Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru
Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ameerikaan loltootashee Yukireenitti erguun ‘Waraan Addunyaa Sadaffaa’ kaasuu mala - Baayidan
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan biyyi isaanii Yukireen gargaaruudhaaf loltootashee kan bobbaastu yoo tahe ‘Waraana Addunyaa Sadaffaa’ hordofsiisuu mala jedhan.
Sababii kanaan Ameerikaan loltootashe gara Yukireen akka hin ergine beeksisan.
‘’Kana ifa gochuun fedha, biyyootni miseensa Nato taane lafa taakkuu biyya tokkon tokkoo ni tiksina,’’ jechuun Twiitara isaanii irratti barreessaniiru. Haa tahu malee Yukireen gallee waraana Raashiyaa hin morkannu. Morkiin Nato fi Raashiyaa gidduutti taasifamu ‘Waraana Addunyaa Sadaffaa’ fiduu mala jedhaniiru.
Pireezidantiin Ameerikaa kana duras irra deddeebiin loltoonni Ameerikaa kan Raashiyaa akka lolan bobbaasuun filannoo keessa akka hin galle himanii turan.
Raashiyaan Yukireen irratti weerara bantee torbee booda Pireezidant Baayidan qoqqobbiiwwan jajjabaa kaa’uu itti fufaniiru.
Guyyoota darban keessatti boba’aa Ameerikaan Raashiyaarraa bittu irratti qoqqobbii kaa'an. Jimaata kaleessaa immoo dhugaatii alkoolii, nyaata galaanarra argamuufi dayaamandiin Raashiyaarraa akka hin galle dhorkan.
Kana malees sooreeyyii mootummaa Raashiyaa waliin hariiroo qaban irratti dhorkaa kaa'aniiru.
Humnooti Raashiyaa baayyee Kiyeev irraa irraa km 25 qofa fagaatanii argamu
Ministeerri Ittisaa UK odeeffanno boodana kenneen,’’yeroo ammaa humnooti Raashiyaa magaalaa guddoo Yurkeenirraa fageenya km25 irratti argamu,’’ jedhe
Humni Raashiyaa kaaba magaalattii irratti argamu faffaca’eera-kunis magaala kana marsanii qabachuuf tahuu mala jedhe.
‘'Gama biraan Raashiyaan haleellaa Yukreen itti deebistu irraa of eeguufis tahuu mala,’’ jedhe Ministeerichi.
Magaalonni kanneen akka Cheerniiv, Kahaarkiiv, Maariyuupool fi Samiin humnoota Raashiyaan marfamanii haleellaan cimaa irra gahaa jira.
Waraanni Yukireen keessatti deemaa jiru kufaatii dinagdee addunyaa qaqqabsiisinnaa?
Yakki Waraanaa maali? Puutiin yakka waraanaan himatamuu danda'uu?
Keeniyaan dirqama maaskii keewwachuufi of adda baasuu kaaste
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa namootni manaa alatti yoo walitti qabamu tahe maaskii keewwachuu dirqama mitii jedhe.
Haa tahu malee mootummaan namoonni sagantaa mana keessatti adeemsifamu irratti yoo hirmaataniifi geejiba uummataa yoo fayyadaman maaskii akka keewwatan gorseera.
Fageenya ofii eguufi harka dhiqachuun tamsa’ina koronaavaayirasii hir’isuuf jecha ammallee akkuma eegamanitti turu.
Nama dhukkubichaan qabame adda baasuunis dhaabbatee jira.
Namoota talaalamaniif mana keessatti walgahii taasisuufi qaamaan waaqeffannaaf walitti qabamuun eeyyamameera.
Dhorkaawwan kunneen kan ka’an lakkoofsi namoota Kooviid-19n qabamanii hir’isnaani dha. Namoonni bu’aan qorannoo isaanii ‘positive’ tahu baatii tokkoof harka 5 gadi tahee tureera.
Yeroo ammaa Keeniyaatti namoonni miiliyoona torba tahan talaallii Kooviid fudhatanilee mootummaan ammallee namoonni akka talaalaman gorsaa jira.
