Elon Maask Liivarpuul bituuf fedhii qaba, garuu kilabichi gurgurtaaf ni dhiyaataa?

Waa bitachuu barbaannaan humni maallaqaa isa daangessu hin jiru. Adduunyaa irraa namni qabeenyaan isaan qixxaatu hin jiru dureessa addunyaa Elon Maask.

Amma qabeenyi isaa gara doolara Biiliyoona 219tti tilmaamama. Filannoo Ameerikaan wal qabatee siyaasa keessa seenuufi maqaan isaa Doonald Tiraamp waliin ni ka'a. Amma ammoo kilaba Liiverpuul bituu waliin maqaan isaa ka'aa jira.

Abbaan Elon Errol Maask ilmi isaanii kilabii Liiverpuul ykn the Reds jedhaman bitachuuf fedhii akka qabu turtii miidiyaa Raadiyoo Taayims jedhamu waliin taasisan irratti mirkaneessaniiru.

Bara 2010tti garee kana paawondii miiliyoona 300'n kan bite gareen Fenway Sports Group (FSG), kanaan dura kilabichaa guutummaan gurguruu baatuus gariin invastimantii alaa barbaadaa akka ture gabaafameera.

Abbaan Maask, ilmi isaanii Liivarpuul bituuf fedhii qabaa jedhamee gaaffii gaazexeesserraa dhiyaateef akkas jechuun deebii kennaan."Silaa waan kanarratti deebii kennuu baadhee gaaridha, wanti kun dursee dhaga'amuun gatiin kilabichaa akka olka'u taasisa.

Bituu barbaadaa isa jedhuuf, eeyyee ni barbaada kun ifaadha. Namni kamiyyuu ni barbaada anis akkasuma. Garuummoo bitaa jira jechuu miti," jedhan.

Caamsaa darbe barruun Foorbis Liivarpuul kilabii gatii guddaa qabu 4ffaa irratti kan tarreesse yoo ta'u, tilmaama gatii yuuroo biliyoona 4.3 akka baasu eereera.

Haata'u malee, sun qabeenya waliigalaa Elon Maask yuuradhaan gara biliyoona 340tti tilmaamamu keessaa dhibbeentaa tokkoo gad kan ta'uudha.

Abbaan isaa itti fufuun waa'ee walitti dhufeenya maatiin Maask magaalaa Liivarpuul waliin qabanis dubbateera.

"Akkoon isaa Liivarpuul keessatti dhalatte, firoota hedduu Liivarpuul keessaa qabna, maatii koo tokko tokkos magaala sana waliin hidhata guddoo qabu.Kanaaf, Liivarpuul waliin seenaa jabaa qabna beekta," jedhan

Liivarpuul gurgurtaaf dhiyaateera?

Dureessi addunyaa Elon Maask Liivarpuul bituuf fedhiifi humna (maallaqaa) qabaatanis kilabichii garuu ammatti gurgurtaaf hin dhiyaanne.

Innis ta'e namootni isatti dhihoo hanga yoonaa kilabicha bituuuf gaaffii dhiyeessan akka hin jirree Sky Sports fi AP'n gabaasaniiru.

Hanga yoonatti haasaan bittaafi gurgurtaa garee abbootii qabeenyaa Liivarpuul FSG fi Elon Maask gidduutti taasifame hin jiru.

"Liverpuul hin gurguramu; utuma ta'eeyyuu gaaffiin isarraas ta'ee miseensota maatii isaa kamiyyuu irraa hanga yoonaa nu qaqqabe tokkollee hin jiru," jedhan gareen abbootii qabeenyaa kilabichaa.

Kilabichi naannoo waggaa lamaafi walakkaa dura invastimantii alaa barbaadaa turus garuu sheerii hanga ta'e gurguruuf malee guutummatti gurguruuf akka hin taane ibsame.

Waggaa lama duras abbaan qabeenyaa FSG Joon Heenrii kilabicha gurguruu akka hin barbaannee ibsaniiru.

Ammatti garuu fedhiin gurgurtaa jiraachuu waanti ibsame hin jiru.

''Elon Maask maallaqa baay'ee waan qabuuf tarii waan barbaade hojjechuu danda'a. Garuu qormaata abbootii qabeenyaa fi daayirektaroota Piriimiyerliigii Ingiliiz akkasumas deeggartoota haqa hawaasummaa, walqixxummaa fi adda addummaatti amanan irraa isa eeggatu darbuu isa barbaachisa.

Deeggartoonni sun nama akka Elon Maask akka abbaa kilabii isaaniitti fudhachuu isaanii mirkanaa'aa miti." jedhe gaazexeessan Ispoortii Kaveh Solhekol.

Kilabni yeroo ammaa kana pirimiyeer liigii Ingilizii fi Awurooppaa irratti sadarkaa irra jiru Liverpool yeroo ammaa taphattoota urjii sadii waliin kontiraata isaa haarseessa jira.

Isaanis Mohaammad Saalaa, Varjiil Vaan Daayikii fi Tireent Aleeksaandar-Arnooldidha.