Itoophiyaan miseensota Al-Shabaab dabalataa 85 ajjeesuu himte

Madda suuraa, AFP
Humnootni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa miseensota Al-Shabaab dabalataa 85 ajjeesuu qondaalonni naannoo Somaalee himan.
Waraana humna waraanaa mootummaa Itophiyaa fi hidhattoota Al-Shabaab waliin godhame irratti dabalataan miseensota Al-Shabaab hedduu booji’uu himaniiru.
Oppireeshinii kana irratti humnootni federaalaa humnoota naannoo Somaaleetti makamuun magaalota daangaa irra jiran shan keessatti waraanaa jiraachuu himaniiru.
Ajajaa ol aanaan humna waraanaa Itoophiyaa tokko tarkaanfiin miseensota hidhattootaa ‘’qulqulleessuu’’ fudhatamaa jiraachuu himaniiru.
Akka qondaala kanaatti miseensotni Al-Shaaab magaalaa xiqqoo naanno Somaalii Ferfer kan naannoo Hiraan Somaaliyaa waliin wal daandessu keessa jiran garee isaanii irraa cituun marfamaniiru.
Torban darbe humni nageenyaa naannoo Somaalee miseensa hidhattoota Al-Shabaab ganda Huhlul godina Afder keessatti marfaman 100 ol ajjeesuu himeera.
Hidhattootni kunneen daangaa ce’uun ganda Ato jedhamtu keessaan naannicha akka galanii turan himame.
Mootummaan naannoo Somaalee miidhaan namaa fi qabeenyaa hagamii gama isaan akka dhaqqabe waan ibse hin qabu.
Dhima kana irratti Al-Shabaab waan dubbate qabaachuu baatus, humnoota addaa naannoo Somaalee gara 87 tahan akka ajjese ibseera.
Namootni ijaan argan akka jedhanitti, miseensotni Al-Shabaab konkolaataa hedduudhaan daangaa Itoophiyaa yeroo seenan mul’ataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattoonni al-Shabaab Wiixata 25,2022, guyyaa yeroo lammataaf humna addaa naannoo Somaalee waliin wal waraanuu odeeffannoon BBCn naannoo Somaalee irraa argate ni mul'isa.
Lolli Wiixataa kun Godina Shebelee Aanaa Feer-feer iddoo Laas-Qurun jedhamutti kan raawwate yoo ta'u, kunis lola torbee darbe Godina Afdeer Aanaa Hargeellee iddoo Aatoo jedhamutti godhame hordofeeti.
Mootummaan Naannoo Somaalee ibsa Kamisa darbe baaseen lola guyyoota sadiif gaggeeffameen miseensotni al-Shabaab 100 ol ajjeefamuu himee ture.
Gartuun al-Shabaab Somaaliyaa irraa as cehuun hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan Shanee jedhee waamu waliin wal arguuf karoorfatee ture jedha ibsichi.
Pireezidantiin naannoo Somaalee Musxafaa Omaar kan Dilbata gara bakka torbee darbe lolli itti adeemsifamee imalan, humni addaa naannichaa iddoo Huluul jedhamtutti hidhattoota al-Shabaab daaressuu tiwiitarii irratti barreessan.
Lolli yeroo lammataaf Wiixata godhame mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota al-Shabaab daangaa cehuun gara Itoophiyaa seenan guutummaatti barbadeessuu erga himee booda.
Lolli jalqabaa xumuramee guyyoota lama booda hidhattoonni al-Shabaab 200 ta'an Somaaliyaa bakka Hiiraan jedhamurraa gara Itoophiyaa imalaa jiraachuu aanga'oonni naannawaa sanii BBC Af-Somaaliitti himanii turan.
Humni addaa naannoo Somaalees daangaa irratti humna walitti qabachuun Wiixata guyyaa hidhattoota kanarratti dursee dhukaasa banuu BBCn odeeffateera.
Dhukaasaa sa'aatiiwwaniif ture booda humni addaa olaantummaa argatee lolichi goolabamuu BBCn ajajoota olaanoo humna addaa naannoo Somaalee irraa odeeffatee jira.
Hidhattoonni al-Shabaab hedduun barbadeeffamuu fi kaan gara bakka irraa dhufaniitti deebi'u himu ajajoonni kunneen. Ammatti daangaan Itoophiyaa guutummaatti hidhattoota al-Shabaab irraa bilisa ta'uus dubbatu.
Lola torbee darbe guyyoota sadiif godhameen konkolaattonni al-Shabaab 13 gubachuu fi meeshaleen waraanaa qabatanii seenan booji’amuun himamee ture.
Al-Shabaab amma dura Itoophiyaa irratti haleellaa cimaa akkanaa raawwachuu baatullee yeroo garagaraa aggaammii gochaa turuu aanga'oonni Itoophiyaa ni himu.