Keeniyaan maaskii keewwchuu bara 2020 qabee dirqama taasiftee turte
Nato’n loltootasaa leenjiidhaaf Noorweeyitti erguufi
Yukireen erga Raashiyaadhaan weeraramtee guyyaa 17ffaa irratti, Nato’n loltasaa gaafa Bitootessa 14 gara Noorweey akka ergu beeksise.
Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu. Lakkoofsi loltoota Nato leenjiidhaaf ergu kan baranaa isa guddaadha jedhameera.
Leenjiin waraanaa haala qilleensaa qorraa Noorweeyi, bantii Arktiik, lafa, qilleensaa fi galaanarratti adeemsifamu kuni dandeettii waraanaa loltoota biyyoota Lixaa ni qara jedhameera.
Leenjiin kuni daangaa Raashiyaarraa kiloomeetira dhibbaan lakkaa’amu qofa fagaatee kennama. Raashiyaan Yukireen weeraruun dura karoorfamaa turus, amma sababa waraana kanaan barbaachisummaan leenjichaa dabaleera.
Ministarri Ittisaa Noorweey Odd Roojar Enooksan, ‘’Shaakalliin kuni Noorweeyiifi michootasheef baay'ee barbaachisaa dha. Shaakalliin taasifnu kan Noorweeyi cimsu dha,’’ jedhan
Shaakalliin loltootaa kuni gaafa Ebla 1 raawwata jedhamee eegama.
Beelaaruus sa'aatiiwwan muraasa keessatti weerara Raashiyaatti dabalamuufi - Yuukireen
Gidduugaleessi Yuukireen’ Centre for Strategic Communications’ jedhamu Beelaaruus sa’aatiiwwan muraasa keessatti weerara Raashiyaatti dabalamuu akka maltu akeekkachiise.
Akeekkachiisni kun kan dhaga’ame Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutinii fi hogganaan Beelaruus Aleeksandar Lukasheenkoo Mooskootti walgahuu hordofee, qondaalli Yuukireen loltoonni Beelaaruus Jimaaata halkan daangaa qaxxaamuranii akka seenan ajajamaniiru jedhanii akeekkachiisan.
Giddugaleessi Ministeera Aadaafi Imaammata Odeeffannoo jalaatti hundeeffame akka beeksisetti, loltoonni Beelaruus Bitootessa 11, 2022 weeraratti dabalamu.
Qondaaltonni kunneen Puutin xiyyaaroota Raashiyaan Yuukireen keessaa ka’aniin Beelaruus keessatti haleellaa raawwatan jedhanii himatu.
BBC’n xiyyaaronni Raashiyaa mandara Kibba Beelaruus Jimaata waaree booda haleeluu hin mirkaneeffanne.
Mana Maree Nageenyaa UN irratti dhimmi meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa dubbii ijoo ta'e
Manni Maree Nageenyaa UN wal-gahii dhimma waraanaa Raashiyaa fi Yuukireen irratti Jimaata taa'e irratti dhimmi meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa dubbii ijoo ta'e.
UNtti bakka bu'aan Raashiyaa ambaasaaddar Vaazilii Nebeenzaa Yuukireen keessatti meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa akka malee hamaa ta'e fayyadamuuf sochiin jiraachuu dubbatan.
Ameerikaa fi Yuukireen waliin ta'uun yaalii meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa fayyadamuu gochaa jiru jedhan. Ragaan dhiyeessan garuu hin jiru.
Meeshaan waraanaa baayoloojikaalaa ta'e jedhamee vaayirasoota ykn baakteeriyaawwan hammoo akka Iboolaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu jechuudha.
Yuukireen dhimma kana yoo waakkattu, Ameerikaan kan meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa qabu Raashiyaadha malee Yuukireen miti jechuun wal-gahicharratti mormite.
Bakka buutuun Ameerikaa ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild, "Yuukireen meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa hin qabdu. Laaboraatooriiwwan Yuukireen meeshaa waraanaa akkasii keessatti yaaltu kan Ameerikaan deeggartus hin jiru," jedhan.
Itti dabaluun Raashiyaan seera idil-addunyaa cabsuun yeroo dheeraaf meeshaa akkanaa qabaachaa akka turte himan.
Raashiyaan meeshaa waraanaa kana fayyadamuuf sababa barbaachaa jirtis jedhan.
Guyyoota dura Raashiyaan meeshaa waraanaa keemikaalaa fi baayoloojikaalaa Yuukireen keessatti fayyadamuu malti jechuun Ameerikaan akeekkachiiftee turte.
