Labsiin gareewwan 'fincila' keessatti hirmaatan akka paartii siyaasaatti galmaa'an eeyyamu ragga'e

Labsii Galmee Paartileefi Naamusaa duraan ture fooyyeessuun gareewwan siyaasaa sochii humnaa keessa socho’aa turaniif labsiin beekamtii seeraa kennu mana-maree bakka-bu’oota ummataatiin ragga’e.

Kibxata har’aa Waxabajji 04, 2024 mana-maree bakka bu’oota ummataatiif kan dhiyaate labsiin fooyyaa’e kun sagalee caalmaan raggaasifameera.

Manni-marichaa “gareewwan siyaasaa fincila keessatti hirmaatan galmeessuuf kan dandeessisu labsii fooyyaa’e yeroo raggaasisetti sagalee mormii lamaafi sagalee kennuu dhabuun tokko galmaa’eera.

Kibxata har’aa Waxabajjii 4, 2024 kan paarlaamaatti dhiyaatuufi kan hojiirra oolaa jiru, wixineen ‘‘Labsii Filannoo Itoophiyaa, Naamusa Paartiilee Siyaasaafi Filannoo’’ fooyyeessu kun labsii filannoo waggaa shan dura bahe kan fooyyeessuudha.

Fooyya’insi labsii kun adeemsa galmee paartii ta'uu garee siyaasaa fincila humna bu’uura taasifate keessatti hirmaataniifi kan aangoo Boordii Filannoo hammate yoo ta’u, gaaffii galmee kuffiisuudhaaf aangoon boordichaaf hin kennamne.

Haata’u malee, fooyya’insa labsii dhiyaaterratti, Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa paartii gara sochii siyaasa nagaatti deebi’e wagga lamaaf ‘‘haala addaatti hordoffii addaa’’ akka taasisuuf itti gaafatamummaa kenneeraaf.

Ibsi labsichaa BBCn ilaale, fooyya’insi kan barbaachise, ‘‘gareewwan sochii seeraa fi siyaasa nagaatiin ala socho’aa turan gara daandii nagatti sochuutti deebii’uuf… fedhii yoo agarsiisan, sirna qaamoolee kanneen paartii siyaasaa seera qabeessaa taasisuun galmeessuu kan dandeessisuu’’ labsii duraa keessatti waan hin hammatamneef ta’u kaasa.

Dhuma torban darbeerratti, mana maree ministirootaatiin fudhatama argachuun wixineen labsii har’a paarlaamaatti dhiyaatu keessatti, keewwanni sadii irratti keewwaniiwwan xiqqaan haaraan dabalamaniiru.

Keewwata xiqqaa haaraan kan itti dabalame labsiichi, keewwata labsii duraanii kan galmee paartilee siyaasaa ilaalatuutiidha.

Fooyyeessuun kunis garee siyaasaa ‘‘gochaa okkora humnaan guutamee’’ keessatti hirmaannaa qabu tokko adeemsa ittiin akka paartiitti galmaau danda’u kaa’eera.

Fooyyeessuun labsichaa ‘‘gochaa kana dhaabuu fi sirna dimokiraasii heera mootummaa kabajuun socha’udhaaf waliigalusaa ilaalchisee, yoo qaamni mootmmaa mirkanneesse, gareen siyaasaa haala addaatti akka paartii siyaasaatti galmaa’u danda’a,’’ jedha.

Paartii siyaasaa ta’un galmaa’uuf iyyata dhiyaatu kan ibsu keewwata labischaa irrtti keewwanni xiqqaan dabalameera.

Garee haala addaatiin akka paartii siyaasaatti galmaa’udhaaf iyyatuuf, ‘‘iyyata galmeetiin alatti sagantaa paartii siyaasa, ittiin bulmaata paartii siyaasaa, maqaa itti gaafatamtoota paartiichaa fi teessoo akkasumas itti gaafatamtoonni paartichaa itti gaafatamummaadhaan hojjachuudhaaf waliigaluusaan kan mirkanneessuu sanada mallattaa’e’’ dhiyeessuu akka qabaatan kaa’eera fooyya’insi taasifame.

