Ibsa Ameerikaa mootummaa Itoophiyaa dheekkamsiiserratti hayyoonni siyaasaa maal jedhu?

Xiinxalaa siyaasaa beekamaa Jawaar Mahaammad mootummaan Itoophiyaa ibsa Itoophiyaatti Ambaasaddarri Ameerikaa Ervin Maasingaa kennan balaaleffachuun akka isa gaddisiise hime. Ibsi Ameerikaa kun waanuma biyya michuu dhugaa tokkorraa eegamu jedhe.

Pirofeesar Mararaa Guddinaa ammoo Ibsi Ameerikaan kennite’’ imala kallattii sirriif tarkaanfii sirrii jalqabaa fudhatame’’ jedhan. Pirofeesar Mararaan ibsichi mootummaa haa dheekkamsiisu malee ‘’nuyi gama keenyaan gahaa miti’’ jenna jedhan.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa, Roobii Caamsaa 15, 2024 dhimma mirgoota namoomaafi marii biyyaalessaa Itoophiyaatti gaggeeffamurratti 'dubbii imaammataa'(Policy speech) yeroo dhiyeessan seenaa Itoophiyaa keessatti waraanni miidhama malee furmaata akka hin fidne eeran.

Ambaasaddarichi lammileen nagaa biyyattii keessa jiran qaamolee gara garaan ajjeefamaafi gidiraan irra gahaa jiraachuutti Ameerikaan baayyee akka gadditu ibsan.

Ambaasaaddar Masingaan, rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru karaa nagaan akka furamuuf Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee qaamolee hidhatanii socho’aniifi mootummaatiif waamicha godhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo ibsi Ambaasadarichi kennan odeeffannoo gar-tokkee fi maqa balleessii kan of keessaa qabudha jedhe.

Jawaar Fuula Feesbuukii isaarratti akka barreessetti Ambaasaaddar Masiingaan akka biya michuu dhugaa tokkootti rakkoo siyaasa Itoophiyaa keessaa karaa marii nagaa malee waraanaan akka hin furamne ibsan jedhe.

‘’Ambaasaddarichi bira qabee jechoota dippilomaasii fayyadamee odeessuu hin dhaqne. Inumaayyuu ifatti, amanamummaan akka biyya michuu dhugaa tokko irraa eegamuutti ibse,’’ jedhe

Itti aansuun Jawaar ‘’Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa waamicha nagaa ambaasaadarichi godhan balaaleffachuun na gaddisiiseera jechuun barreesse.

‘’Erga waliigalteen nagaa Piriitooriyaa mallattaa’ee mootummaan waraana waliinii biyyicha keessaa karaa nagaan furuuf tarkaanfii fudhachaa ture. Hedduun keenya mootummaan waraana labsuurraa gara nagaa buusuutti dhufuu isaa dinqisiifannee fudhanneerra.

‘’Amma garuu mootummaan waadaa isaa cabsuun waraana karaa nagaa xumuruu fi dirree siyaasaa banuu irratti waan duubatti deebi’aa jiru fakkaata,’’ jechuun Jawaar yaada isaa barreesse.

Dura Taa’aan KFO fi hayyuun siyaasaa Piroofeser mararaa Guddinaa ammoo Ameerikaan ‘’bakka madaa isaaniitti waan buuteef balaaleffatan. Nuyi ibsa Ameerikaa hin fudhannu. Isinis hin dhaggeeffatiinaa jedhanii uummataaf ergaa dabarsuuf fakkaata’’ jedhan.

Dabalataan Pirofeesar Mararaan Ameerikaan ‘’akkamitti hidhattoota waliin wal nu qixxeessu jedhanii mufachuu hin oolle jedhan.

‘’Mootummaan Itoophiyaa Ameerikaan akkamiin warra hidhattootaa waliin wal nu qixxeessitee ibsicha kenniti kan jedhutu isaan dheekkamsiise. Nuyi mootummaa uummataan filatamedha. Isaan shiftaa, mootummaa humnaan fonqolchuuu barbaadu, kan jedhutu mufachiise fakkaata,’’ jedhan.

Dabalataan mootummaan osoo karaa dippilomaasii keessaan dubbachuu fi waraqaan waliif ibsuu osoo qabnuu maaf ifatti dubbatan kan jedhutu dheekkamsise jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaas ibsa Ambaasaddarichi kennan dippiloomatawaa miti, hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii kan ibsu miti. Dogogorroonni ibsicha keessaa akka sirrataniif hojjenna jedhe.

Pirofeesar Mararaan ibsa Ameerikaa kana dura Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US waliin haala qabatamaa siyaasa Itoophiyaarratti warra marii gaggeessaan keessaa tokko.

Xiinxalaan siyaasaa Jawaar mootummaan Itoophiyaa ‘’mormitoota waraanaan balleessuuf yaalaa jira. Tooftaan kun ammoo kana dura yaalamee kufuun biyyattiis balaa guddaaf kan saaxiledha.

‘’Bu’aa karaa marii nagaa argame itichuu irra waraana jabaa fi hojii piropaagaandaatti taa’e. Cinatti ammoo duula filannoo gaggeessuu jalqabe. Kun dogogora bara 2020 gara waraanaatti galche irra deebi’uudha,’’ jechuun barreesse.

