ta'u, digirii lammaffaammoo Yunivarsiitii Harvaarditti carraa barnootaa argatteerti.

Bashar abbaa isaanii Hafeezif mucaa dhiiraa lammaffaa ta'uu isaaniitiin hagas mara baay'inaan kan beekaman hinturre. Barcuma aangoo abbaa isaaniirraa akka dhaaluuf eegamaa kan tures obboleessa isaanii hangafaa Baasel ture.

Haa ta'u malee sababa balaa konkolaataan lubbuu darbuun Baasel, kallattii jireenyaa Bashar jijjiire. Battalatti Landanii waamamuun aangoo abbaa isaanii dhaaluu akka danda'aniif qaramuu eegalan.

Humna waraanaa biyyattiitti makamuunis ilaalcha hawaasni isaaniif qabu tolfachuu eegalan.

Abjuu jijjiiramaa…

Hafeez Al-Asaad ALA Waxabajjii 2000 lubbuunsaanii akkuma darbeen dargaggeessa waggaa 34 kan turan Bashar Al-Asaad pirezidaantii biyyattii ta'uun muudaman. Yerichatti ulaagaan umrii pirezidaantummaa inni xiqqaan waggaa 40 yemmuu ta'u, heerri biyyattii akka fooyya'u erga taasifamee booda Bashar aangootti bahan.

Bashar wayita aangootti as bahan biyyattii keessatti "iftoomina, dinokiraasii, misooma, ammayyummaa, itti gaafatamummaa fi yaadama dhaabaa" akka fidan dubbatan.

Iddoo pirezidaantummaa erga qabatanii booda Asma al-Akhras waliin ga'ela kan godhatan Bashar, ijoollee sadi: Hafeez, Zeyin fi Kariim jedhamanis horataniiru.

Ilaalchi rifoormii siyaasaa fi bilisummaa miidiyaa Bashar Al-Asaad tibba yeroo aangoo isaanii jalqabaatti kaasan lammiilee Sooriyaa heddutti abdii kan hore ture. Haalli hooggansa isaanii sadarkaa barnootaa haadha warraa isaaniin ida'amee barri jijjiiramaa haaraan dhufaa akka jiru kan agarsiisu fakkaata ture.

Haaluma kanaan Sooriyaan yeroo gabaabaa "warraaqsa Damaasqoo" jedhamuun kan waamamutti falmiiwwan siiviilii akkasumas mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu keessatti mul'atee ture. Haa ta'u malee ALA bara 2001'tti humnootiin nageenyaa kunneen yaada mormii kaasan adamsuu eegalan.

Gama biraatiin Bashar rifoormiiwwan diinagdee muraasa hojiirra oolchuun dhaabbileen dhuunfaa akka babal'atan kan taasisan yemmuu ta'u, tibbi jalqabbii pirezidaantummaa isaanii durbiin isaanii Raami Maakluuf akkaan kan itti badhaadhan ture.

Maakluuf, qabeenya fi aangootti fayyadamuun impaayera diinagdee akkaan guddaa ta'e ijaarrataniiru.

Iraaq fi Libaanon

Waraanni Iraaq bara 2003 adeemsifame hariiroo Bashar al-Asaad fi mootummoota warra Lixaa akkaan kan miidhe ture.

Waqtii sanatti Pirezidaantiin Sooriyaa Bashar, weerara Iraaq irratti adeemsifamefii US'n durfamu mormanii turan. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti sababni Bashar weeraricha itti mormaniif yaada 'US itti aansitee Sooriyaa weeraruu dandeessi' jedhurraa kan ka'edha.

US gama isheetiin meeshaan waraanaa fi hidhattoonni daangaa biyyoota lamaanii keessa yeroo daddarban Bashar al-Asaad callisaniiru jechuun komatti.

ALA Mudde bara 2003 dhimma Iraaq fi Libaanon walqabatee US, Sooriyaa irratti qoqqobbii keesse. ALA Onkololeessa 2005 Ministirri Mummee Libaanon duraanii kan Sooriyaa mormuun beekaman Raafik Hariirii dhoohinsa guddaan magaalaa Beerut keessatti ajjeefaman. Battalattis Sooriyaafii michuuwwanshee irratti qubni akeekame.

