Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Elon Maask Tiwiitarii bituun miidiyaa hawaasummaa kana akkamiin jijjiira?
Elon Maask Tiwiitarii bituuf kan waliigale yoo ta’u, gulaallii ykn to'annoo miidiyaa hawaasaa kanarratti gaggeeffamu xiqqeessuuf waadaa seenuun isaa gaaffii uumera.
Dhaabbileen mirgoota miidiyaan hawaasummaa kun to'annoo laaffisnaan haasaan jibbiinsaa fi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun akka hammaatu taasisa yaaddoo jedhu qabu.
Maamiltoonni Tiwitariitti gargaaraman, tarii akkana jechuun akkaawuntiiwwan kaampanichi ugguree akka deebi’an eeyyamuufi? jedhanii kanneen gaafataniis jiru.
Namni baay'ee beekamaan akkawuntiin jalaa ugguramee ture tokko pireezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi.
Elon Maask tiwiitariin imammata qabiyyeewwan maxxanfaman gidduu seenuun namuusa eegsisuuf raawwatu ykn gulaalu qeeqaa turan.
Toorri kun iddoo namni bilisaan yaada isaa ibsatu ta’uu qaba jechuunis falmaa turan.
Tiwiitarii bituuf waliigalteerra gahuun erga dhaga’amee Aab Maask bilisummaan yaadaa ’’kattaa bu'uura dimookiraasiiti,’’ jedhanii ibsan.
Dhimma Tiwitara ilaalchisuun garuu jaarmiyaan Amnesty International "tarkaanfii tiwiitariin imaammataa fi tooftaan maamiltoota miidiyichaa eeguuf hojiirra oole balleessuu kamiyyuu nu yaaddeessa" jedhe.
"Wanti nuti arguu hin feene, tiwiitarii haasaa jeequmsa kakasuu fi mamiltoota qoccolaman argee beekaa akka waan hin argineetti callisudha" jedhe.
Tiwiitariin yaaddoo dhimma kanarratti jiru ilaalchisee deebii akka kennu BBC’n kan gaafateef battala kanatti deebii hin kennine.
Tiraamp tarii Tiwiitariitti deebi’uu?
Akkawuntiin Doondaald Tiraamp guutummaatti kan cufame bara darbe ji’a Amajjii keessa yoo ta’u, hokkora Waashingiten, Kaapitaal Hiilitti ka’ee hordofuun ture.
Taatullee Tiraamp, ‘’uggurri tiwiitarii yoo narraa ka’ellee, ani gara tiwiitariitti deebi’uuf karoora hin qabu’’ jedhaniiru.
Tiraamp, bakka kanaa miidiyaa hawaasa ofii banatan ‘Truth Social’ jedhamutti akka gargaaraman himaniiru.
‘’Ani gara Tiwiitariitti hin deebi’u, miidiyaa ‘Truth’ irra turuun barbaada,’’ jedhanii ‘Fox News’tti himan.
Itti dabaluun Aab Tiraamp, namni isaan ’’nama gaarii’’ jedhanii waaman Elon Maask, Tiwitara irratti foyya’iinsa ni fida jedhan.
Bakka bu’aan Aab Tiraamp dhimma kanarratti ammaaf yaada BBC’f hin kennine.
Miing-Chi Kuwoo, xiinxalaan dhimma teeknoolojii dhabbaata’ TF International Securities,’ jedhamuu BBCtti akka himetti, Aab Tiraamp filannoo pireezidantummaa bara 2024 irratti yoo ni dorgomu ta’e, tarii Tiwiitariitti deebi’uuf murteessuu malu jedha.
‘’Tiwiitariin Tiraamp sagalee akka qabatuuf filannoo fooyya’aadha, yoo Tiwitarri akkawuntii isaa deebisee baneef,’’ jedha Kuwoon.
‘’Toora miidiyaa hawaasaa tiwiitarii caala fudhatama qabu, filannoon pireezidantummaa marroo itti aanu filatamu otoo hin gahiin ijaaruun waan salphaatti yaadamu miti,’’ jedhe.
Namoonnii tiwiitarii dhiisanii keessaa bahuu?
Elon Maask akka jedhanitti, qeeqawwan jajjabaanillee otoo hin hafiin tiwiitarii irratti hafu, "sababni isaammoo bilisummaa yaadaa jechuun isuma kana waan ta’eefi" jedhan.
Taatullee maamiltoonni tiwiitarii muraasni isaanii miidiyaa hawaasaa kanaatti gargaaramuu dhiisanii bahuuf murteessaniiru, kaan isaanii itti gargaaramuuyyu dhiisaniiru.
Taatoon fiilmii beekamtuun Biritiish Jameelaa Jamiil, ’’miidiyaan hawaasa kun kan durii caala seera-maleessa ta’uuf deema, jibbi, jibbi godantootaa, qoodinsi fa’aa bakka argachuu deema,’’ jettee qeeqxe.
‘’Kuni dhaamsa tiwiitarii koo isaa xumuraa ta’usaan isiniif ibsa,’’ jette Jamiil hordoftoota ishee miliyoona tokkoo guutaniin.
Taatullee Karooliin Orri Buyinoo, hordoftoota 450,000 qabdu fi qorannoo doktoreetii Yuunivarsiitii Meerilaanditti gaggeessaa jirtu yeroo murtaa’eef toora kanarra turuuf murteessuu himti.
Buyinoon ‘’hoggansi Elon Maask maal akka fakkaatu ammaaf hin beeknu,’’ jette.
‘’Waanti nuti beeknu yoo jiraate namoonni qajeeloon hundi yoo tiwiitarii dhiisanii bahan, hunda caala hamaa ta’uuf deema,’’ jette.
Daan Iviis, xiinxalaa dhaabbata ivestimentii ‘Wedbush Securities,’ jedhamuti. Daan BBCtti akka himetti, maamiltootni tiwiitarii harki caalan ‘’yeroo turanii haala jiru ilaalu barbaadu.’’
Shakkii gara fuulduraatti jiru
Boordii tiwiitarii miseensota 11 qabu afeerraa Aab Maask $ biliyoona 44’n miidiyicha bituuf dhiyeessee sagalee guutuun itti waliiganiiru.
Hundeessitoota tiwiitarii keessaa tokko kan ta’ee fi miseensi boordii dhaabichaa Jaak Doorsiin, "toorichi hawaasni akka waliiin haasa’u gochuu itti fufuu" isaatti nan gammada jedhe, taatullee "namni tokko tiwiitarii dhuunfachuu ykn bulchuutti " hin amanu jedha.
Tiwiitarii akka qabeenya uummataatti malee akka dhaabbata ykn kaampaniitti akka hin ilaalle kan himu Jaak Doorsiin, akka kaampaniitti yoo ilaalle Elon Maask nama sirrii ta'uu akka manu dubbate.
Hogganaan tiwiitarii Paraag Agraawaal walgahiirratti hojjattoota dhaaabbatichaatti wayita dubbatan, egereen dhaabbatichaa "ifatti hin beekamu" jechuusaanii Rooyitars gabaasera.
"Waliigaltichi erga xumuramee booda kallatti tiwiitariin itti adeemu hin beeknu,’’ jedhan Aab Agrawaal.
Elon Maask miidiyaa hawaasaa kana bituun namoota siyaasaa garii yoo yaaddessu garii ammoo gammachiisee jira.
Ameerikaatti diimokiraatonni yaaddoo qaban yoo ibsatan, rippabliikaannni ammoo "bilisummaa yaadaa jajjabeessa" jechuun gammachuu qaban ibsataa jiru.