Rippaablikaanotni, Baayidan Yukireeniif xiyyaara waraanaa akka ergan gaafatan
Rippaablikaanotni teessoo Seeneetii Ameerikaa qaban 40 ta'an bulchiinsi Baayidan Yukireeniif xiyyaara waraanaa akka ergu iyyannoo dhiyeessan.
Senaataronni kunniin Poolaand xiyyaara waraanaa ishee buufata waranaa US Jarmanii qabdutti tola dhiyeessitee, US achirraa gara Yukireen akka dabarsitu gaafattus bulchiinsi Baayidan balaa qaba jechuun dideera.
Senaataroonni kunniin diduu US ''cimsinee mormina'' jedhan.
Waayit Haawus kana gochuun balaa qaba jedhus ''senaataroonni kunniin deeggarsa meeshaalee waraanaafi meedikaalaa Yukireeniif barbaachisu dhiyeessuu dhabuun Putiin carricha akka itti fayyadamu hayyamuu hin qabnuu'' jedhan xalayaa barreessan keessatti.
Pireezidant Joo Baayidan ida'amni qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaahanii ''diinagdee biyyattii cabsaa jira'' jira jedhu.
Yukireen daandii injifannoorra jirti jedhan Zeleniskiin
Pireezidantiin Yukireen Zeleniskiin Yukireen ''tarsiimoo murteessaa waraanicha irra aanuu ishee dandeessisurra'' geesseettii jedhan.
Dubbii isaanii Televizhiniin tamsaafame irratti Lafa Yukireen bilisoomsuuf guyyaa meeqa akka fudhatu ibsuun hin danda'amu'' jedhanii, ni injifachuuf akka jiran garuu haala ibsanirra gahuu dubbatan.
''Isa jechuu dandeenya sababni isaas tarsiimoodhaan haala murteessaarra geenyeerra- daandii injifannoorra jirra.''
''Waraana gootummaa diina jabaafi dhumaatii loltoota isaa kumaan lakkaawwamaniif dhimma hin qabne waliin godhamuu'' jedhan.
Loltootni Siiriyaatii qacaramanii afaan dubbatamullee adda hin baafne biyya ormaa keessatti Raashiyaaf lolaa jiru jechuunis dubbatan.
Michoota isaanii warra Lixaatiin irra deebi'anii deeggarsa akka dabalaniif gaafataniiru.
Waraana hamaa kanaaf Raashiyaan gatii baasuu waan qabduuf qoqqobbiin haaraan irratti akka dabalamu gaafatan.
Inistaagiraamiin Raashiyaatti uggurame
Waajirri miidiyaa mootummaa Raashiyaa hordofu hawaasaa instaagiraam akka ugguru beeksise.
Tarkaanfiin Raashiyaa kun kan dhaga’ame kaampaaniin Meetaan namoonni dallansuu thumnoota Raashiyaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafachuu akka danda'an biyyoota muraasa keessatti eeyyamuu hordofeeti.
Seerri dhaabbatichaa dallansuu namoota nagaa Raashiyaatti ibsachuu ammas hin eeyyamne.
Qaamni miidiyaalee Raashiyaa to’atu garuu, Inistaagiraamiin waanta gocha jeequmsaa lammilee Raashiyaarratti akka qaqqabu kakaasu tamsaasaa jira jedhe.
Inistaagiraamiin guutummaatti ykn hanga tokko daangeeffamuu isaa amma yoonaatti waanti beekamu hin jiru.
Qabeenyumman isaa kan kaampanii Meetaa ta’e feesbuukiin, akkasuma tiwitarri kanaan dura biyyattii keessatti dangeffameera.
Lammiileen Itoophiyaa 70 Yukireenii baqatanii Poolaand galan
Eembasiin Poolaand Finfinneetti argamu baqattoota Yukireen 100,000 guyyaa guyyaan daangaa Poolaand galan keessaa hanga ammaa lammiileen Itoophiyaa 70 akka argaman beeksise.
Embasichi ibsa baaseen weerarri Yukireen erga eegalee hanga ammaa uummatni Yukireen jiraachaa ture miiliyoona 1.5 ta'u Poolaanditti baqachuu beeksise.
