Ajjeechaa Simboo 'safuu cabse' Shawaa Lixaa raawwateerratti waan odeeffanne

Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

Daa'imni umurii 10 taatu, Simboo Birhaanuu, torban kana qe'ee warra ishee keessatti ajjeefamtee argamuun mufiifi dheekkamsa kaaseera.

Ajjeechaan kunis Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti guyyaa Roobii raawwachuu BBC'n miseensa maatii, ollaafi aangawaarraa odeeffateera.

Erga qorannoon reeffaa magaalaa Finfinneetti taasifamee booda guyyaa Jimaataa bakka dhaloota isheetti owwaalchi ishee raawwate.

Ajjeechaa dura daa'ima kanarratti miidhaan saalaa raawwatamuun booda fanniifamtee argamuu ishee maatiifi ollaan himaniiru. Haata'u malee, ammatti bu'aan qorannoo ifa hin taane.

Ajjeechaa daa'ima kanaaf kan gaafatamu namoota bakka bashannanaa qe'ee daa'ima tanaatti turan ta'u kanneen akeekan jiru.

Garuu, qorannoon waan mirkanaa'e hin jiru. Bu'aan qorannoo reeffaa akka eegamaa jiruu fi poolisiin qorannoo eegaluu BBC'n odeeffateera.

Bulchaan aanichaa Obbo Birhaanuu Ajjamaa shakkamtoonni sadii to'atamuu BBC'tti himan. ''Qaamoleen dhimmi kuni ilaallatu hundumtuu dhimma kanarra jiru'' jedhan.

Maaltu ta'e?

Akka BBC'n maddeen garagaraarraa odeeffateetti, ajjeechaan kun Ganda Roggee Eelaatti guyyaa Roobii ALI Amajjii 21, 2017 waaree booda raawwatame.

Bakki daa'imni tun itti ajjeefamtee argamte mana maatiishee duuba bakka bashannanaa jiru keessa akka ta'e maatiin dubbataniiru.

Ollaa isaanii kan ta'aniifi maqaa kiyya dhoksaa jedhanii namni BBC'n dubbise tokko, ''Daa'imti tun dura suuqiitti ergatanii suuqiirraa deebite.

''[Booda] maatiin yoggaa iyyaafatan ni dhaban,'' jechuun akkaataa duute miseensi maatii arge himan.

''Mana isaanii duuba iddoo mana puuliitu jira. Mana nyaataatu jira, achi keessa duuba isaatiirratti akka waan of fanniste fakkeessanii muka ispoortii irratti hojjetan irratti fannisanii deemani,'' jedhan.

Miseensi maatiis waan walfakkaataa dubbatu.

''Abbaan hoteela (mana nyaataafi dhugaatii) xiqqoo qaba. Manuma san duubatti. Haati manaa isaammoo deessee ciisti. Ji'a sadaffaadha. Hoteelicha dudduubaan manni puuliitu jira. Reeffi achitti fanniifamee kan argame,'' jedhan.

Simboon barattuu kutaa 1ffaa ta'u kan himan miseensi maatii kun, reeffi ishii naannawa sa'aatii 9:30 akka argame BBC'tti himan.

Eegasii booda reeffi mana yaalaa aanicha jiru akkasumas boodarra ''achi geeffadhaa'' jedhamuun, gara Magaalaa Finfinnee Hospitaala Qul. Phaawuloos geeffamuu dubbatu.

Dhimma kana kan gaafanne Abbaan Alangee aanichaa Obbo Hacaaluu Xilaahuun gamasaanitiin, guyyaa ajjeechaan kun itti raawwatame gaafa Roobii sa'aatii 11:00 irratti qorattoonni poolisii bakkichatti argamuun qorannoo eegaluu himan.

Ollaan maatii daa'ima kanaas guyyaa ajjeechaan raawwate poolisoonni dhufuun ''suuraa kaasanii deeman,'' jechuun dubbatan.

