Maahilet Takilaay: Mucaa magaalaa Adawaatti butamtee birriin miil. sadii itti gaafatame

Maahilet Takilaay mucaa waggaan 16 yoo taatu, Naannoo Tigraay Godina Jidduugalaa, Magaala Adawaatti ALI Bitootessa 10, 2016 namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamte.

Hanga ammaattis maal keessaa fi eessa akka jirtu maatiin ishee akka hin beekne BBC'tti himan.

Maahilet gaaficha naannoo sa’aatii 10:30 ta’u mana barnootaa Afaanii deemuuf jette bakka baatetti butamtee fudhatamuu obboleettiin ishee Miiliyoon Takilaay kan dubbattu.

Miiliyoon akka jettutti, qaamoleen butan obboleettiin ishee isaan bira ta’ufi gadi dhiisiisuuf birrii miliyoonaan lakkaa’amu akka kanfalamu gaafachuuf hanga ammaatti yeroo lama abbaasheetti bilbilaniiru.

‘‘Sagaleeshee hin dhageenye. Torban lamaan dura ala tokko bilbilanii ture. Abbaan keenyas maal akka barbaadaniifi attamiin akka kennuuf gaafate ture. Isaanis ‘waan qopheessi siin jennu qopheessita’ jedhanii bilbilasaanii eegaa jirra’’ jetti.

Barattuu Maahilet Magaala Adawaatti naannoo Addii Maahilakaa jedhamuutti mana barnootaa Afaanii ‘Baas Salaam’ jedhamu deemuuf akkuma baateetti hafte.

‘‘Itti barfatee waan tureef ariitiin ture kan manaa baate…haata’u malee, bakka yaaddee hin geenye. Namoonni ishee butanii fuudhaniis yeroo isheen gara manaatti deebitutti ture kan Abbaabbaatti bilbilan’’ jechuun dubbatti obbooleetiin ishee. Maahileti wagga 16 erga guuttee baatii lama hin guunne.

Bara kanattis qormaata kutaa 8 fudhattee qabxii gaarii fiduudhaan alatti, afaaniifi waan biraa barataa qophii taasisaa turte.

Maatiin Maahilet, ‘‘mucaa naamusa qabduudha’’ jedhuun. Haata’u malee eenyummaa namoota mucaa kana butanii maatiin hin barre.

Namoonni butanis bilbiluma Maahiletiin abbaatti bilbiluudhaan ukkaamsuu fi ‘‘yoo lubbuudhaan argu barbaaddan birrii miiliyoona sadii qopheessaa’’ jedhanii bilbila cufuu dubbatti obboleettiin.

Guyyaa sagaliin booda ammo yeroo lammataatiif bilbiluufi maallaqa gaafatame kanfaluudhaaf maatiin qophii akka ta’an gaaffachu dubbatti.

Abbaa Maahiletiin ‘‘maallaqa hanga si gaafannee caalaa akka nuuf kennu dandeessu beekna. Maallaqa si gaafannee bakka siin jennuutti dhiyeessita,’’ jedhanii bilbila cufan.

Obboleetiin Maahilet akka jettutti, obboleettiin ishee erga guyyaa itti butamteetiin guyyaa tokkoon dura, namoota hin beekne naannoo manasaaniitti argu abbaasheetti himtee, abbaan ishee yoo gadi bahan garuu omaa akka dhabaniifi akka tasgabbooftu akka gorsan himti.

Maahilet erga butamtee torban sadi keessatti bakka isheen jirtu baruudhaaf yaalii taasisanillee hanga ammaatti homaa baru hin dandeenye.

Maatiin dhimmicha poolisiitti kan beeksiise yoo ta’u, ‘‘poolisiin naannichaa akka eegamuun nu waliin socha’aa hin jiru’’ jetti Miiliyoon. Namoonni shakkamanii to’ataman jiraatanis odeeffannoon Maahilet eessa akka jirtu eeru irraa argamu hin dandeenye jetti.

Maatiin sagalee mucaasaanii erga dhagahanii baatii tokkoof deemaa jiranis ‘‘sagaleeshee dhagahuuf baayyee hawwaa jiraachu dubbatti.

Dhiheenya kana keessatti eddoowwan naannoo Tigraay garaagaraa keessatti nama butanii fudhachuun maallaqa itti gaafachuun daa’imman irratti raawwatamu, baayyataa jira.

Onkololeessa darbe irraa eegalee magaala guddoo naannichaa Maqaleetti daa’imman irratti xiyyeeffachuun butanii maqsuun mul’achaa jiraachuu odeeffannoon poolisii ni agarsiisa.

Namoonni gochaa kana raawwatan ammoo konkolaataa baajaajii jedhamuutti akka fayyadaman himama.

Kanaan duras shakkamtoonni bulchiinsoota magaalaa Maqaleetti argaman adda addaa keessatti daa’imman manneen barnootaatii butanii yoo fudhatan to’annoo jala oolfaman jiraachu waajirri poolisii magaalichaa BBC’tti hime ture.

Bitooteessa darbe mucaan nama Obbo Mahaarii Kabbada jedhamu ta’e ukkaamsamee fudhatamuun maatiin akka birrii miiliyoona afur kanfalan gaafatamanii turan.

Mucaan sunis torban tokko oliif harka namoota butanii jala kan ture yoo ta’e, yaalii maatiin poolisoota magaalichaa waliin taasiseen Bitooteessa 17, 2016 gadhiisifamee maatii waliin walitti makamu BBC yeroos gabaasee ture.

“Gochaan akkasii naannichatti kan barame hinturre’’ kan jedhu poolisiin, maddasaa hubachuuf qorannoon barbaachisaadha jedha.

Waraana Naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee yaaddoon nageenyaafi tikaa olaanaan uumamuun kan ibsamu yoo ta’u, magaaloota naannichaa hedduu keessattis yakkiwwan qindaa’eefi hidhannoodhaan deeggarame mudachuu odeeffannoon poolisiirraa argame ni mul’isa.