Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul Giyookeresh fudhachuuf dorgommii taasifamuun Arsenaal fi Man Yunaayitiditti makame
Liiverpuul dorgommii jifataa Ispoorting umuriin isaa waggaa 27 ta'e Viktar Giyoo keresh fudhachuuf dorgommii taasifamaa jiruun kan duraan barbaadaa jiran kilaboota Piriimer Liigii biroo Arsenaal fi Maanchester Yunaayitiditti makameera.
Taphataa lammii Siwiidin kana waliin kanaan dura maqaan isaa hedduu kan ka'aa ture Arsenaal waliin ture. Boodarra garuu Maanchester Yunaayitid itti makame; amma ammoo Liiverpuulis taphataa kana akka barbaadu ibseera.
Chesliin taphataa lammii Ingilaand umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 20 ta'e Jaamii Giitens fudhachuutti dhiyaateera. Taphataa kanaaf Boorusiyaa Doortimoond Paawondii miliyoona 50 gaafate. Jaamii Giitens garee Ingilaand umurii 21 gadiif taphata.
Maanchester Yunaayitid taphataasaa lammii Arjentiinaa umuriin isaa waggaa 20 Alihaandiroo Gaarnaachoo dafee gurguruuf gatii isaa gara Paawondii miliyoona 45tti buuseera. Eenyu fudhata? Kan teenyee ilaallu ta'a.
Niwukasil YUnaayitid ammoo taphataa sarara cinaa PSV Ehindooven fi Beeljiyeem kan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 22 ta'e fudhachuuf abbalaa jiru. Kana qofa miti, Niwukasil taphataa sarara fuula duraa Boruusiyaa Doortimoond fi Jarmanii umuriin isaa waggaa 23 Kaarim Adeyeemiis fudhachuuf yaalaa jiru.
Niwukasil taphattoota kanneen lamaan kan inni dhoofsisaa jiruuf yoo yaalii inni taphataa sarara cinaa lammii Siwiidin yeroo ammaa Notingihaam Forest keessa taphatuufi umuriin isaa waggaa 23 ta'ee Antoonii Elaangaa argachuu dadhabedha.
Maanchester Yunaayitid taphataasaa lammii Daach Tiirel Malaasiyaa gargaruuf baayyee yaalaa jira. Taphataan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 25 ta'e kun ergisaan PSV Ehindovenitti makamee kilabichi akka shaampiyoonaa ta'uuf gargaareera.
Senderlaand karra eegaa lammii Polaand umuriin isaa waggaa 25 ta'e Maarsiin Bulkaa fudhachuuf Niis waliin dubbateera. Senderlaand kilaba bara kana gara Piriimer Liigii Ingilaanditti ol guddatedha.
Everteb taphataa sararara fuula duraa kilaba La Ligaa, Vilaariyaal ta'u umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 22 keessa jiru Tiyeernoo Baarii fudhachuuf mariirra jira. Taphataa lammii Faransaay kana dabarsee kennuudhaaf kilabiin La Ligaa kun Paawondii miliyoona 34 gaafateera.
Maanchester Siitiin taphataa isaa sarara ittisaa Kaalun Dooyiliif maallaqa Paawondii miliyoona 6.5 Hoofenhiim dhiyeesse dideera. Taphataan umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun garee Ingilaand waggaa 21 gadiif taphatata.
Everten ammallee jijjiirraa bilisaatiin Keenii Teetee mallatteessifachuuf abdachaa jira. Haata'u malee taphataa lammii Daach umuriin isaa waggaa 29 ta'e kana tursiifachuuf Fulhaamis kontiraata haaraa dhiyeessaafiifi jira oduun jedhu dhaga'ameera.
Benefikaan taphataa isaa lammii Ispeen Alvaaroo Kaarellaas umuriin isaa waggaa 22 ta'eef kilaba La Liga guddicha Riyaal Maadiriidirraa maallaqa isaaf dhiyaatu eegaa jira. Taphataan kun bara darbe ture Maanchester Yunaayitid irraa kan Lisban Kilab galee ture.