Obbo Hacaaluun ''Reeffii fanniifamee argame achirraa buusuudhaan qorannoodhaaf gara buufataa geessuudhaan qorannoon jalqabaa akka taasifamu ta'eetin jira,'' jechuun BBC'tti himan.

Dabaluunis, reeffi ''qorannoo dabalataatiif'' Finfinnee geeffamuu fi yeroo ammaa waajjira poolisiifi abbaan alangaa waliin ta'uudhaan qoratamaa akka jiru ibsan.

''Taateen kun akkamitti raawwate, eenyutu raawwate kan jedhu adda baasuudhaaf qorannoon adeemsifamaa jira,'' jedhan.

Bu'aan qorannoos fuula duratti akka ummataaf ifa ta'u himan. Kanaan ala akkaataa ajjeechaarratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Akkamiin ajjeefamte?

Akkaataa ajjeefamte irratti poolisiin ammatti waan ifa godhe hin qabu.

Maatiifi ollaan daa'imtii tun garuu erga 'gudeeddiin irratti raawwateen booda fannifamtee' argamuu dubbatu.

''Manni yaalaa asi ilaale jennaan gudeedatu irratti raawwate jedhani'' kan jedhan ollaan, wanti kun hawaasa keessatti rifaatuu uumuu himuun, ''safuutu cabe'' jedhan.

''Daa'ima xiqqoodha [Simboon] mana barumsaatuu sirriitti hin geenye'' jechuun gaddaan dubbatan.

Miseensi maatii gama isaaniin hospitaalaa bu'aa qorannoo ammatti waan hin geenyef argachuu baatanis waan arge jedhan akkanaan BBC'tti himan.

''Ajjeefamtuushii arganii gaafa qaama ishii ilaalan qaamnishii akka gudeedamtedha kan mul'isu… harki nama jabaataatu qaamashii akka jabeessee qabe hin beeksisa,'' jechuun dubbatu.

''Akka iddoo biraa tasgabbaa'e miti gara meettaadhaa baay'ee rakkisaadha'' jechuun rakkoon nageenyaa keessatti ambulaansiin reeffa gara Finfinnee geessuu himan.

''Dafanii akka nu hojjetan [qorannoo] godhani qaama saalaa ishii keessattillee dhangala'aan dhiiraa kan argame ragaa guddaadha.

''Ragaan qorannoo reeffaammoo turuu waan maluuf garuu dhugumaa dhugumatti ani reeffa mucayyoo kana harka kootiin garagalchee ilaaleen jira. Mucayyoon gudeedamtee jirti,'' jedhan.

Dabaluunis, ''Akkasuma achi qabanii hidhan malee of rarraastee yookiin rarraafamte hin turre,'' jechuun himu. ''Akka fakkeessan hin beeksisa'' jedhu.

BBC'nis reeffi daa'ima tanaa fannifamee argamuu abbaa alangaa aanichaa irraas mirkaneeffateera.

Dhimma kana kan gaafataman Bulchaan Aanaa Meettaa Walqixxee Obbo Birhaanuu Ajjamaa bu'aa qorannoo malee dubbachuun ni rakkisa jedhu.

''Kanuma qulqulleessudhaafi hospitaalas kan ergamte waan ta'ef akka qaama mootummaa tokkootti ragaa qulqulluu osoo harkaa hin qabaatin akkas jechuun naaf hin ta'u.

''Ragaadhuma sana eeguma wayya. Shakkiidhanii gara sanatti wanti geessineef wanti kuni haa qulqullaa'uf mitiire?''

Bulchaan aanichaa ''waan nurraa eeggamu ofii keenyaan deeggarree konkolaataa mataa keenyaan qabnee waan hunda haala mijeessinee baasii mataa keenyaan wanti kuni akka qulqullaa'uufi'' jechuun qooda fudhachuu himan.

Eenyutu shakkame?