Dabalataanis, keewwata itti-gaafatamummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa ibsu jalatti keewwatawwan xiqqaa lama daalamaniiru.

Akka keewwatawwan xiqqaa kannee lamaanitti Boordiin Filannoo iyyata "gareen gocha finciluu keessatti" socho'aa ture dhiyeesse guyyoota 15 keessatti Boordichi akka galmee raawwatuuf ibsameera.

Ibsa wixinee labsichaarratti, "akka labsii kanaatti Boordiin filannoo iyyata dhiyaate kuffisuudhaaf filannoon hin kennamneef jechuudha," jedha.

Boordichi hojii idileesaatiin gareewwan paartii ta'anii gamaa'uuf iyyata dhiyessan kuffiisuudhaaf aangoo ni qaba.

Ibsichi itti baluudhaanis, ‘‘boordichi kanneen iyyatan osoo adda hin baafne kallattiidhaan kan galmeessuu yoo ta’un wal qabatee, sirni itti fufiinsaan hordoffii fi to’annoo ittiin taasisuu labsameera’’ jedha.

Raawwii hordoffii boordichaa ilaalchiisuun, labbiisii fooyya’ee irratti ‘‘baatiiwwan jahan jalqabaa keessatti paartiin galmaa’e tokko sanadiwwan siyaasaa kan danbiiwwan labsii kanaa waliin wal siman ta’u, paartichi yaa’ii waliigalaa akka gaggeessuu ykn tarkaanfiiwwan sirreeffamee wal fakkaatan kaan akka fudhatuuf paartichaaf ajaja barbaachisaa kenna.’’

Boordichi yeroo hafan kaaniitti, paartiin siyaasaa sun ‘‘sochii siyaasa nagaa taasisaa jiraachusaa’’ irratti hordoffii taasisuu fi deebii kennuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.

Wixinneen fooyyaa’insaa itti dabaluudhaan, ‘‘paartiichi haaluma deebii kennameetiin dhimmoota sirreeffamu qabaatan yoo sirreessuu baatee fi yoo sarbama seeraa cimaa kan raawwate ta’e boordichi adeemsa addaa osoo hin hordofne galmee paartichaa haquudhaaf aangoo ni qabaata’’ jedhan.

Waliigaltee piritoriyaa mootummaafi TPLF jidduutti mallattaa’uun waraana cimaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa turetti dhuma godheen booda, TPLF akka seera qabeessummaansaa deebii’uuf gaaffiin dhiyeessee osoo fudhatama hin argatiin hafee ture.

Fooyya’insii labsii filannoo kunis akka taasifamuuf sababa kan ta’e, gaaffii TPLF kanaaf seebii kennuuf kan dandeessiisu bu’uurri seeraa waan hin turreef ta’un himamaa ture.

Labsiin filannoo hojiirra jiru, ‘‘paartiin siyaasaa gocha fincilaa humnaan guutame, gochaawwan yakkaa malaamaltummaan wal qabatan fi gochaa waliin dhahuu kan raawwatan yoo ta’e, galmeerraa haqamu akka danda’u kaa’eera.

Boordiichi labsii kana eeruudhaan, seera qabeessummaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF)waggaa sadiin dura haqamunsaa ni yaadatama.

Boordiin filannoo yeroos, ‘‘itti gaafatamtoonni paartiichaa akka maqaa paartichaatiin hin sochooneef’’ murtee dabarsee ture.

TPLF irra deebiin beekkamtii seeraa argachuun akka paartii siyaasaatti socha’u kan danda’u, ‘‘irra deebiin yoo gaaffii galmee dhiyeessee fi boordichis seera bu’urreeffachuun yoo hayyameef’’ akka ta’e murtee boordichaarratti kaa’ameera.

Murteen boordii filannoo kun TPLF biratti fudhatama hin argannee ture. TPLF ibsa erga murteen kun darbeen guyypptaabooda baaseen, ‘‘murtichi abdii nageenyaa Itoophiyaatti mul’ataa jiru deeggaruu irra abbaa waliigaltichaa mummee kan ta’e TPLF akka hin jiraanee gochuudhaaf’’ kan keeyyifateedha jechuun boordii filannoo himatee ture.