Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naappooliin Rashfordiin of harka galfachuu ga'eera, Isaak gara Barseeloonaa qajeeluu mala
Gabaan jijjiirraa taphattootaa ji'a Amajjii kanaa itti fufeera. Rashford fi Isaak xiyyeeffannaa keessa galaniiru.
Naappooliin Rashfordiin gadi hin dhiisu jechaa jira, Aleksaandar Isaak ammoo gara Barseeloonaa deemuu mala.
Hamii jijjiirraa taphattootaa tibbanaa keessaa kan taphataa sarara qarqaraa Naappoolii Khvicha Kvaratskhelia isa tokko. Taphataan kun gara PSG qajeeluu jira jedhan.
Kilabni Xaaliyaanii, Naappooliin jifataa Maanchistar Yunaayitid Maarkas Rashford mallatteessifachuuf akka jedhu kan gabaase gaazexaa Miirar.
Bu'uura gabaasa Miirar kanaatiin Naappooliin taphataa lammii Joorjiyaa Khvicha Kvaratskhelia PSGtti gurguruun taphataa umrii waggaa 27 lammii Ingilaand kana fudhachuuf yaadeera.
Kilabni Faransaay keessatti beekamu PSGn taphataa Joorjiyaa kana mallatteessifachuuf xumura irra ga'uu Foot Merkato afaan Faransaayiin gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti taphataan umrii waggaa 23 Khvichan PSG waliin waliigalteerra ga'eera.
PSGn dabalataan jifataa Aston Viilaa Joon Duuraan mallatteessifachuu barbaada.
Taphataan lammii Ispeen Maarkoo Aseensiyoo ammoo gara Astan Viilaa imaluu akka danda'u gabaasa Foot Mercato keessatti eerameera.
Juventus fi Riyaal Soseedaad kilaboota taphataa kana fedhaniidha.
Baarseloonaan ammoo taphataa hundeensaa Ertiraa lammii Siwidiin Aleksaandar Isaak mallatteessifachuu akka barbaadu Mundo Deportivo Afaan Ispeeniin barreesseera.
Jifataan Niwukasil umriinsaa waggaa 25 ta'e kun gara Ispeen imaluunsaa waan mirkanaa'e miti.
Haata'u malee warri Baarseloonaa jijjiirraa taphattootaa Amajjii kanaatiin yookiin ammoo kan ganna dhufuutiin taphataa kana fudhachuu akka barbaadan beekameera.
AC Milan ittisaa Maanchistar Siitii, lammii Ingilaand Kaayil Wookar mallatteessifachuuf fedhii akka qabu gabaasi Gaardiyaan ni mul'isa.
Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa taphataan umrii waggaa 34 kun kilabicha gadhiisuu akka barbaadu himee ture.
Ganna darbe taphattoota hedduu kan mallatteessifate Chelsiin ittisaa Kiristaal Paalaas Maark Guweehii mallatteessisuun akka hin danda'amneef Miirar gabaaseera.
Kaffaltii mindaa taphattootaan walqabatee muddamni kilabichi keessa jiru taphataa kana isa dhabsiisuu danda'a jedha gabaasi kun.
Taphataan lammii Masrii Intiraakt Firaanfart keessa taphatu Omaar Maarmuush ammoo gara Maanchistar Siitii imaluu danda'u gabaasonni jedhan ba'aa jiru.
Akka Sky Sport gabaasetti taphatichi Siitii faana waliigaleera.
Ittisaan Baarseloonaa Roonaald Araawuhoo gara Juventus, taphataan Chelsii Karnii Chukuwemeka gara Boorsiyaa Doortmand hamiiwwan jijjiirraa taphattootaa kan biroodha.