Ajjeechaa daa'ima tanaa wayita raawwatamuutti namni ijaan arge BBC'n dubbise hin jiru. Maatiifi ollaanis shakkiima malee namni ijaan arge akka hin jirre himu.

Maatiin BBC'n dubbise ''Shakkiidhakaa amma dhugaa dubbachuudhaaf abaluudha jedhanii gara siyaasaatti naannessuun ni ulfaata. Garuu namni bakka sana irra caalaa turu ijolleema Raayyaa Ittisa Biyyaatu jiru.

''Namni hedduun akkas jedha dubbachuu hin barbaadani. Qabatamatti namni ijaan arge jiraachus baatu namni dhiheenya bakka sani oolu isaanuma. Namni ijaan arge osoo jiraates hin dubbatani,'' jechuun BBC'tti himani.

Ollaan gama isaaniin, ''Namni sa'aatii sanatti isaan arge wanta jiruu miti. Sa'aatii sanattimmoo qaama nageenya eegsisutu [Raayyaa Ittisaa] naannoo san ture,'' jedhan.

Dabaluunis, ''Namni arge ammatti waan jiru miti. Namni naannoo sanaas waan himuu sodaatan wayii natti fakkaate,'' jedhan.

Dhimma kana kan gaafanne bulchaan aanichaa Obbo Birhaanuun qorannoo malee dubbachuun ''dogongora'' ta'a jedhu.

''Yeroo argamtutti Fannifamteedha kan turte. Ragaanumti kuni adda bahee qaama waraanaati yookaan immoo siviliidha ykn qaama maatiidha wanti jedhee adda bahe ammatti hin jiru waan ta'ef callifamee abbaa ta'ef qooduun hin danda'amu.

''Jalqabarratti qorannoon kunumti adda hin baane, lammaffaammoo utuma adda bahe eenyutu naannoo sana kan ture, akkamitti… qorannoo bal'aa barbaada jechuudha.

''Bu'uurarraa hanga dhimmi kun qulqullaa'utti dogongora ta'a jechuudha yaadni akkasii.''

'Shakkamtoonni sadii to'atamaniiru'

Miseensi maatii yoo qoratamaa jira ta'e wanti beekan yoo jiraate gaafatamanii ''namni abbaan kanaa jedhee lafaa kaaseyyuu hin jiru. Ni sodaata hunduu'' jechuun deebisan.

Bulchaa Aanaa Meettaa Walqixxee Obbo Birhaanuu Ajjamaa garuu namoonni shakkaman to'atamuu dubbatan.

''Qorannoon hospitaalaa gaggeeffamee bu'aan isaa eeggamaati kan jiru. Wanti adda bahee amma qulqullaa'ee ragaan kun kana jedhame ammatti wanti nu harka gahe hin jiru.

''Garuu sana eeguu dursa qaamni seeraa, abbaan alangaas, waajjirri poolisiis, dhimmi dubartootaafi daa'immanis akkasumas qaamoleen dhimma kanaan walqabatu kamiyyuu koree dhaabanii dhimma kana qulqulleessaati kan jiran,'' jedhan.

Dabaluunis, ''namootuma naannoo sanatti mana nyaataa hojjetaniifi puulii taphachiisan jedhaman isa kanaan walqabatee achirratti qorannoon gaggeeffamaa jira.

''Maaliif naannoo sana eenyufaatu ture,'' kan jedhu baruuf akka ta'e himan. ''Nama sadii to'atanii jiru dhawaataan itti deemama jechaadha. Qorannaan kun bal'atee itti deemama.

''Dhugaan kuni akka bahuuf jecha mucayyoon kuni osoo hin awwaaliin maatii harkaatii Finfinneetti ergamee kan qoratamesi'' jechuun BBC'f deebisan.

Dhaabbileen mirgaa ajjeechaa irra deddeebiin bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti mudataniin yaadda'uu ibsaa turaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.