'Fayyaan ijaafi guddinni sammuu keenyaa akkaan wal qabataadha'-Oggeessa fayyaa

Madda suuraa, Dr Amare Atomsa
Jechi ‘akka qaroo ijaatti’ jedhu agartuun keenya waan qaaliifi kan kunuunsa cimaa barbaaduu ta’u agarsiisa.
Haata’u malee, akka biyyaatti xiyyeeffannoon fayyaa ijaatiif kenname gadi aanaa ta’uu yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi inspeeshaalistiin ijaa Dr. Amaaree Atoomsaa ni dubbatu.
‘‘Ijji qaamota miiraa keenya keessaa isa murteesaadha. Guddinnisaas sammuu keenya faana walqabata waan ta’eef, ijji keenya foddaa sammuu (lens of our brain)dha’’ jechuun, hojiiwwan sammuun keenya hojjetuuf ijji murteessaa ta’uu dubbatu.
Xiyyeeffannoon fayyaa ijaaf kenname maal fakkaata?
Akka biyya keenyaatti waa’een fayyaa ijaa baay’ee kan irratti hojjetame miti kan jedhan Dr. Amaareen, gama mootummaatiinis xiyyeefannoon imaammanni fayyaa biyyattii fayyaa ijaatiif kenne daran gadaanaa ta’u himu.
Akka biyyaattis tajaajilli wallaansa ijaa kennamu muraasaafi ogeessonni fayyaa ijaas akkasuma lakkoofsaan xiqqoo ta’uu himu ogeessi kun.
“Baay’inni uummata biyya keenyaafi wallaansi ijaa kennamu wal hin gitu. Akkuma biyyaattuu jidduugalli yaala ijaa gurguddoon sadarkaa isaanii eeggachuun tajaajila kennan magaalota shan: Jimma, Gondar, Hawaasaa, Bahardaariifi Finfinnee qofatti argamu’’ jedhu.
Akka Lixa Itoopiyaatti ammo tajaajilli fayyaa ijaaf kennamu hospitaala Yunivarsiitii Jimmatti qofatti waan ta’eef, kanneen rakkoo fayyaa ijaa qaban, Kibba Lixa Itoopiyaa Miizaan Teepii, Iluu Abbaaboorii hanga naannoo Gaambeellatti garas imaluun yaalamu jedhu.
Akka naanoottis ‘‘Gambeellaa fi Beenishaangul Gumuz giddugala wallaansa ijaas ta’ee ogeessa wallaansa ijaa tokkollee kan hin qabne yoo ta’an, naannoon Somaalee fi Affaar ammoo reefu jijiirama mul’isaa dhufan malee hanqinni giddugalaa yaala ijaa bal’inaan mul’ata,” jedha Dr. Amaareen.
Hawaasnis fayyaafi wallaansa ijaatiif bakka guddaa akka hin kennine kan dubbatu oggeessi fayyaa kun, Itoophiyaatti qofa osoo hin taane keessattuu biyyoota guddataa jiranitti hubannoo uummanni dhibeefi fayyaa ijaarrati qabu gadaanaa ta’uu dubbatu.
Akkasumas, ilaalchi hawaasni namoota fuullee ijaa (kishaabee) keewwataniif qabu dogongora waan ta’eef, “namoonni rakkoo qaroo dhiyoo qabaniif ennaa fuullee ijaa ajajnu, ‘lakkii qananiif waan fakkaatuuf kaawwachuun nan qaana’a’ akka ittiin jedhan dubbatu Dr. Amaareen. Kunis wallaansa fayyaa ijaarratti dhiibbaa qabaachu kaasu.
Sababoonni fayyaa ijaa miidhan maal fa’i?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Dr. Amaareen BBC’tti himanitti, akkuma waliigalaattuu rakkoon fayyaa ijaa inni guddaan rakkoo umuriin deemuu ykn jaaruudha. Rakkoon ijaa jaamuu %80 ta’us namoota umuriinsaanii shantamaa ol ta’erratti mul’ata.
