Rookeettiin tujaarticha Elon Musk SpaceX tokko addeessaan walitti bu'uuf

Rookeettiin dhaabbata qorannoo Hawaa tujaartichi Elon Musk hundeesse, addeessaatti bu'uun dho'uuf akka jirtu qorattoonni hawaa beeksisan.

Rookeettiin The Falcon 9 jedhamtu tunis bara 2015tti kan furguggifamte yoo ta'u, ergama ishee erga xumurteen booda garuu achi turuurra gara dachiitti deebi'uuf boba'aa gahaa hin qabdu turte.

Qorataan hawaa Joonaataan McDowel BBC News'tti akka himetti, kunis rookkeettii addeessaatti bu'u kan jalqabaa hin beekamne ta'a jedheera.

Haata'u malee, miidhaan qaqqabsiisu xiqqaadha jedhe.

Rookeettiin tunis ergama ishee odeeffannoo saataalaayitii haala qilleensa hawaa imala fageenya maayilsii miliyoonota irraa erguu erga xumurteen booda waggoota torbaan dura ture kan gatamte.

Kunis qaama sagantaa SpaceX qorannoo hawaa Mr Musk, dhaabbata dhuunfaa kan ilmaan namaa pilaaneetiiwwan biraa irra akka jiraataniif qorannoo taasistudha.

Erga bara 2015 as rookeettiitiin humnootii ofitti harkisuu qandaa'an kan akka dachee, addeessaa fi biiftuu ofitti butamuun sararri ishee hanga tokkoo akka ''jeeqamu'' ta'u, Qorataan Hawaa Jidduugala Harvaard-Smithsonian kan UDtti bu'ureeffateerra ta'an Pirofesar McDowell yoo ibsan.

''Seera harkisa lafaa (gravity) hordofuuf baayyee du'aadha.''

Kanaafuu rookeetiittiin tunis caccabaawwan miiliyoonoota maashinoonni gara biraa erga ergamasaanii xumuraniin booda gara dachiitti deebi'uuf anniisaa dhaban kan biraatti makameera.

''Waggoota kudhanoota keessatti tarii meeshaaleen gurguddaan guutuun isaan to'achu dadhabne 50 jiru. Kunis kanaan dura yeroo baayyee kan mudateedha. Kunis dhimma yeroo jalqabaatiif kan mirkaneefamedha,'' jedhan Pirofesar McDowell.

Rookeettiin tunis Bitooteessa 4 battaluma addeechaan wal tuqxuun akka dhootu eegama.

''Siriin isaa taankarii sibiilaa duwwaa toonii afur ulfaatuufi karaa duubaatiin kan motara rookeettii qabuudha,'' jedhan Pirofesar McDowell.

Tarii fuula addeessa irratti boolla nam-tolchee xiqqoo qaqqabsiisuu danda'a.

Biil Graay, kan wantoota naannoowa dhiheenya dacheetti argaman barbaacha soofteweerii fayyadamu, Bitooteessaa 4 irratti addeessaan waliitti akka buutu hima.

Sababii waliitti bu'iinsa kanaatiinis saayintiistoonni waan haaraa barachuu danda'u jedha Pro. McDowell.

Itti dabaluunis caccabaawwan meeshaalee hawaa irratti badanii hafaniin ammatti dhiibbaan jiraachuu baatulleen gara fuula duraatti garuu dhiibbaa qabaachuu danda'a jedhan.

''Yoo gara fuula duraatti addeessa irratti magaalootaafi buufataalee kan qabaannu ta'e, maaltu akka achi jiru baruu barbaadna. Kanaafuu osoo hanga rakkoo ta'uutti eegurra osoo hawaa irratti deddeebiin hin baayyanne, waan qindeessuun caalaa salphaa ta'a.''

Ammaafi hanga Bitooteessa 4 jidduutti maaltu ta'a? Rookeettiittiin seera guula lafaa hordofuun hawaa keessa bolala'uu ittuma fufti hanga addeessaan walitti bu'uun obbaaffatuutti jedhan.