Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee daa'ima waggaa torbaa gudeedamtee duutee Heevan, harmee isheerraa akka dhageenyetti
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
- Gabaasni irraati, Kenya, Nairobi
Odeessi kuni miira keessan jeequu mala.
Mucaankoo Hiiven hiriyyaa ijoollee isaati. Umuriin ishee waggaa torbadha. Namni ishee gudeede Geetinnet Baayyee abbaa ijoollee sadiiti. Intalli isaa tokko hiriyyaa mucaakoo Heevanidha. Umuriin ishee waggaa torba taha.
Isaaniin mooraa keessaa gadi baaseeti kankoo humnaan qabee akka malee gudeedee booda ''hudhuun kan najalaa ajjeese'' jette haati Hiiven Abeqellesh Adeba.
Yakki gudeeddii fi ajjeechaa suukaneessaa daa'ima waggaa torbaa irratti naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti waggaa tokko dura raawwate erga gara miidiyaa hawwaasaatti bahee dheekkamsa guddaa kaaseera.
Daa'imni Heevan Awox jedhamtu nama harmee isheef mana kireessuu Geetinnat Awox jedhamuun akka malee gudeedamtee ajjeefamte.
Geetinnat irratti hidhaan waggaa 25 darbe gahaa miti jechuun uummanni biyyattii miidiyaa hawwaasaa irratti duula gaggeessaa jiru. Yakkamaan kun garuu murtii kanaafuu ol iyyata fudhateera.
Haati Heeven ogeettii fayyaa taaate haalatti daa’ima ishee itti dhabde BBCtti himteetti. Akkaataadhuma isheen dubbatteen isiniif dhiyeessina.
Akka maatiitti waliin jiraachaa turre. Haati warraa isaa anaaf obboleettiitti naaf oolti. Kanaaf akka firaatti baay’ee walitti dhiyaachaa turre.
Yeroo waraana Tigiraay sana abbaa warraakoo na jalaa hidhan jennaan ijoollee koo kana guddisuuf halkaniifi guyyaan hojjechaa ture. Abbaan warraakoo gariin saba Amaara gariin ammoo Tigiree keessaa qaba. Kanaaf isa hidhan.
Anis yeroo sana mana Geetinnet fa’aa kana keessa kireeffadheen gale. Mooraa tasgabbii qabu akkasumas akka maatiitti waan walitti dhiyaannuufan achi gale.
Homaa walitti bu’insa hin qabnu. Akka obboleessa koottan isa ilaala. Manatti handaaqqoo qaleeyyuu osoo isaafi maatiin isaa dhufanii hin nyaatiin ijoolleekoof hin kennu. Akkuma aadaa keenyaatti jechuudha.
Hagayya 22 bara 2023 Hospitaalan keessaa hojjedhu Fellege Hiwoot hojjetaa tureen halkan sa’a shan yeroo tahun mana gale.
Xinnoo waanan dadhabeef bulee isaa gaafa Wiixata Hagayya 23 bara 2024 ganama mucaankoo Heeven ‘Immaakoo ka’i, hojiin sitti barfata,’’ jettee na dammaqsitee waliin ciree nyaannee ishee dhungadheen gammachuumaan ganama sa’a lama [2:00 AM] yeroo tahu gara hojiin deeme.
Heeven daa’ima baay’ee bareedduudha. Anis uffata babbareedaa bitaafii ture. Geetinnet [namni ishee gudeede] yeroo baay’ee ‘mucaa kanatti uffata babbareedaa akkasii itti hin bitiin, ijaaf gaarii miti’ na jedha ture.
Ani yaada biraa qabaachuu naaf hin galle malee akkas na jedha ture. Wiixata ganama akkuman bakka hojiikoo hospitaal Fellege Hiwoot gaheen gara kutaa baqaqsanii yaaluun gale.
Achi keessaa osoo hojiirra jiruu bilbilli naaf bilbilame. Yeroo kaan hin kaasuyyuun ture. Guyyaa sana garuu calliseeman kaase. Heeven baay’ee dhukkubeera, dafii koottu‘ na jedhan. Mucaankoo maal taate?
Utaalloo yoo tahe malee mata bo’uuyyuu hin qabdu. Amman fayyaashee dhiisee bahe mitii jedheen nahee fiigeen gale.
Mana yeroon gahu Geetinnet qofaatu mooraa keessa jira.
Heeven maal taate? Eessa jirti jedhee gaafannaan deebii naaf hin deebisu. Akka roqomuu [hollachuu] taha. Deebii gahaa naaf hin deebisne.
Ammas naaf bilbilanii gara hospitaala ani keessa hojjedhuutti geessuu natti himan. Yoon achi gahu ammoo namni hunduu ni boo’a. Heevan boqatteetti.
Haati Heeven Abiqellesh Adeba daa’ima ishee kana dhiistee kan baate obboleettii ishee quxisuu biratti tahuu BBCtti himte.
Guyyaa sana haati warraa isaa obboleettiin ishee deesse jennaan ishee bira deemteetti. Amaatii [haati warraa haadha manaa Geetinnat] akkasuma ishee bira deemaniiru.
Dubartiin biraa mooraa sana kireeffattee jiraattu tokko ammoo mana baabura midhaan daakuu deemteetti. Obboleettiinkoo mana keessaa TV bantee ilaalaa turte.
Heevan dhiqachuu waan jaalattuuf bishaan waraabbattee mana fincaanii deemti. Yeroo isheen achi geessudha hordofee kan ukkaamsee qabatee kana irratti raawwate.
Obboleettiinkoo maaf turte jettee ilaaluuf yoo baatu balbala duratti reeffishee gatameeti argite.