Irra caalli rakkoo ijaa kanneen umurii waliin walqabatus, namoota umuriin hin dulloomne irratti gonkumaa hin mul’atu jechuu miti. Yeroo tokko tokkoo ammoo da’imman waggaa tokkootii kaasee rakkina ijaaf akka saaxilaman dubbatu ogeessi kun.
“Sababiiwwan rakkina arguu ijaatiif (visual impairment) madda ta’an keesaa moorri ijaa isa guddaadha. Moora ijaa jechuun leensiin ija keenyaa ifa dabarsuu yoo dhadhabu, moora ijaa jenna, kunis dhibbantaa shantamaa ol jaamummaaf kan gumaachudha,” jedhu Dr. Amaareen.
Isatti aanee ammoo infeekshiniin ijaa kan akka tiraakoomaa, koorniyaa ykn dhibeewwan hanqina nyaataatiin walqabatanii baay’inaan biyya keenya dabalatee biyyoota guddatarratti argaman keessatti mul’ata. Giyyoota guddatan keessatti rakkoowwan akka gilaakoomaa rakkoo jaamummaaf saaxilaniidha oggeessi kun.
Mudoon qaroo (refractive error) sababa biraa fayyaa ijaa hubudha. Innis mudoo qaroo dhiyoo fi mudoo qaroo fagoo jedhamuun bakka lamatti qoodama. Ifti gara ijaatti seenu bakka retina jedhamu irra erga boqoteen booda ijji ifa sana fuudhee gara sammuutti dabarsa.
Sammuunis xiinxalee akka nuti wayii arginu nu dandeessisa. Yoo ifti gara ijaa seenu retina irra qaqqabuu hanqate, rakkoo mudoo qaroo fagoo (hyperopia)tu uumama. Kunis, waantota dhiyeenyatti argama arguuf danqa jechuun ibsu.
Mudoon qaroo dhiyoo (myopia) ammoo kan uumamu yoo ifti retina fuulduratti hafedha. Mudoon qaroo kanaanis waantota fageenyarra jiran qulqulleessee arguun ni rakkisa.
Mudoon qaroo dhiyoo biyyota akka Kooriyaa, Jaappaaniifi Chaayinaatti baay’ee olaanaa ta’un himamu kunis, biyya keenyattis dabalaa jiraachuu himu Dr. Amaareen. Mudoon qaroo kunis rakkoo ijaa daa’imman irratti baay’naan beekamudhas jedhu.
Akka Dr. Amaareen jedhanitti, rakkoon ijaa umurii gameessummaafi dullumaatiin walqabatee dhufu (Presbyopia) akka jedhamu kaasu. Rakkoon kunis namoonni yeroo gara waggaa afurtamaatti siqatan dandeettiin wantoota dhiyootti arguu kan akka qubee xixiqqaa dubbisuuf rakkachuuf nama saaxila.
‘‘Iji keenyaa dhiyootti arguuf leensiin bocasaa jijjiirata. Kunis sababii umurii faana dandeettiin leensii ijaa dhiyootti arguusaa gadi bu’a ykn dhabaa deema jechuudha.
Akka aadaa ta’ee namni ija gurguddaa qabuu akka miidhaginaatti ilaalama kan jedhan Dr. Amaareen, faallaa kanaa garuu gurguddinni ijaa sababoota mudooo qaroo dhiyootiif gumaachan keessaa tokko ta’uu akka danda’an dubbatu.
Vidiyoo fi tapha (game) gara garaa akkasumas bilbila harkaa (mobile) sa’aatii dheeraaf ilaaluun sababoota keessumaa daa’imman rakkoo qaroo dhiyootiif saaxiluu danda’u jedhan.
