Oduu jijjiirraa taphattootaa: Dhimma Liivarpuul, jifataa Yunaayitid fi Muunik wal saaman fi kaan

Gabaa jijjiirraa taphattootaa torban dura eegaleen kilaboonni hedduun jijjiirraa keessatti qooda fudhachaa jiru.

Jijjiirraan ji'a tokkoof turu kun taphattoota kamfaa bakkaa kaasee, eenyuun ammoo fide kan jedhu ilaalchisuun gabaasonni qindaa'an kunooti.

PSGn Joon Duuraan fudhachuuf fedhii agarsiiseera. Aston Viilaan taphataa kana paawondii miiliyoona 60n gurguruu ni danda'a jedhameera.

Daarektarri Ispoortii Baarseloonaa Deekoonis taphataa kana mallatteessisuuf fedhii akka qabu bakka bu'oota Duuraaniif ibsuun gabaafameera.

Baayer Muunik ammoo jifataa Maanchistar Yunaayitid mallatteessifachuuf barbaadu Viktar Yuukeeres saamee harkaa fudhachuuf qophaa'eera.

Riyaal Maadriidh gamasaan taphataa sarara ittisaa lammii Hoolaand Varjil Vaan Daayik mallatteessifachuuf karoora qabatee ture dhiiseera.

Taphataan kun kontiraati inni Liivarpuul waliin qabu Waxabajjii dhufu xumurama.

Kanaaf warri Maadriid bakka bu'aa taphatichaa dubbifatanii turan.

Kilaboonni Sa'uudii Arabiyaa gabaa jijjiirraa taphattootaa kanaan taphataa lammii Biraaziil kilaba Maanchistar Yunaayitid keessatti ga'eensaa utubaa fi ittisa gidduu ta'e Kaazemiiroo mallatteesifachuu barbaadaa jiru.

Maanchistar Yunaayitid fi Tootanhaam jijjiirraa kanaan jifataa PSG Raandaal Kooloo Muwaan ergisaan fudhachuuf fedhii agarsiisaniiru jedhameera. Juventusillee taphataa kanarraa fedha qaba jechuun Atileetik gabaaseera.

AC Miilaan ammoo jifataa Maanchistar Yunaayitid Maarkas Raashford ergisaan mallatteessifachuu barbaada. Kanaanis mindaa taphataa kanaa haga tokko kaffaluuf qophii ta'uu ibseera jedhame.

Juuventus ammoo taphataa Maanchistar Yunaayitid Jooshuwaa Zerkizii ergisaan fudhachuuf barbaadus, lammiin Hoolaand kun garuu Old Trafford turuu akka filatu ibseera.

Juuventus bakka Zerkizii lammii Sarbiyaa Duusaan Vilaahooviich dabarsee kennuuf qophaa'eera jedhameera.

Utubaan lammii Biraaziil Daaglaas Luwiiz kilaboota piriimer liigii lamaan akka barbaadamu Sky Sport News gabaaseera.

Taphataa lammii Biraaziil ta'e Antonii Maanchistar Yunaayitid irraa fudhachuu kilaboota barbaadan keessaa tokko Riyaal Beetis.

Kilabni Giriik Olompikos gamasaan taphataa qarqara irra taphatu kana mallatteessifachuu barbaada.

Kiristaal Paalaas ammoo taphataa Sandarlaand kan paawondii miiliyoona 20tti tilmaamame Joob Beelingihaam mallatteessifachuu fedhii agarsiiseera.

Juuventus jifataa West Ham Niklaas Fulkirug ergisaan mallatteessifachuu barbaada.

Lammii Biraaziil kan ta'e Jifataan Woolvis Maatewus Kuniyaa waliigaltee kilabicha waliin isa tursiisuu danda'u mallatteessuu dura filannoo jiran ilaaluu barbaada jechuun Sky Sports gabaaseera.

Chelsiin ittisaa ergisaan Kiristaal Paalaasiif kenne Tireevoo Chaalobaa deebifachuu moo ittisaa haaraa mallatteessisuu wayya yaada jedhurratti mari'ataa jira.

Liivarpuul ammoo Aniis Haajii Muusaa Feeynoord irraa fudhachuu barbaada jedhameera.

Maqaansaa Naappoolii waliin kan ka'u Feedariikoo Koyeezaa ergisaan kennuuf Liivarpuul fedha dhabeera.