Poolaand daangaa irratti danqaalee baqattoota simachuu rakkisaa godhan xiqqeessuun guyyaa guyyaan namoota 100,000 ol simachaa jirti.
Irra hedduun baqattoota Poolaand galanii lammiilee Yukireen ta'aniis, lammiileen biyyoota addunyaa 120 ta'anis keessatti argamu.
Lammiilee biyyoota Afrikaa Poolaand gahan keessaa hedduun isaanii Aljeeriyaa, Morokoo, Kaameruuniifi Rippaablika Dimookraatawaa Koongoo irraayi.
Poolaand amma nagaa kan qabdu ta'uufi baqattoota simachuu akka itti fuftus ibsi embasichaa ifa godheera.
Putiin lammiilee ormaa Raashiyaa waliin Yukireen waraanuu fedhaniif waamicha godhan
Afrikaan Kibbaa Waraana Yukireen jaarsummaan furtuuf gaafatamte- Raamafoosaa
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamafoosaa biyyisaanii akka Raashiyaa fi Yukireen jaarsummaan araarsituuf gaafatamuu himan.
Pireezidant Raamafoosaan eenyu akka gaafate hin ibsine, garuu Kamisa kaleessaa Vilaadmiir Putiin waliin haasa'uun dubbiin jaarsummaan furamuu akka qabu akeekkachiisuu himan.
''Pireezdant Putiin deemsa madaalawaa deemuu keenya jaallataniiru. Ejjennoon isaanii kun qaamoleen lameenuu dhibdee jiru marii nagaan furuuf karaa akka qabatan gargaara jedheen yaada. Michummaan Raashiyaa waliin qabnuu fi miseensa Brics waliin ta'uun keenya dubbichatti dhimmamnee jaarsummaan akka fixnuuf nu dirqamsiisa,'' jedhan Raamafoosaan.
Afrikaan Kibbaa erga yeroo darbe walga'ii UN irratti weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte balaaleffachuu deeggaruu diddee dhimma waraana Yukireen irratti biyya xiyyeeffannaa keessa jirtu taateetti.
Raamafoosaan maaliif akka sagalee kennuurraa of qusatan wayita ibsan, ''Wanti dhiyaate furmaata waaraa fi hiika qabu kan fidu miti,'' jechuun mana maree nageenyaa UN qeeqan.
Qaamni nageenya biyya hundaa eeguuf dirqama qabu tarkaanfii qoollifataa akkasii fudhachuu hin qabu jedhan.
Seneetiin Ameerikaa doolaara biiliyoona 14tti siqu deeggarsa Yukreeniif tahu raggaasee
Seneetiin Ameerikaa deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 13.6, guddaa jedhamu kan deeggarsa Yukreeniif tahu raggaasee, Pireezident Baayidan akka mallatteessaniif Waayit Haawusitti ergeera.
Deeggarsi kun qaama baasii mootummaa bal’aa keessaa yoo tahu, qarshiin deeggarsa Kooviidiidhaaf dhiyaatee mormii Rippaablikaanotaan erga kufeen booda inni kun ragga’e.
‘’Deeggarsi kuni nyaata, qoricha,dahoo lammiilee Yukreen biiliyoonaan lakkaa’amaiifi dha, akkasumas baqattoota miiliyoona lama Yukreen gadhiisanii bahaniifi.
Kana malees dabarsa meeshaalee waraanaa (misaayelii) fa’iifi kenname,'' jedhan hogganaa Seneetii Demookiraatotaa Chaak Ishkuumar,
Facebook fi Instagram haasaawwan jibbiinsaa Putiin irratti akka gaggeeffaman hayyaman
Facebook fi Instagram bulchaa kan jiru Meta'n, waraana Yukireen irratti baname hordofee barreeffamoota Vilaadmiir Putiin irratti hokkara kakaasan ilaalchisee seera kanaan dura ture yeroodhaaf akka jijjiiru beeksiseera.
Meta, haasawwan hokkara kakaasan 'yeroo murtaa'eef' akka hayyamu kan mirkaneesse yoo ta'u, fakkeenyaaf "humna weerartuu Raashiyaaf du'atuu mala" jedhanii barreessuun danbii ittiin bulmaata Meta'tiin amma kan hayyamamedha.
