Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraanonni dureessi beekamaa Ilaan Maask interneetii akka galchuufiif kadhachaa jiru
Dhaloonni isaa Afrikaa Kibbaa kan ta'eefi biliyeenarri duroomaan addunyaa irratti beekamu Ilaan Maask dhiyeessii interneetaa Ertiraatiif akka jalqabsiisuuf dhalattoonni Ertiraa ballinaan gaafachaa jiru.
Dhalattoonni Ertiraa dureessa beekamaa kana biyya isaaniif waan kana akka b godhu kan gaafatan, Ilaan Maask biyya waraana keessa jirtu Yukireeniif tajaajila interneetii qofaa isaa dhiyeessuufii isaa hordofeeti.
Ertiraanonni kunneen erga kana arganii booda karaa ergaa Tiwiitaraatiin wanta wal fakkaatu akka godhuuf gaafachaa jiru.
Hundeessaafi abbaa qabeenyaa SpaceX kan ta'e Ilaan Maask, dhiyeenya kana interneetii Starlink jedhamu karaa saatelaayitaatiin dhiyaatu Yukireeniif dhiyeesseera.
Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee interneetiin addaan citullee, warri Yukireen garuu karaa Starlink kana tajaajila interneetii argachaa jiru.
Duula Starlink Ertiraadhaaf karaa miidiyaa hawaasummaa ykn (#Starlink4Eritrea) jedhu jalqabameen kan gaaffii isaanii dureessichaaf dhiyeessaa jiran Ertiraanotaafi namoota dhaloonni isaanii Ertiraa ta'an gara caalu biyyoota alaa jiraatanidha.
Daayaasporaan Ertiraa miliyoonaan lakkaa'aman kutaaalee addunyaa gara garaa keessa jiraatu.
Ertiraa keessa ammoo dhiyeessiin interneetii waan hin jirreef lammileen biyyattii odeeffannoo irraa fagaatoodha.
Ertiraan dhiyeessii tajaajila interneetiitiin Afrikaa keessatti biyyoota baayyisee gadi aanoo ta'an keessaa ishee duraadha. Akka gabaasa Yuuniyeenii Telekoomunikeeshinii Idil-addunyaatti, hiyeessi interneetii Ertiraa keessatti dhibba keessaa harka tokkoon gadidha.
Kun ammoo Afrikaa keessatti qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaattillee tarree warra baayyisee gadi aanoo ta'an keessatti kan ramadamudha.
Mootummaan qabatee kan jiru Airtel dhiyeessii interneetii tokkittii biyyattii keessa jirtudha.
Ertiraa keessa tajaajilli interneetiin daataa waan hin jirreef ummanni biyyattii interneetii kan argatu karaa wifi qofaan yoo ta'u, saffisni isaallee baayyisee gadi bu'aa kan ta'edha.
Miidiyaaleen hawaasummaa akka Facebook fi Twitter fakkaatan argachuun rakkisaadha; kun ammoo mootummaa dheekkamsiisuu mala waan ta'eef kan daangeffame yoo ta'u, lammileen ammoo VPN fayyadamuuf dirqamu.
Ertiraan erga bara 1993 as paartii tokkoofi nama dhuunfaa tokkoon kan bultu yoo taatu, biyya filannoon keessatti hin gaggeeffamneefi paartileen mormitootaafi miidiyaaleen bilisaa kan keessa hin jirredha.
Torban darbe Ertiraan biyyoota shan addunyaa irraa waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante balaaleffachuu hin beekne keessaa tokko turte.
Qabeenya biliyeenara Ilaan Maask kan taate Starlink saatelaayita hiiroo hawwaa irra gadi dhiyaattee kan marsitu yoo taatu, faayibarii tokko osoo hin diriirsiin namoonni interneetii fayyadamuu akka anda'an dandeessifti.
Starlink tajaajila kana kennuudhaaf buufata dachee irra jiru waliin hariiroo qabaachuuf barbaachisa.
Fakkeenyaaf, interneetii Yukireeniif dhiyaachaa jiruuf hiiroon (wiirtuun) isaa kan dhaabbame Polaan keessattiha.