Elon Mask waggaa tokkotti doolaara biil. 165 kasaaruun rikardii addunyaa cabse

Elon Mask seenaa keessatti qabeenya dhuunfaa guddaa dhabuun rikoordii addunyaa cabseera.

Sadaasa bara 2021 irraa hanga Muddee 2022tti doolaara Ameerikaa biiliyoona 165 kasaaruun rikardii addunyaa qabachuu Guinness World Recordmarsariitii isaarratti barreesseera.

Ragaan kasaaraa maallaqa Elon Mask kun akkaataa barruun Forbis jedhamu kan qabeenya namootaa galmeessu, baaseeni.

Guiness garuu maallaqi namni kun kasaruu hedduu kana caaluu akka danda'u eere.

Elon Mask kasaaraa kanarra kan bu'e erga qoodi inni kubbaaniyyaa konkolaattota elektirkii oomishu- Tesla keessaa qabu akkaan hir'atee fi waggaa darbe maallaqa guddaadhaan Tiwiitarii biteeti.

Wayita inni maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona 44 baasee tiwiitarii bitu, inestaroonni kubbaaniyyichaa Elon Mask akkanni Tesla'f xiyyeeffannaa kennaa hin jirre hubatan.

Kasaaraan Elon Mask irra ga'e tujaara addunyaa kamirrayyuu ga'ee hin beeku. Kanaan dura tujaarri lammii Jappaan bara 2000 doolaara biiliyoona 58.6 kasaaree ture.

Tilmaamni kasaaraa kun gatii aksiyoona isaa irratti kan hundaa'e yoo ta'u, kunis gatii isaanii deebifachuu danda'a, kana jechuun qabeenyi Mr Mask ammas dabaluu danda'a jechuudha.

Mudde darbe keessa hoogganaan Tesla kun tujaara addunyaa ta'ee rikardii qabatee ture dhabe. Hoogganaa Meeshaalee qananii biyya Firaansi LVMH kan ta'e Bernard Arnault Elon Maskiin caaleera.

Gatiin aksiyoona Tesla bara 2022 keessa dhibbeentaa 65n kufee ture.

Kunis sababa sochiin kubbaaniyyichaa laafeef jedhama.

Kubbaaniyyichi konkolaattota miiliyoona 1.3 qofa dhiheesse, kunimmoo fedhii jiruun yoo madaalamu akkaan xiqqaadha.

Haata'u malee Elon Mask tiwiitarii bituunsaa kasaaraa mudateef sababa ijoodha.

Erga tiwiitarii bitee miidiyaa hawaasummaa maamiloota hedduu qabu kana rakkoo guddaan mudateera.

Elon Mask akkuma biteen hojjettoota hedduu hojiirraa ari'e, imaammata fi qajeeltoo tiwiitarii battaluma geeddare.

Invastaroota Teslaa hedduun sodaa kufaatii dinagdee, dorgommii dabalaa jiruu fi qormaata Covid'n walqabatee jiru keessatti fedhiin oomisha isaa gadi bu'aa waan jiruuf, konkolaataa elektirikii irratti xiyyeeffachuu qaba jedhanii amanu.

Elon Mask amma gara doolaara biiliyoona 178 kan qabu yoo ta'u, akka Foorbis gabaasetti, Bernard Arnault ammoo doolaara biiliyoona 188 qaba.