Ammaan tanas keessumattuu biyyoota guddatan keessatti mudoon qaroo dhiyoo saffisaan dabalaa jira; kunis sababii da’imman ijollummaan yeroo dheeraaf bilbilaafi geemiiwwan garaa garaa ilaalaniif jedhu. Kanaafuu maatii magaalaa gama kanaan daa’immanii isaaniif of eeggannoo akka taasisan gorsu Dr. Amaareen. Dhibeen qaroo dhiyoo kunis yeroon yaliin barbaachisuu yoo hin tasifamneef rakkoo hagana jaamummaaf saaxilu mala jedhu. “Biyyoota guddataniitti daa’imni tokko guyyaa dhalate irraa eegalee ijji isa ni ilaalama. Biyya keenyaati ammoo xiyyeeffannoon kanaaf kennamu xiqqaadha. Namni tokko rakkina ijaa qabaachuun kan baramu erga guddatee waa arguu dadhabee booda.
‘‘Ijji daa’immanii naannoo waggaa torbaatti guddina waan dhaabuuf, yeroodhaan adda baasuun wallaanuu dhabuun jaamummaa hin fayyine (irreversible blindness) qaqabsiisuu danda’a,” jechuun BBC’tti himan Dr. Amaareen.
Rakkoon mudoo qaroo dhiyoo fi fagoo salpumatti yaalamuu danda’ama kan jedhan Dr Amaareen, rakinnichi erga oggeessaan adda baafameen booda salphaadhumatti kanneen leensii ijaa isaan barbaachisuuf ifti salphaatti retina irra akka qubatu gochuun rakkicha furuun nagaan jiraachuu akka danda’amu himu.

Madda suuraa, Dr Amare Atoma
Danqaaleen wallaansa ijaa maali?
Biyya keenyatti ilaalchi fi hanqinni hubannoo jiraachu kaasu. Fakkeenyaaf ilaalchi hawaasni keessatti baadiyaatti rakkoo ijaatiif jecha fuullee ijaa keewwachurratti qabu dogongora jedhu Dr. Amaareen.
Bakka tokko tokkotti ammo namni dhukkuba kanaan qabame fuullee ijaa kaawwatee fayyuu ykn waa dalaguu akka hin dandeenyetti hubatama kan jedhan oggeessi kun, garuu kun yaada dogongoraa ta’u eeru.
Yunivarsiitii Diillaatti barsiistuufi ogeettii meedikaal fiiziwoolojistii kan taatee, Biruktii Baqqalaa, mudoo qaroo dhiyoo (myopia) waan qabduuf daa’imummaashee irraa kaastee fuullee ijaa keewwachuu akka jalqabde dubbatti.
Sababii kanaatiinis mana barnootaa irraa kaasee hanga dhaabbilee tajaajila hawaasaa kennaniitti rakkoon isheerra gahaa turuu BBC’tti himteetti.
Biruktiin fuullee ijaa keewwachushee irraa kan ka’e loogiin irra gahu fi itti-ga’ifamuun akkashee mudate dubbatti.
Yeroo sadarkaa tokkoffaa barataa turtetti, “barattoonni ‘haadha ija afurii’ jedhanii natti qoosaa turan,” kan jettu Biruktiin, “Osoo maatiikoo na hin hubatan ta’ee barnootakoo nan dhiisan ture,” jechuun haala rakkisaa sababii Kanaan keessa dabarte BBC’tti himteetti.
Namoonni rakkoo qaroo dhiyoo qaban keessumaas kan leensii lakkoofsa guddaa kan ajajameef yoo ta’e, fuulleen ijaa isaan keewwatan alarraa yoo ilaalan nama sodaachisu mala. Kunis namoota birootiin moggaatti baafamuuf sababii ta’u akka danda’u kan himan Dr. Amaareen., isa kanas danqaa biraa ta’uu kaasu.
Mootummaan fayyaa ijaatiif xiyyeeffannoo kennuu akka qabu himu Dr. Amaareen. Akkasumas, manneen barnootaa rakkoolee fayyaa ijaatiin wal qabatan irratti hubannoo cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu jedhu.