Bishaan isheen fudhattee mana fincaanii galtellee guutuun isaa achuma taa’a ture.
Akka isheen hin iyyinetti ukkaamseera. Cirracha afaan isheetti naqeera. Karaa qaama saalaa ishee fi bobbaa bahu gudeede.
Akka malee, haala suukaneessaan gudeede. Suuraa miidiyaa irratti hin baasnuuf malee suuraa ishee kaafameera. .....[osoo imimmaan cobsituu dubbatti].
Ani ofiyyuu hin beeku ture hiriyyootakootu hospitaala keessatti kaase.
Lafeen ispaayinaal koordii ishee mul’ata. Akka kuftee duute jedhamuuf miilla isheerra millaacii [qarabaadhaan] mummureera.
Hospitaala lamatti qorannoo taasifne.
Dhiigni ishee mana keessatti akka hin argamneef barakiinaadhaan mana dhiqaa turuu dhageenye. Amaatiin isaa gara mana isaatti yoo deebi’an dhiiga dhiqamaa turan arganiiru.
Kan ishee tahuu hin barre ture. Booda kan mucaa kanaati jedhamee yoo dubbatamu dhagahanii nahanii kufanii achumaan du’an. Arganii ture.
Haala du’a amaatii Geetinnat kana BBC’n maatii isaanii irraa hin mirkaneeffanne.
Itti dabaluun ragaaf akka hin oolleef paantii ishee, hidhaa rifeensa ishee dhokse. Kophee tokko isheerrati hafeera. Tokko irraa bu’eera.
Kaan dhoksee kana yaadatti hin qabne fakkaata mana isaa keessaa argame. Kopheen Heevan tokko. Akka ragaatti kan dhiyeesineyyuu tokko isa ture.
Yeroo kana raawwatu ijoollee isaaf mooraatii gadi baasee ture. Dallaalaa wayiiti. Safara ykn naannicha keessatti ni sodaatama.
Haqa Heevan...
Yakkamaa Geetinnat Baayyee yakka ajjeechaa fi gudeeddii Heeven irratti raawwachuun himatameen hidhaan waggaa 25 irratti darbeera.
Geetinnat murtii irratti darbe kanaaf ol iyyannoo fudhachuun dhagahameera. Kanaaf ammoo beellamni ji'a Onkoloolessaa dhufutti qabameera.
Uummatni biyyattii dubbii kana dhagahe miidiyaa hawwaasaa irratti bahuun ''anis Heeven'' duula jedhu gaggeessaa turan.
Dabalataan murtoon irratti darbe gahaa miti jechuun karaa oonlaayinii iyyanni [petition] 200,000 tahu mallattaa'eera.
Haati Heeven amma daa'ima ishee dhabuun dabalata lubbuu isheef sodaattee magaalaa Finfinnee jiraachaa akka jirtu BBCtti himte.
''Obbolaan isaa aangoo qabu. Qondaalota mootummaati. Harki isaanii dheeraadha.''
Maaliif gara seeraa geessite? Asumatti beenyaa isiif kaffallee jaarsummaan fixuu qabna ture jedhanii na doorsisaa jiru. Lubbuukoof sodaadheen achii baqadheera.
Yaaliin ajjeechaas sababa kanaan karaa maatii isaa narratti raawwateera jette.''
BBC'n odeeffannoo kana maatii yakkamaa irraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itoophiyaa [EWLA] ibsa baaseen adabbiin darbe ''xiqqaadha, yakki ajjeechaa daa'ima kana irratti raawwate qofaan isaayyuu adabbii umurii guutuu ykn du'aan adabsiisa,'' jedha.
''Yakki suukaneessaan akkanaa daa'ima irratti yeroo raawwate baay'ee nama dhukkubsa, hedduu nama gaddisiisa,'' jedhe.
Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawwaasumma Itoophiyaa Ergoogee Tasfaayee fuula Feesbuukii ishee irratti yakki Hiiven irratti raawwate ''namummaa irraa kan bahedha'' jette.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawwaasummaa Itoophiyaas qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu kaan waliin tahuun akka hordofan himteetti.
Itoophiyaa keessatti yakki gudeeddii suukaneessaan akaksii yoo raawwtu kan jalqabaa miti.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman yeroo weerara koroonaa keessaa jalqabee miidhaan saalaa dubartootaa fi ijoollee irra gahu dabaluu himaniiru.
Human Raayitis Waach gabaasa ji'a Caamsaa keessa baaseen Itoophiyaa iddoowwan wal dhabdeen itti dabaletti miidhaan saalaa dubartoota irra gahu haala yaadessaa irra gahuu ibseera.
Yeroo waraana Tigiraay dubartoonni fi shammarran kumaatamni gudeedamuu dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaniiru'
Haati Heeven Aadde Abiqellesh Adebaa sababa waraana Tigiraayiin abbaa warraa ishee jalaa hidhamuun gaafa hidhaatii hiikamu naannoo Amaaraa gadhiisee bahuu himte.
Kanumaan gargar bahuu himte. Haati Heeven anaafis tahe ijoolleekoof bakka nagaa qabeessa taha, firadha jettee amanattee kireeffatte galtetti daa'imashee dhabde.
''Naman akka obboleessakootti ilaaludha. Akka obboleessakoo hangafaattan isa ilaala ture. Abbaa warraa obboleettiikooti jedheen mooraa isaanii gales.
''Nyaata qopheesseeyyuu ijoolleekoof osoo hin kenniin isaaf kenna ture,'' kan jette Abeqellesh namuma kanatu daa'imakoo galaafate jette.
Amma mucaa ishees dhabdee haqa gahaas hin arganne jette. Lubbuu isheefuu yaaddoo qabaachuu BBCtti himte.