Jawaarii bulchiinsa MM Abiy jalatti ofiis mana hidhaa turee erga bahee hirmaannaan siyaasaa taasisu hedduu hin mul’atu.

'Mariin biyyaalessaa Oromiyaa fi Amaaraaf hin mijatu'

Itoophiyaan Marii Biyyaalessaa rakkoo siyaasaa biyyattii keessaa fura jettee abdatte gaggeessuf amma sadarkaa murteessaarra gahuu ibsiteetti.

Milkaa’ina marii kanaa fi Haqa Yeroo Ce’umsaa biyyattiitti dhufa jedhameefis biyyootni Lixaa deeggarsa maallaqaa dabalatee kennaafii jiru.

Ameerikaan Mariin Biyyaalessaa kun ‘’fudhatama kan qabuu fi hunda kan hammate’’ tahuu qaba jetti.

Garuu rakkoo nageenyaa guddaa kan qabdu keessa kan socho’an ABO fi KFO ‘’furmaata waaraa kan argamsiisu miti, mootummaan yeroo bitachuuf itti fayyadama’’ jechuun dursanii maricha keessaa bahaniiru.

Jawaar Mahaammad Marii Biyyaalessaa ilaalchisee haala qabatamaa keessa jiraniin naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraaf waan hojjetu miti jedhe.

’’Naannolee lamaan sochii waraanaa jala jiraachuu kan eeru Jawaar, hoggantootni mootummaallee naannolee kanneen keessa eegumsa humna nageenyaa cimaan akka socho’an hime. Paartilee mormituuf ammoo carraan kun hin jiru. Kun ammoo uummata walitti qabanii mariisiisuuf mijataa miti’’ jedhe.

Paartileen tokko tokko hoggantootni isaanii waan jalaa hidhamaniif marii biyyaalessaa kana irratti osoo hirmaachuu barbaadanillee nama bakka buufatan hin qaban. Kanaaf fakkeenya kan tahu ABOdha. Hoggantootni siyaasaa tokko tokko ammoo sodaa nageenyaa irraa kan ka’e siyaasa keessatti hirmaachuu dhaabaniiru jedhe.

Piroofesar Mararaa Guddinaa ‘’mootummaan umurii dheereffachuuf qofa itti fayyadama. Warra Ameerikaattis himneerra. Marichi hunda kan hammate miti. Kan araaramuu qabu warra qawween wal waraanudha. Isaan maricha keessa hin jiran. Eenyuun walitti araarsuuf deemu?'' jedhan.

Piroofesar Mararaan erga Ergamaa Addaa US waliin mari’atanii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaachuuf ejjennoo keessan jijjiirtaniittuu jedhee BBC gaafateef ‘’lakki, garuu warra Ameerikaa akka inni hammataa hin taane fi fudhatama hin qabne hubachiisneerra. Paartileen as keessatti hin hirmaanne hedduutu jiru’’ jedhan.

Itoophiyaan biyya guddoo Gaanfa Afrikaa keessaa uummata miliyoona 120 qabdu yoo taatu waggoota shaman darba kana keessa rakkoo nageenyaa guddaaf saaxilamteetti.

Uummanni maaliif callise?

Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad uummanni callisuun paartii biyya bulchaa jiruuf beekamtii kennuu miti. Mootummaansi kanaan dogogoruu hin qabu. Uummanni kan calliseef namoonni siyaasaa akka waliin mari’atanii nagaa buusaniif carraa kennuuf jedheeti jechuun barreesse.

Mootummaan garuu fudhatamummaa uummataa argachuuf maal godhe? Seera-maleessummaan babal’achuufi qaala’insi jireenyaa hammaachuu?

Ummanni kan calliseef waraana dhuma hin qabneefi rakkoo dingdee mudataa jiru nuffeeti jechuun fuula Feesbuukii isaa irratti barreesse.

Jawaar itti dabaluun mootummaan hidhattootni hidhannoo hiikkachuun karaa nagaa galaa jiru jechuun kan ibsaa ture hedduun isaa odeeffannoo sobaa tahuu hima.

Ammayyuu daandiin godinaalee fi magaalota wal qunnamsiisan rakkoo nageenyaaf saaxilamii akka jiran himuun mootummaan karaa akkanaa deemurra marii nagaan wal dhabdicha xumuruu akka qabu akeeke.

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO yeroo lama Taanzaaniyaatti marii nagaaf taa'anii osoo walii hin galiin hafaniiru.

Hanga fiixaan baasnutti irraa abdii hin kutannu kan jette Ameerikaan, ammas hidhattootni marii nagaaf of qopheessuu akka qaban dhaamteetti.

Mootummaan Itoophiyaas nageenya biyyattiif itti gaafatamummaa kan qabu isa waan taheef meeshaa waraanaan rakkoo siyaasaa mudate hiikuuf yaaluu akka hin qabne himte.

Namoota siyaasaa hidhuu fi ajjeesuunis akka dhaabbachuu qabu ibsiteetti.