Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Twitter, Google fi Facebook irratti himata banan
Pirezdaantiin duraani US Doonald Tiraamp dhimma saansuurii maxxansaalee isaanii ilaalchisee miidhameera jechuun dhabbilee Google, Twitter fi Facebook irratti himannaa banan.
Himatni seeraa kun hoggantoota dhabbilee sadanii irrattis kan xiyyeeffatedha.
Tiraamp fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirraa kan dhorkaman Amajjii keessa, hokkora Kapitaalitti deeggartoonni isaanii gaggeessan booda yaaddoo nageenya hawaasaaf jechuunidha.
Guyyaa Roobii, himanni kun ''guddina bilisummaan yaada ofii ibsuu keenya keessatti waa bareedaadha'' jedhan Tiraamp.
Dirree goolfii isaanii Bedminster, Niiw Jersii irraa ibsi miidiyaaleef kennan irratti odeeffannoo sobaa tatamsaasuu jechuun dhabbilee miidiyaa hawaasummaa fi Dimokraatota komataniiru.
''Dhorkaan, callisiisuun, qoqqobbii kaa’uu fi haquun isin beektan kun akka dhaabbatuuf gaaffanna,” jedhan.
Dabalataaniis dhabbileen kunneen pireezidantii dhorkuu danda’u taanaan “eenyurrattuu gochuu danda’u” jedhan.
Dhaabbileen ibsaman kuunneen, dhimma himata mana murti federaalaa Filooridaatti dhiyaatee kanaaf ammatti deebii hin kennine.
Ibsa Tiraamp kanaratti kan argaman waayilota isaanii duraanii kanneen erga Tiraamp aangoo irraa bu’anii dhaabbata bu’aaf hin taanee America Firt Policy jedhamu hundeessaniiru.
Pireezidantiin duraanii kun barreefamni Tiwiitara gubbaatti barreessan akka inni dhorkamu sababa ta'e “hima jaalalaa ture” jechuun ibsaniin.
Akka Tiwiitar jedhutti, barreeffamni akka Tiraamp miidiyaa hawaasummichaarra dhorkamu taasise “hokkoraa faarsuun” Amajjii 8 irratti, hokkora magaala guddittii keessatti adeemsifame guyyaa lama booda kanneen maxxanfamanidha jedheera.
Lammileen Ameerikaa biroo miidiyaa hawaasummaa irraa dhorkaman Roobii erga Tiraamp dubbataniin booda dubbataniiru.
Isaan keessaa tokko akka Tiraamp jedhanitti wa’ee tatamsa’ina koronaavayirasii irratti ijoolleen maaskii uffachuu qabuu jechuun gaaffii “gaaffateen” dubartii miidiyaa hawaasummaa irraa dhorkamtedha.
Roobii guyyaa Tiraamp kana ibseetti deeggartoonni isaanii Kongirasii keessa jiran “dhabbilee Teknoolojii gurgguddoo falmuuf” karoora qaban irratti wixinee baasaniiru.