Maatiin shamarree Naqamteetti duutee argamte haqa dhabuu komatan

Akeekkachiisa: Odeessa kana keessatti jalqabarra dogongora suuraa mudateef suuraa jijjiirreerra. Nu oof kalchaa.

Torban lama dura magaalaa Naqamteetti shamarreen Ayyaantuu Tasfaaahuun duutee argamuun wal-qabatee maatiin hanga ammaa namni shakkamee to'annoo jala oole hin jiruu jechuun komatan.

Akkaataa ajjeechaa du'a shamarree kanaa BBC'n addatti waan mirkaneeffate hin qabu. Himannaa maatiin poolisirratti dhiheessaniifis deebii hin arganne.

BBC'n dhimma kana poolisiirraa iyyaafachuuf yaalus qondaalli poolisii erga beellaman booda deebii osoo hin kenniin hafan.

Maatiin BBCtti akka himanitti, Ayyaantuun kan duute mana huccuu aadaafi cidhaa qacaramuun keessa hojjataa turtetti.

Obboleetiin mucaa duutee argamtee BBCtti akka himtetti, maatiin irra deddeebiin poolisii magaalaa Naqamteetti eeruu kennus namni to'atameefi deebiin isaaniif laatame hin jiru.

Ayyaantuun mana huccuu aadaafi cidhaa keessa hojjataa akka turte kan himtu obboleettiinshee guyyaa isheen duute sana sa'aatii dur itti manatti galtu eeganii dhabnaan maatin yoo bilbilu poolisiin bilbila jalaa kaasun 'namaan wal-loltee waajjira poolisii akka jirtu' itti himuu dubbatti.

"Kanaan dura [galgala] sa'aatii 1:30tti galti ture. Sa'aatii 2:15 ta'ee jennaan, keessa kootu na jibbisiise mucaa kootti naa bilbili naan jette" jechuun ala baatee bilbila obboleettiirratti bilbiltuus ishee osoo hin taane namni biraa jalaa kaasuu himti.

"Namaan wajjiin walitti buutee xinnoo dhukkubsattee waan jirtuuf haadha keefi abbaa kee waamii waajjira poolisiitti koottaa naan jedhe," jechuun poolisiin reeffashee hospitaala geessuu himti.

Yeroo achi gahan akka poolisiin jedhe osoo hin taane obboleettiinshee duutee reeffi sharaan maramee akka jiru himti.

"Numaa deemuu poolisoonni reeffashee [konkolaatarraa] sharaadhaan maranii buusaa jiru. Poolisoonni lama turan," kan jettu obboleettiin Ayyaantuu maatinillee reeffa akka hin agarre godhamuun reebichi cimaan irra gahuu himatu.

Jalqaba harmeesheerratti reebichi raawwachuu, boodarra ammoo isheefi obboleessishee maaf reeffa ilaaltan jedhamuun poolisiin akka isaan reebe himatte.

Himannaa kanarratti BBC'n yaada poolisii hin arganne.

"Haati gaafa deemtu [intalashee duute ilaaluu] ishee tuman. Sana booda obboleessa koo xinnaa dhahan. Isa booda anis gaafan [reeffa] itti bu'uu [harkaan qabachuu] dhaqu akka hin taanetti na reeban.

"Dhumarratti haati koo ni iyyite, achii booda [hospitaala keessaa] dhukkubsattoonnis naasudhaan gadi babbahani," jechuun kana gidduun dhokattee sharaa irraa bantee obboleettii ta'uushee akka mirkaneeffatte himti.

"Namni itti baay'atee jennaan [poolisoonni] haadha koofi obboleessa koo tumaa turan. Suuta jedhee karaa dudduubaan sharaa irraa banee gaafan ilaalu garaan ciiftee mormishee naanna'ee jira.

''Kirriin xinnoon mormasheerra jira. Afaanshee banamee gorora baay'ee gororteetti," jechuun waan argite BBCtti himte.

Abbaanshee kanaan dura poolisii ta'ee tajaajilaa turuu kan himtu obboleettiin Ayyaantuu, abbaanshee "intala koo reeffashee naa kennaa" jedhee yoo gaafatu, "Shaalaqaa Tasfaawu si'iidhaa edaa?" jedhee poolisiin inni tokko rifachuu dubbatti.

'Nuti nama shakkine eeruu laannus hanga ammaa namni to'atame hin jiru'

Obboleettiinshee of ajjeefte jedhamee poolisiidhaan itti himamus maatiin garuu ajjeefamteetti jedhanii amanu.

