Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaalifi Totenhaam, Notingihaamifi Liivarpuul... eenyutu eenyurra aana?
Pirimerliigii Ingiliz bara kanaan Notingihaam dorgomaa cimaa ta'uun dhiyaatee jira. Liigicha dursaa kan jiru Liivarpuul waliin tapha qabuun mo'achuu danda'a laata?
Ji'a Fulbaanaa Notingihaam Anfiild deemun Liivarpuul injifatee ture. Amma immoo dirree ofiisaarratti si'a lammaffaa mo'a taanan waan ajaa'ibaa akka hojjatu dubbate xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.
Taphni biraa gaggeeffamu ammoo Kaaba Landanitti dorgommii guyyaa borii Arsenaalifi Tootinhaam gaggeessaniidha.
Kiriis Saatan akka jedhutti, Arsenaal torbee darbe haala gaarirra hin turre, Tootenhaam ammoo Liivarpuul mo'achuu danda'eera.
Xinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan taphoota Pirimerliigii Ingiliiz torbee 21ffaa tilmaameera. Dhiyaadhaa!
Kibxata
Bireentfoord vs Maan Siitii
Bireentford dorgommii FA Cup irratti kiliba liigii gadii kan ta'e Pilaayimaazidhaan injifatamee dorgommii FA keessaa baheera.
Har'a siitii irraa morkiin cimaan kan isa mudata. Dilbata dhufus Liivarpuul wajjin waan taphatuuf falmii cimaatu isa eeggata.
Warri kanniisaa taphoota sadi darban dirreesaanii irratti mo'amaniiru. Gama biraan ammoo Siitin ciminasaa duraatti waan deebi'aa jiru fakkaata.
Tapha kanarratti Siitin waan mo'atu natti fakkaata. Haaland ammoo galchii ni lakkoofsisa jedha Kiriis Suutan.
Tilmaama: 1-2
Cheelsii vs Barnimaaz
Taphni kun rakkisaa fakkaata. Cheelsiin taphoota arfan darban irratti hin milkoofne.
Barnimaawuuz taphoota saddeet darban irratti hin injifatamne. Carraa galchii uumuufi galchii lakkoofsisuu irrattis rakkoo hin qaban.
Cheelsin tarii gara mo'achuutti deebi'uu danda'a tilmaama jedhu qabaadhus taphichi wal-qixa akka xumuramu keessi koo natti hima jedha Kiriis.
Tilmaama: 1-1
Weesthaam vs Fuulhaam
Girahaam Pootar leenjisaa haaraa Weesthaam ta'uun dirreesaanii irratti tapha jalqabaa taasisuu isaaniti.
Fuulhaam kilaba tapha akka gaaritti taphatu ta'us, dhiyeenya kana gahuumsa dhaabbataa agarsiisaa hin jiru.
Taphoota darban saddeet irratti mo'amuu baatanis, warri Fuulhaam hedduusaa wal-qixa bahaniiru.
Keessi koo Fuulhaamif loogus, dirree Weesthaamitti waan taphataniif wal-qixa bahu jedheen amana.
Tilmaama: 1-1
Notingham Foorest vs Liivarpuul
Liivarpuul erga yeroo dhiyootii gahuumsi isaa laafeera jechuu ni dandeenyaa? Tapha waancaa Karabaa'oo Kaappii nuusa xumuraa irratti Tootenhaamin mo'amee ture.
Pirimerliigiidhaan ammoo Yunaayitid waliin wal-qixa bahe.
Gareen Arne Isloot qabxii jahaan Arsenaal dursee mataa gabatee liigichaarra taa'ee jira.
Sararri ittisaa Foorest cimaa ta'uunsaa ammoo Liivarpuulif qormaata. Jifataan garichaa Kiriis Wuud sarara duraa jabeesse akkuma qabetti jira.
Taphni kun Liivarpuulif cimaadha.
Tilmaama: 1-1
Roobii
Evartan vs Astonviilaa
Deevid Mooyes kilabasaanii duraanitti Evartanitti deebi'aniiru. Garuummoo hojii salphaan isa hin eeggatu.
Karra eegaa dabalatee gareen ittisaa Evartan amansiisaa ta'us, rakkoo guddaan sarara fuulduraarra jira.
Warri Astonviilaa ammoo mo'icha argatanis galchiin itti gala. Kanaaf, tapha kana Astonviilan ni injifata.
Tilmaama: 0-2
Leestar vs Kiristaal Paalas
Leestar taphoota Pirimerliigii shan walitti aansun mo'amanis dorgommii FA Cup irratti mo'ataniiru.
Tapha Kirisraal waliin qaban kana irraa qabxii argachuun dirqama itti ta'a.
Garuummoo taphichi warra Yeeyyitiif salphaa waan ta'u miti. Sababni isaa warri Kiristaal Paalaas torbanoota muraasaa as gara qabxii argachuutti deebi'aniiru.
Taphoota liigichaa darban sagal keessaa tokko qofa injifataman.
Tilmaama: 1-2
Niwu Kaasil vs Woolvis
Tapha kana tilmaamun salphaadha.
Niwukaasil haala amma irra jiruun waancaa sadi nyaachuf ifaajaa jira. Taphoota darban saddeet injifateera.
Woolvis leenjisaa isaa haaraa jalatti mo'icha galmeessee turus Nootingham Foorestiin mo'ameera.
Amma immoo Niwukaasiliin ni injifatama. Sababni ammoo Aleeksaandar Isaak gahuumsa ajaa'ibaarra jira waan ta'eef.
Tilmaama: 3-0
Arsenaal vs Tootenham
Arsenaal torban ulfaataa dabarsaa jira. Haala amma irra jiruun Arsenaal caalaa gahuumsa waancaa kan qabu warra Isparsiidha.
Saakan miidhamuurraa kan ka'e sararri fuulduraa Arsenaal oneera. Ta'us, akkaatan tapha Tootenhaam Arsenaalif kan mijatu fakkaata.
Kana jechuun Arsenaal dhiibbaa dandamatee deebisee galchii lakkoofsisuu ni danda'a.
Tapha darbii kanarratti Tootenhaam galchii lakkoofsisuun isaa waan hin oolledha. Arsenaal dorgommii waancaaf taasisu itti fufsiisuu waan barbaaduf mo'achuu qaba.
Tilmaama: 2-1
Kamisa
Ipsiwiich vs Biraayitan
Haalli Ibsiwiich amma irra jiru gaarii fakkaata. Haa ta'u garuu tapha kana ni injifatu abdii jedhu hin qabu.
Fulbaana darbe Isteediyeemii Ameeksitti wal-qixa bahuunsaanii ni yaadatama.
Warri Biraayitan dirreesaan ala kan taphatu ta'us mo'achaan galu jedheen amana.
Tilmaama: 1 - 2
Manchestar Yunaayitid vs Saawuzaamtan
Yunaayitid dorgommii FA Cup irratti nama kudhaniin taphatee Arsenaal irra aanee ture.
Gahuumsi isaan agarsiisanis ajaa'iba ture. Sana duras Anfiild deemun Liivarpuul waliin wal-qixa bahan.
Taphoota ittaanan sadi dirreessanirratti taphatu. Saawuzaamptan waliin direeessanirratti taphni taasisan salphaa hin ta'u.
Ta'us garuu Yunaayitid tapha kana injifachuunsaa waan hin oolledha.
Tilmaama: 2 - 0