Somaaliyaan waldhabdee Abbayyaa irratti Masrii deeggaruu haalte

Hidha laga Abbayyaa

Somaaliyaan waldhabdee Hidha Guddicha Abbayyaa irratti Itoophiyaa fi Masrii jidduutti umamee irratti Masrii deeggartee jirti jedhamuu haalte.

Dubbi himaan Pirezidaantii Somaaliyaa, Abdikaaariin Ali-Kaar, gaaffii fi deebii BBC Somaalii waliin taasisaniin, ‘‘pirezidaantiiwwan Masriifi Somaaliyaa dhimma ijaarsaa fi bishaanii guutuu Hidha Guddicha Abbayyaa irratti ejjannoon waloo ifatti qoodan homtu hin jiru,’’ jedhaniiru.

Aab Kaar akka jedhaniitti, ejjannoon Somaaliyaa seera idil-addunyaa itti fayyadama bishaan Abbayyaa hogganu deeggarra.

Yaadni Dubbii Himaa kanaatiis erga Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Sisiin pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin dhimma ‘‘imaammatawwan balaafamoo gam-tokkee Itoophiyaa hidha Abbaayyaa irratti mari’anneera jedhaniin booda kan kennameedha.

Aab Kaar garuu pirezidaanti Hasan wayita Abdul Fattaah Al-Sisii waliin Kaayiroo turaniitti dhimma Abbayyaa irratti ejjannoo isaa hin ibsine jechuun haalaniiru.

Dura maaltu jedhamee ture?

Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-sisin Pirezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheeh Mohaammad kan daawwannaadhaaf gara Kaayiroo imala waliin waa’ee hidha guddichaa irratti mari’achunsaanii gabaafameera.

Hoggantoonni lamaan kunneen erga dhimmoota garaa garaa irratti mari’ataniin booda ibsa gaazeexeessitootaaf kennan irratti pirezidaanti Al-sisiin akka dubbataniitti, gitasaanii Somaaliiyaa waliin pirojaktoota lageen idil-addunyaa irratti ijaaraman irratti ‘‘imaammatawwan dhuunfaa balaafamoo’’ dhimmoota jedhaniin irratti mari’achu ibsaniiru.

Kunis ijaarsa hidha madda anniisaa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti adeemsiisaa jirtuun wal qabtee, Masriifi Sudaan osoo seerri dirqiisiisaan hin jiraatiin hidhicha bishaaniin guutu cimasanii mormaa turuunsaani ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee Itoophiyaan gaaffii biyyoota lamaanii osoo hin fudhatiin waggoota lamaan darbaniif hojii hidhicha bishaaniin guutuu haala mikaa’aa ta’ee gaggeessuu beeksiisuun, Adooleessa kana keessas marsaa sadaffaa isaa akka raawwachuuf qophaa’aa jirti.

Pirezidaantiin Masriifi gitisaanii Somaaliiyaa ibsa kallattiin TV irratti waloon kennaniin, hoggantoonni lamaan hidhicha bishaaniin guutuu fi hojii itti aanan ilaalchisee waliigaltee seeraa dirqisiisaa irra gahamun barbaachisaa ta’usaa waliigaluu Al-Siisiin dubbataniiru.

‘‘Dhimmoota hidha Guddiicha ilaalaturratti mari’anneera. Akkasumas Pirojektiiwwan lageen idil-addunyaa irratti aggeeffaman irratti imaammanniiwwan dhuunfaan gaggeeffaman balaan isaan qaqqabsiisan irratti mari’anneera. Ulaagaa wal ta’insaa fi mariif aboomamoo ta’u irrattis yaada wal jijjiirreera,’’ jechuun dubbatan Al-Sisiin.

Pirezidaantiin haaraan Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gamasaanitiin, hidha guddicha bishaaniin guutuu fi hojiiwwan isaan wal qabata irratti waliigalteen seeraafi dirqiisiisaa ta’e irra gahuun barbaachisaa ta’u Al-Sisii waliin waliigaluu akka dubbatan gaazeexaan Al-Haaram gabaaseera.

Hanga Bishaan Abbayyaa Masriin barootaaf daangaa tokko malee itti fayyadamaa baate, hidhi guddichi amma ijaarsi isaa xumuramaa jiruu na jalaa hir’isa jechuun, haala bishaan hidhichaa itti qabamuu fi itti gadhiifamu ilaalchisee Itoophiyaan waliigaltee dirqiisiisaa akka mallatteessitu barbaaddi.

Kanaan dura marsaalee lama hidhicha bishaaniin guutuun marsaa sadaffaaf qopha'aa kan jirtuu Itoophiyaa irratti dhiibbaa taasisuuf Masriin yaalii siyaasaafi dippilomaasii taasisaa jirti.

Jalqaba ji’a kanaatti Abdul Fattaa Alsiisii Sawud Arabiyaatti daawwannaa irra kan turan pirezidaantii Ameerikaa Joo Biden hidha guddicha Itoophiyaa Idhimmoota gurguddoo biroo irratti waliin dubbbachuun isaanii ni yaadatama.

Pirezidaanti Al Siisiin hidhicha bishaaniin guutuu fi hojii itti aanuu ilaalchisee karaa wabii bishaan Masirii kabachiisuun ‘’waliigaltee dhaabbataa irra akka gahamu’’ ejjenno biyyi isaanii qabdu Baayideniif ibsaniiru.

Pirezidaanti Baayidenis wabii bishaan Masirii biyyi isaanii akka deeggartu himuun, nageenyaa fi badhaadhina naannichaa karaa gumaachuu danda’uun faayidaa qaama hundaa karaa kabachiiseen furmaata dippilomaasii argamsiisuuf akka hojjetan himaniiru.

Torban kana keessa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US kan tahan Maayik Hamar UAE, Masirii fi Itophiyaatti daawwannaa kan taasisan yoo tahu, dhimmoota irratti mari’atan keessaa tokko dhimma hidha guddichaa Itoophiyaa akka tahe dubbataniiru.

Itoophiyaa waliin daangaa baay’ee dheeraa kan qooddattuu fi waggoota hedduuf tasbabbii dhabdee kan turte Somaaliyaan humnootni nagaa kabachiiftotaa Itoophiyaa kan keessatti argaman nagaa kabachiiftota Gamtaa Afrikaan deeggaramti.

Bara bulchiinsa Mohaammad bdullaahi Farmaajoo hariiroon Itoophiyaa waliinii baay’ee gaarii tahus hariiroo Somaaliyaan Kaayiroo waliin qabdu garuu qabbanaa’ee tureera.

Daawwannaan pirezidaanti Somaaliyaa ammaas kana haaressuuf kan kaayyeffatedha.

Gaggeesitootni Somaaliyaa kana duraa dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaa fi Masirii gidduutti atakaaroo kaasee irratti akka ammaa kana ifatti dubbataa hin turre.

Itoophiyaa waliin hariiroo cimaa waan qabaniif dhimma hidhichaa irratti osoo hin dubbataniin turaniiru.

Torban darbe Itoophiyaa daawwatu jedhamee eegamaa kan turan pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad sababa hin beekamneen gara Itoophiyaa osoo hin dhufiin hafaniiru.

 Gara Masirii deemuun pirezidaanti Al Siisii waliin hariiroo biyyoot alameenii fi naannichaa irratti mari’achuun isaanii himameera.

Dhimma hidha haaromsaa gaggeesitootni lameen dubbatan irratti gama Itoophiyaan waanti jedhame hin jiru.