Akkasumas du'a isheen wal-qabatee waajjira poolisiif eeruu kennanis namni to'atame akka hin jirre himatu.

Hospitaalli magaalaa Naqamtee bariituu isheen duute reeffishee Finfinneetti akka qoratamu ergus maatiin deemuu hin danda'u jechuun poolisiin dhorkaa akka tureefi kadhaa meeqaan abbaashee wajjiin Finfinnee deemuu himti obboleettiin Ayyaantuu.

Maatiin nama du'a intala isaaniif shakkan poolisii beeksisaniis namni to'atame akka hin jirre BBC'tti himan.

Inumaa namni shakkan ragaa qorannoo reeffaa akka hin arganneef waliin dhahaa turuu himatu.

"Abbaan koo guyyaadhumaan [waajjira poolisii deemee] naman shakkeen qabaa to'annoo jala naaf oolchaa jedhee eeruu kenna. Namni sirnaan nutti dubbatu hin jiru.

"Abbaan manichaa [kan Ayyaantu qacaree hojjachiisaa ture] qabameera nuun jedhan. Garuu bilbillisaa inni tokko ni waama. Kan ishee duuka hojjataa turte tokko ammoo baddeetti,'' kan jettu obboleettinshee du'ashee keessa harki nama jira jechuun shakkiishee himti.

Guyyaa jalqaba maatiin hospitaala deemu obboleettishee yeroo argitu kopheensheefi qabduun harmaashee akka irra hin jirre mirkaneeffachuu BBCtti himte.

"Waanan argeefan dubbataa jira. Namni of ajjeese tokko akkamitti gurdii ofirraa baasee of ajjeesa. Gurdiinshee irra hin jiru, kopheenshee irra hin jiru, qabduun harmaa irra hin jiru. T-shartiinshee lafarra harkifamuushee agarsiisa," jechuun waan reeffa obboleettiisheerratti argite ibsiti.

'Taajjabbii' hospitaala keessa ture

Guyyaa Ayyaantuu Tasfaahuun duutee reeffishee poolisootaan Hospitaala Naqamtee geeffamu sana waan hospitaala keessa tureefi akkaataa qabiinsasheerratti BBC nama bakkicha ture jedhanirraa odeeffateera.

Guyyicha hospitaalichatti miseensa maatii yaalchisaa kan tureefi yeroo reeffi Ayyaantuu konkolaataan hospitaala dhufu ijaan arguu himu, nageenyasaaf maqaansaa akka hin dhahamne gaafachuun waan arge jedhe BBCtti himeera.

"Guyyaa sana maatii keessa namni waldhaansa baqaqsanii hodhuu taasifameefii hospitaala Naqamtee [isa durii] keessa jirantu ture. Guyyaa sana achan ture, gidduudhaan konkolaataan poolisoota faana reeffa fiddee dhufte.

"Mucaan dhiiraa xiqqaafi mucaan durbaa shamarri tokkos duukaa turan. Mucaan dhiiraa xiqqaan sun obboleettii kiyya namatu ajjeese ilaaluun qaba gaafa inni jedhu poolisoonni mucaa xiqqaa kana rukutuuf yeroo itti gaman argaan ture," jedha.

Halli mucichaa 'garaa isa nyaachun' itti hiiqee waan ture hordofuu akka eegale hima namni BBCn dubbise kun.

''Haallisaa xiqqoo garaa na nyaate jennaan xiqqoo itti siqee hordofuu eegale'' kan jedhan namni kuni warra reeffa bira turan keessaa tokko achi bahee nama itti bilbilu sanaan akka hin baqanne itti himaa ture jedha.

Waan namni kuni fakkaata jedhe BBC'f ibseera.

"Namni sitti bu'u hin jiru miilla kee fuutee akka hin deemne, waanti tokkoyyuu waanti gadi dhufu hin jiru jedheetu [bilbilaan] haasa'aa ture," jedha.

Guyyaa sana poolisoonni maatiin reeffa akka hin ilaalleef illee rakkisaa akka turanis hima namni kun.

Du'a shamarree Ayyaantuu magaalaa Naqamteetti duutee argamteen wal-qabatee komii maatiin poolisiirratti dhiyyeesu ilaalchisee magaalaa Naqamterraa qorataa yakkaa Saajin Fiqaaduu gaafannus bilbila kaasanii garuu yaada kennuurraa of qusataniiru.