Kampaaniin kun haasaawwan hokkara kaasan lammileen nagaa Raashiyaa irratti xiyyeeffatan garuu hin hayyamu jedheera.
Reuters dhimma kana irratti akka gabaasa hojjetetti taanaan, duuti Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiiniifi Pirezidaantii Belaaruus Aleksaander Lukaashenkiitiif ni mala ergaawwan jedhan maxxansuun biyyoota baayyee keessatti hayyamamaniiru.
Waraana Yukreenii fi Raashiyaa guyyaa 16ffaa qabaterratti waan haaraa maali?
Raashiyaan Yukreen weeraruu guyyaa 16ffaa irratti dhimmoota beekuu qabdan:
·Pireezidantiin Yukreen Voloodmiir Zelenskii ibsa viidiyoodhaan kenneen isa Raashiyaan Yukreen keessatti meeshaaleen waraanaa keemikaalaa balaa jumlaa qaqqabsiisuu danda’an gabbifamaniiru jedhee morme.
Raashiyaa garuu meeshaalee kunneen Yukreen irratti fayyadamuu yaadaa jirti taanaan, ‘’qoqqoobbiin hamaa ishee mudachuu,’’ danda’a jechuun akeekkachiiseera.
·Yaadi pireezidnatichi ibse kuni isa Ameerikaan dhimma kanarrtti jette waliin wal-fakkata. Gaafa Roobii Raashiyaan Yukreeniidhaan meeshaalee waraanaa keemikaalaa Ameerikaadhaan deeggaramu qabdi jechuun ofii meeshaa waraanaa kana fayyadamuu gatii maltuufii, hordofuuni qabna jettee turte Ameerikaan.
·UN Jimaata har’aa wal-gahii ariifachiisaa ni taasisa.Kunis gaaffii Raashiyaatiin kan tahe yoo tahu, mariin kunis waa'ee dhimma meeshaalee waraanaa isheerratti xiyyefata.
·Suuraaleen saatalaayitii akka agarsiisanitti yoo tahe loltoonni suuta gara fuulduraatti adeemaa Kiyiiv galuuf dhiibaa kan jiran yoo tahu, bosona keessattis irra deebiin bobbaafamaniiru.
·Humnooti Puutiin magaalawwan Yukreen marsaa jiru jedhameera, qondaaloti deeggarsa atattamaa immoo Raashiyaan haala kanaan magaalota to’achuun magaalota kanneen akka Mariyuupool keesstti nyaatni jala akka dhumu gochaa jira jedhan.
·Haasaa Tarkiitti minsitiroota Raashiyaa fi Yukreen gidduutti adeemsifameen hogganooti kunneen abdiin yeroo dhiyootti dhukaasa dhaabuu hin jiru jedhan.
·Dhaabbnni Feesbuukii fi Instaagiraamii dhuunfatu Meetaan, biyyoota tokko tokko keessatti fayyadamtoonni loltoonni Raashiyaa akka ajjeefaman akka gaafataniif seerota haasaa hokkoraa dhorkan dhaabsisuu danda’a jedhe.
·Dhaaboti biyyoota lixaa kanneen akka Westarn Yuuniyan, JPMorgan Chase fi Warner Music hariiroo Raashiyaa waliin qaban kutaniiru.
Loltoonni Raashiyaa ammas magaalaa Kiyeevitti dhiyyootti walitti qabamaa jiru
Humni waraanaa Raashiyaa ammas irra deebiyanii magaalaa guddoo Kiyeevitti dhiyootti walitti qabamaa akka jiran suuraawwan saatelaayitii ni agarsiisu.
Humni waraanaa Mooskoo kun magaalaa Kiyeev qabachuudhaaf qophii haaraa taasisa akka jiru kan agarsiisudha jedhameera.
Suuraawwan saatelaayitii akka agarsiisanitti magaalota kaaba-lixaan jiranitti bakkawwan gara garaaa qabatanii agarsiisa.
Kamisa kaleessaa qondaalli olaanaa humna ittisaa Ameerikaa tokko akka jedhetti sa'aatiiwwan 24 darban keessa kiiloomeetira 5 kan ta'u gara magaalaa Kiyeevitti dhiyaateera.
Karaa shan waraanni Yukireen keessaa ittiin xumuramuu malu