Haaluma kanaan Libaanon keessatti mormiin dhoohe, Sooriyaa irrattis dhiibbaan idil addunyaa jabaate. Sooriyaanis loltootashee waggoota 30 ta'aniif Libaanon keessa turan baasuuf dirqamte.

Haa ta'u malee Asaadis ta'anii michuunsaanii Libaanon keessaa Hizboolaan ajjeechaa Hariirii keessaa harka akka hinqabne irra deddeebiin himaa turaniiru.

Warraaqsa Arabaa

Baroonni Pireezidaantummaa Bashar al-Asaad isaan jalqabaa kan michummaan Sooriyaa fi Iraan itti cime ture. Kana malees boodarra yaa jijjiiramu malee biyyattiin Qaatar fi Tarkii waliinis hariiroo gaarii tolfattee turte. Hariiroon Saawudi Arabiyaa waliin qabdu garuu bu'aa bahii kan qabu ture.

Akka waliigalaatti imaammanni alaa Bashar hordofan kan abbaan isaanii hordofaa turaniin walfakkaata. Lachuu hariiroo biyyoota waliin qaban jijijjiiraa garuummoo waraana kallattiirraa of fageessaa turan.

Gama biraatiin turtii aangoorra waggoota 10 booda mootummaan Bashar al-Asaad abbaa irree jedhamuu kan danda'u ture. Sababnisaas sagaleewwaan mormii biyyattii keessatti ukkaamfamaa turan.

ALA Mudde 2010 keessa haati warraa Bashar, Asmaa al-Asaad barruu 'Vogue' waliin gaafif deebii taasisuun biyyi isaanii haala "dimokiraatawaa" ta'een akka bultu himte.

Guyyaa walfakkaataatti Tuuniziyaa keessatti daldalaan kuduraa Mohammad Bo'aziizii miseensota poolisii biyyattiin erga rukkutamee booda ibidda ofitti qabsiise. Kunis warraaqsa Tuuniziyaatiif ka'umsa ta'uun Pirezidaantiin biyyattii aangoorra turan Ben Ali akka fonqolchaman taasise.

Warraaqsi Tuuniziyaa keessatti eegale kunis biyyoota Arabaa akka Ijipt, Yaman, Baahireen fi Sooriyaatti babal'ate.

Haaluma kanaan walakeessa ji'a Bitootessaa 2011 keessa Sooriyaa magaalaa Damaasqoo keessatti mormiin adeemsifame. Kana malees magaalaa kutaa Kibba biyyattiitti argamtu Daraa keessattis daa'imman dhaadannoowwan Bashar al-Asaad morman barreessuu isaaniitiin to'atamnaan hiriirri eegalame.

Torbeewwan lama booas Bashar Paarlaamaa biyyattiitti as bahuun fedhiin namoota heddu osoo hinguutamiin jiraachuu himan. Haa ta'u malee mormii ka'e kana akka to'atan dhaadatan.

Humnootiin nageenyaa namoota magaalaa Daraa keessatti hiriira bahan irratti dhukaasuun isaanii mormii biyyattii keessaa daran hammeesse, magaalota heddu keessattis Bashar aangoorraa akka bu'an gaafiiwwan ka'uu eegalan.

Mormitootaan "lixxee seentota humnootii alaan oofaman" jechuun kan qeeqan angawoonni Sooriyaa mormiiwwan biyyattii keessatti adeemsifaman humnaan faccisuuf yaalan.

Ji'oota muraasa boodas haalli biyyattii keessaa hammaachuun humnootii mootummaa fi kunneen mootummaa falman gidduutti waraanni ka'e.

Giddu seentummaa idil addunyaa, jihaadistoota fi yakka waraanaa…

Walitti bu'iinsi Sooriyaa keessaa hanguma hammaachaa deemu lakkoofsi namoota du'anii kuma kudhaniin lakkaa'amu gara kuma dhibbootaatti ol guddachuu UN tilmaamera.

