Daawwannaan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa, Sargee Laavroov, Afrikaatti taasisan maal akeeka?

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov

Madda suuraa, EPA

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa, Sargee Laavroov, daawwannaa isaanii biyyoota Afriikaa afurii Wiixata Adooleessa 25, 2022 Masriitti kan eegalan yoo ta’u, Kibxata Finfinnee akka galan eegama.

Laavroov daawwannaa isaanii kanaan Marsii fi Itoophiyaan alattis, Yugaandaa fi Koongoo-Braazaavil akka daawwatan himameera.

Raashiyaan sababii waraana Yukireen irratti banteen wal qabatee, keessattuu biyyoota lixaa irraa qoqqoophaa diinagdeefi dippilomaasii cimaatu irra gahaa jira.

Kanaafuu daawwannaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa tibbana biyyoota Afriikaatti taasisan kun maal akeekaa laata?

Dhimma kanatti deebii aragchuuf BBC Qorataa Damee Afriikaafi Oriental Naamiin Ashannaafii dubbise.

Naamiin, haala amma Raashiyaan keessatti argamtuu fi biyyoota inni daawwaturraa ka’amee yoo ilaalamuu, dhiibbaa dippilomaasiifi diinagdee warra liixaatiin irra gahee jijjiiruurratti kan kaayyeeffatedha jedhan.

Naamiin ‘‘daawwannaan qondaala olaanaa Raashiyaa kun biyyoota Afriikaa keessatti taasisan qoqqophii biyyoota liixaatiin Raashiyaa irra jiru salpifachuufi deeggartoota ykn biyyoota michuu barbaacha kan mul’isu fakkaata,’’ jedhan.

Raashiyaan erga waraana Yukireenitti eegalteen booda keessattuu gama oomisha bobba’aa ishee biyyoota Awurooppaafi kaanitti ergituun wal qabatee rakkoo olaanaan mudachuu akka fakkeenyaatti kaasu qorataan kun.

‘‘Daawwannaan miilanaa kunis haala sana salphiisuufi deeggartoota barbaachaa akkasumas sadarkaa addunyaatti gulantaa waltajjiiwwan addunyaarratti irra turte eegsiifachuuf jecha biyyoota Afriikaa of maddii hiriisuu irratti kan kaayyeeffate natti fakkaata’’ jedhan.

Walitti dhufeenya Itoophiyaafi Raashiyaa duraanii

Gama walitti dhufeenya dippilomaasii Raashiyaan Itoophiyaa waliin qabdu ilaalchisuunis, keessattu tumsa Raashiyaan tibba waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeffamaa turte taasifte akka fakkeenyaatti kaasu akka danda'amu himu Naamiin.

Waraanichaan wal qabtee yaadawwan murtee Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaarratti dabarsuuf dhiyaataa turan fuldura dhaabbachuun, deeggarsa Raashiyaan Itoophiyaaf taasisaa turun ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatunis tibba Raashiyaan waraana Yukireen irratti eegalteetti walga'ii manni Maree nageenyaa UN taa'eerratti Itoophiyaan sagalee osoo hin kenniin hafte.

Daawwannaa ammaa kunis tarii walitti dhufeenya duraan Raashiyaafi biyyoota Afriikaa kaan jidduu ture cimfachuuf ta’u akka danda’u kaasu qorataa Naa’im.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatinis Mootummaan Itoophiyaa waldhabdee TPLF waliin qabu karaa nagaatiin furuudhaaf fedha agrsiisaa waan jiruuf, tarii Raashiyaan gaheen gama sanaan ba'u dandeessu maal akka ta'e adda baasuu irratti kan xiyyeeffate ta’u akka malus kaasaniiru.

Hundarra ammoo dhiibbaa Ameerikaa fi Chaayinaan Afriikaa keessatti qaban caalaa gahee qabaattu cimfachu irratti kan xiyyeefate ta’ullee akka danda’u tilmaama isaanii kaasaniiru.

''Biyyi kamuu nageenya, tasgabbii akkasumas diinagdee keessoo yoo jabeeffatte dhiibbaa biyya biraa kamuu dandamachu ni dandeesi'' kan jedhan qorataan kun, imaammata alaa ifa tahe qabaachunis biyyoonni walitti dhufeenya waliin qabaatan keessatti dhimma murteessaa ta’u kaasu.

Haata’u malee keessattuu erga waraanni kaaba Itoophiyaatti eegalee kaasee dhaggeettiin Itoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa fi kaan waliin qabdu kan laafe fakkaata jedha.

Kanaafis fakkeenya yoo caqasan, ‘‘pirezidaantii haaraan Somaaliyaa Itoophiya osoo daawwatiin biyyoota akka Keeniyaa, Eertiraa fi Taanzaaniyaa deemaniiru. Finfinnee ni dhufu jedhamee booda haqameera. Dur garuu akkas hin turre. Kunis agarsiiftuu dippilomaasiin keenyaa gadi bu’usaati’’ jedhan.

Haata’u malee biyyoonni Lixaa waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtuun addunyaarratti qala'iinsa jireenyaa uumtee jirti jechuun balaaleeffataa jirti.

Biyyoonni Afriikaa waraana Raashiyaa-Yukireen booda gatii nyaataafi boba'aa garmaleetiin rakkata jiraachun gabaafameera.