Shii fi Putiin waa'ee teknoloojii namni akka hin duune godhuu mari'achuun ijoo dubbii ta'e

Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpingi fi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin

Madda suuraa, AP

Waanti hoggaantootni biyyoota kaneenii sagalee waraabduu(mic) hin cufamiiniin warabame ijoo dubbii ta'eera.

Haasawa isaanii keessatti teknolojiin akka namni tasumaa hinduune gochuun akka danda'amu wayita dubbatan ni dhaga'ama. kun akkamiin ta'uu danda'a?

Waanti Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpingi fi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin agarsiisa waraanaa Beejiingitti geggeeffame cinaatti waa'ee keessoo qaama namaa bakka buusuun umurii dheeressuuf yaaluu hasawaa turan addunyaan sadarkaa kanarra ga'uu dandeessetti kan jedhu xiinxalama.

Sagalee waraabduu hin cufamne kanaan akka dhaga'amurtti. Putiin guddina baayooteknooloojiitiin namni akka hin duunee fi jireenya hin daangoofne jiraachuu danda'u taasisuun akka danda'amu yaadaa dhiyeessan jedha gabaasni bahe.

Waliin dubbiin isaanii kun kan ifa ta'e wayita pireezdaantootni biyyoota sadaani Pirezidaantiin; Chaayinaa Shii Jinpingi fi kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi kan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un Chaayinaa keessa waliin imalaa turan, TV mootummaa Chaayinaatiin kallattiin kan tamsa'aa turettidha.

Shii fi Puutiin waggoota 13 fi 25f aangoorra kan jiran yoo ta'u, lamaan isaaniiyyuu aangoo gadhiisuuf karoora qabaachuu isaanii hin agarsiifne.

Pirezidaantiin Chaayinaa hoggantoota Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa cinaa yeroo dhaabbatan sagantaa guyyaa injifannoo kana fayyadamuun sirna addunyaa gara fuula duraatiif mul'ata filannoo ta'u dhiyeessan.

Haa ta'u malee, mariin dhuunfaa isaanii hawwiin isaanii dhimma dinagdee fi siyaasaa qofa irratti kan hundaa'e akka hin taane agarsiisa.

Haasaa kana Puutiiniif kan hiike turjumaana afaan Mandarin hiikuu yoo ta'u fi Shiif ammoo nama afaan Raashiyaa hiiku ture, BBC'n ammoo gara Afaan Ingiliffaatti hiikeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Duraan namni tokko waggaa 70 ol jiraachuun waan hin baratamne ture, amma garuu umurii 70tti namni tokko ammallee daa'ima ta'ee itti fuufu akka danda'u dubbatu," jechuun turjumaanni Shii afaan Raashiyaatiin yeroo dubbatu dhaga'ameera.

Haasawni Puutiin irraa itti aanee dhufe kan turjumaana afaan Mandariin dubbatames itti dabaluudhaan: "Guddina baayooteknooloojiitiin qaamni namaa itti fufiinsaan jijjiirramuu danda'a, kunis namoonni yoomiyyuu dargaggeeyyii ta'anii akka yeroo dheera jiratan yoo barbaachisees namni tasuma akka hin duune gochuun akka danda'amu eera.

Sana booda turjumaanni Shii akkas jedhe, "Tilmaamni akka agarsiisutti jaarraa kana keessatti, carraan namni hanga waggaa 150 jiraachuu danda'u jira."

Putiin boodarra gaaffiifi deebii miidiyaa Raashiyaa waliin taasisaniin yaada isaanii kana irra deebi'anii akka dubbatan himameera.

Dhaabbanni oduu mootummaa Raashiyaa Tass wabeeffachuun akka ibsetti "Malli wal'aansa ammayyaa, tooftaaleen yaalaa, fi adeemsa baqaqsanii hodhuu qaama bakka buusuuf illee taasifamu dhala namaa umrii sochii yeroo dheeraa har'a qabnu caalaa akka jiraatu abdii akka qabaatu taasisa."

Umriin giddu galeessaa biyyoota adda addaatti garaagarummaa qabaatus, amma amma garuu umriin jireenyaa biyyoota hedduu baayyee dabalaa jira.

Suuraa hoggantoota biyyota sadeenii kan wayita qaama namaa jijjiiruu fi hanga waggaa 150 jiraachuu irratti mari'atan irraa fudhatame

Shiin akka ibsanitti, Chaayinaan waggaa 80ffaa xumura Waraana Addunyaa Lammaffaa yaadachuuf misaa'ela niwukilaraa addunyaa bira ga'uu danda'u dabalatee meeshaalee waraanaa bal'aa agarsiisuu isheetiin addunyaan nagaa fi waraana gidduu jiraachuu ishee ibsan

Agarsiisni Roobii darbe kun yeroo jalqabaaf hoggantoonni Chaayinaa, Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa ummata duratti waliin mul'achuu isaaniitiin kan beekamu yoo ta'u, xiinxaltoonni tokko tokko biyyoota dhihaa biyyoota kana irraa of fageessaniif ergaa cimaa akka ta'etti hiiku.

Chaayinaan taarifa Doonaald Tiraamp irra kaa'e hordofuun Ameerikaaf madaalawaa ta'uu dandeessu taatee of hundeessuuf kaayyeffatteetti.

Kibxata darbe pireezdaantiin Ameerikaa, Shiin hoggantoota Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin waliigaltee uumuun US irratti shira xaxuu jichuun himate.