Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tujaarichi Elon Maask Tiwiitar doolara biiliyoona 44'n bituuf waliigale
- Barreessaa, Nataaliyaa Shermaan fi Daani'eel Toomaas
- Gahee, Gabaastota Biizinesii, Niw Yoorki
Boordiin Tiwiiteri gatii kaampaanicha bituuf duuressoota addunyaa keessaa tokko kan tahe Elon Maaski kenne doolaara biliyoona 44'n gurguruuf waliigale.
Elon Maaski osoo hin eegamiin gaaffii bittaa torban lama dura kan dhiyeesse Tiwiiteriin ''wantoota hedduu'' qajeelchuu barbaadu qaba jedha.
Dhorkaa qabiyyee maxxansaa kaasuutii hanga akkaawuntiiwwan sobaa balleessuutti jijjiirama hedduu akka fidu ibseera.
Dhaabbatichi jalqaba gaaffii bittaa Maaski dhiyeesse kana didee ture. Amma garuu namoota qooda kaampaanicha keessaa qaban akka gurgurticha mirkaneessaniif gaafata.
Elon Maaski duuressota addunyaa keessaa tokko yoo tahu, akka barruun Forbes gabaasetti qooda kaampaanii konkolaataa humna ibsaan hojjettu Tesla oomishuu irraa qabuu fi ofuma isaa hogganu irraa kan argatu dabalatee qabeenya maallaqa callaa doolaara biliyoona 273.5 qaba.
Akkasumas Maaski kaampaanii qorannoo hawaa gaggeessu SpaceX hoggana.
"Yaada ofii bilisaan ibsachuun bu'uura dimokiraasiiti, Tiwiiteriin ammoo addabaabayii dijitaalaa magaalaa bakka dhimmoota murteessoo fuulduraa irratti falmiin gaggeeffamudha,'' jedhe Elon Maaski.
''Aniyyuu Tiwiiterii waan inni kana dura hin qabne itti dabaluun algoorizimii isaa madda odeeffannoof banaa gochuun akka amanamummaa isaa dabaluu, burjaajessitoota akka mo'atuu fi dhala namaa hunda eenyummeessuun isa kana duraa caalaa bakka mijataa nan godha,'' jedhe.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Tiwiiteriin qabiyyee isaa maxxanfamu irratti namoota siyaasaa fi to'attoota irraa dhiibbaa keessa galeeti.
Odeeffannoo sobaa to'achuuf yaalii godhuun bitaa fi mirgaan qeeqamaa ture.
Seenaa guddaa kaampaanichaa keessatti tarkaanfiin fudhatame bara darbe pirezidaantii US kan turan Doonaald Tiraampiin ugguruu isaati.
Tiraampi maamila hordoftoota miliyoona hedduu qabu yoo tahu, dubbiin isaa ''jeequmsa kakaasa'' jedhamuun uggurame.
Yeroo Elon Maaski daawwatetti, ''namootni baay'een dhorkaa yaada ofii bilisaan ibsachuu kaampaaniin West Kosti kun kaa'een hedduu hin gammadne.''
Oduu Elon Maaski kaampaanicha bituu US keessatti akka waan gaariitti fudhatameera. garuu Tiraampi Wiixata kaleessaa Fox News irratti deebi'ee Tiwiiterii akka hin fayyadamne ibseera.
Wal harkaa fuudhinsa kana irratti Waayit Haawus yaada hin kennine. Garuu dubbii himaan Jen Pisaakii akka gaazexesitootati himanitti, ''abbaan qabeenyaa eenyuyyuu yoo tahe eenyus gaggeessu, pirezidaantichi dhiibbaa miidiyaa hawaasaa guddaa irraati yaaddoo qabu'' jedhan.
Tiwiiterii irratti Miseensi Paarlaamaa Juliyaan Kinaayit, Hogganaa Aadaa, Miidiyaa, Koree Ispoortii fi Dijitaalaa UK kan tahan, ''addunyaa miidiyaa hawaasaa keessatti waan haaraa guddaa tahedha'' jedhan.
Rikardiin Elon Maaski Tiwiiterii irratti qabu maali?
Elon Maaski Tiwiiterii irratti hordoftoota miliyoona 80 ol qaba, ofuma isaayyuu ammoo seenaa falmisiisaa tahe miidiyaa kana irratti qaba.
Bara 2018 bulchitootni faayinaansii US ergaa Tiwiiterii keetiin investeroota Teslaa dogoggorsite jechuun himatan. Dhimmichi doolara miliyoona 40'n furamus Maaski garuu himaticha haale.
Bara 2019 ammoo himata maqa balleessii irratti dhiyaate. Himata kana guutummaatti irra aaneera. Kunis barattoota Taayilaandi oolchuuf nama yaalaa ture ''Pedo guy'' jedhee miidiyicha irratti barreessuun himatamee ture.
Wiixata Elon Maaski kan gaazexeessitoota waliin walitti bu'uun beekamuu fi qeeqa tokko hin fudhanne, Tiwiiterii bakka falmiin itti gaggeeffamu jedhe.
''Namoonni akkaan na qeequun beekaman Tiwiiterii irratti akka turan nan abdadha. Kanatu yaada ofii bilisaan ibsachuudha,'' jechuun waliigaltichi osoo hin ibsamiin sa'a muraasni yoo hafu barreesse.
Elon Maaski Tiwiiterii ni jijjiiraa?
Akka qaama wal harkaa fuudhinsa gara xumura waggaa kanaatti eegamuutti, qoodni Tiwiiterii baafamuun gara dhuunfaatti gala.
Maaski kun jijjiirama barbaade kaampaanicha irratti fiduuf bilisummaa isaaf akka kennu hime.
Yaadota kaan keessaa, maxxansa dheeraa eeyyamuu, erga maxxanfamanii deebisanii gulaaluu danda'uu fa'aa akka fidu hime.
Qoodni Tiwiiterii gaafa Wiixataa %5 ol dabaleera, kunis erga waliigaltichi ibsameeti.
Kaampaaniin kun bara 2004 hundeeffamuun, bara 2021 keessa galii doolaara biliyoona shanii fi addunyaa irraa guyyaatti fayyadamtoota miliyoona 217 argachuun xumure.