Raashiyaa, Iraan fi hidhattoonni Iraaniin deegaraman Bashar al-Asaad cinaa hiriiruun yemmuu waraanicha keessatti hirmaatan Tarkii fi biyyoonni Galf kunneen biroon immoo mormitoota deeggaran.

Hiriirawwan mormii Asaad mormuun bahamaa turan gaafii dimokiraasii kan qaban ta'ullee booda keessa garuu miormitoota gidduutti qoodinsi uumamuu eegale.

Gareeleen mormituu muraasni mootummaan Asaad biyyattii keessatti lakkoofsa guddaa kan qaban warra Sunnii caalaa Alawaayitootatti goru jechuun qeeqa eegalan.

Giddu seentummaan biyyoota ollaas walqoodinsa kana ni hammeesse. Biyya ollaa kan taate Iraaq keessattimmoo gareen mankaraaristoota Islaamik Isteet (IS) guddachaa dhufe. Garichi wal waraansa Sooriyaa keessaa akka carraatti fayyadamuun biyyattii keessatti of ijaare, magaalaa Raaqaas magaalaa guddoosaa godhate.

Gama biraatiin ALA Hagayya 2013 dhiyeenya magaalaa Damaasqootti kan argamu Baha Ghoutaatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman haleellaa kemikaalaan ajjeefaman. Biyyoonni Lixaa fi mormitoonni Sooriyaa heleellichaaf mootummaa Asaad qeeqan. Damaasqoon garuu gochicha keessaa harka akka hinqabne himte, dhiibbaa fi doorsisa idil addunyaarraa kan ka'es kuufama meeshaa waraanaa keemikaalaa qabdus dhabamsiisuuf waliigalte.

Haa ta'u malee haleellaawwan keemikaalaa waraana Sooriyaa keessaa dhaabbachuu hin dandeenye. UN gama isaatiin gareeleen waraanicha keessatti hirmaatan hundi yakka waraanaa raawwataniiru jechuun komate.

ALA bara 2015'tti mootummaan Asaad kutaaleen biyyattii harki caalmaan harkaa fuudhamuun fonqolchamuuf fiixeerra gahee ture. Haa ta'u malee giddu seentummaan Raashiyaa mootummaa Asaaditti lubbuu hore, kutaalee biyyattii ijoo jedhamanis deebisee harkatti galfate.

Waraana Gaazaa

Waliigalteewwan naannoo fi idil addunyaa ALA bara 2018 hanga 2020'tti taasifaman humnootiin mootummaa Sooriyaa kutaalee biyyattii harka caalmaa akka to'atan fi gareeleen mormitootaa Islaamaa fi milishoonni Kurd immoo naannoo Kaaba fi Kaaba Bahaa biyyattii akka to'atan taasisan.

Waligalteewwan kunneen mootummaa Asaaditti humna horan, dirree dipilomaasii Arabaattis suuta deebi'uu eegale. Sooriyaanis ALA 2023 keessa Liigii Arabaatti deebite, biyyoonni Arabaas Damaasqoo keessatti imbaasiiwwan isaanii banatan.

Biyyattii keessatti gaaga'amni diinagdeen hammaatus Pirezidaantiin biyyattii Bashar al-Asaad qormaata isa cimaa kan darban fakkaata ture.

Haa ta'u malee Onkololeessa 2023'tti Hamaas Istaa'el irratti haleellaa banuun waraanni Gaazaa eegale. Waraanichi gara Libaanonitti babal'achuun michuu Asaad kan ta'e Hizboolaa irratti dhiibbaa uumuu eegale.

Walitti bu'iinsichi ajjeechaa hogganaasaa Hasan Nasrallaa dabalatee Hizboolaa irratti miidhaa cimaa geesise.

Guyyaa Libaanon keessatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamutti Sooriyaa keessattimmoo gareen mormituu Hayat Taahrir al-Shaamin (HTS) durfamu haleellaa daguu raawwachuun Sooriyaa keessatti magaalaa guddittii ishee lammaffaa kan taate Aleeppoo to'ate.

Gareen mormituu kun saffisaan imaluun magaalota akka Hama fi kunneen biroos yemmuu to'atu kutaaleen Kibba biyyattii to'annoo mootummaa Asaad jalaa bahan.