Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Mihratuu angoo gadhiisan
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihratuuu aangoo gadhiisan.
Obbo Maammoon gaggeessummaa baankii biyyaalessaarraa aangoo gadhiisuusaanii fuula X gubbaatti ibsa har'a baasaniini kan beeksisan.
Aangoosaanii fedhiin gadhiisuu kan bulchaan Baankii Biyyaalessaa kun sababni hojii gadi lakkisaniif kallattii hojiifi jireenyaa biraa irratti fuulleffachuuf akka ta'e ibsan.
Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa baaseen Obbo Miratuu Maammoo aangoo gadhiisuusaanii mirkaneessera.
"Bulchaan [baankichaa] yeroo itti gaafatamummaarra turanitti, warra wajjin hojjatan waliin ta'uun rifoormii maakroo ikonomii eegamaa ture hojiirra oolchaniiru," jechuun galateeffateera baankichi.
Waggoota torba darbaniif gita hojii mootummaa garaa garaa irratti hojjachaa turuu ibsuun, kana booda hojii mootummaa keessaa bahuuf murteessuu kaasu.
Bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun erga muudamanii as bulchiinsa MM Abiy jalatti hojii rifoormii diinagdee biyyattii keessatti gumaata gochuuttis akka gammadan ibsan Obbo Maammoon.
Bulchiinsa MM Abiy jalatti "miseensa garee maayikiroo ikonomii Itoophiyaa kan Sagantaa Rifoormii Diinagdee Biyya Keessaa qopheessefi gaggeesse keessatti akkan qooda qabaadhuuf carraa naa kennametti nan gammada," jedhan.
Jijjiiramawwan Baankii Biyyaalessaa keessatti dhufe jedhanittis gammachuu akka qaban ibsuun, rifoormii diinagdee Itoophiyaan dhiyeenya taasifteen sirni faayinaansii Itoophiyaa gabaarratti akka hundaa'u gochuu keessatti hojii gaggeessummaan hojjachuuttis gammachuu akka qaban himan Obbo Maammoon.
"Hoj-maata imaammata maallaqaa ammayyaa ifa goonerra, sirni jijjiirraa sharafa alaa gabaa irratti akka hundaa'u goonerra, akkasumas seera haaraa qopheessuun baankichi akka of danda'u mirkaneessineerra," jechuun bulchiinsa isaanii jalatti waan Baankiin Biyyaaleessaa itti milkaa'e jedhan tarreessan.
Dabaluunis, seektarri faayinaansii Itoophiyaa bulchiinsota darban keessatti inveestaroota biyya keessaaf malee kanneen alaaf cufaa ta'e inveestaroota biyya alaaf banaa akka ta'u gochuus himan.
Obbo Maammoo Mihratuu aangoo gaggeessummaa Baankii Biyyaalessaarraa ka'uunsaanii yeroo qaala'iinsi jireenyaa Itoophiyaa keessatti hammaatettiidha.
Itoophiyaan ALI Adoolessa 22, 2016 rifoormii diinagdee taasisuu ibsuun sirni bittaafi gurgurtaa sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa'u gootee turte.
Tarkaanfii Baankiin Biyyaalessaa fudhate abdiifi yaaddoo uumee ture. Mootummaan rifoormii diingadee kan taasise dhiibbaa dhaabbilee maallaqaa idiladdunyaa kanneen akka IMFtiini jedhanii kan qeeqanis jiru.
Kuni ammoo lammiileen biyyattii qaala'iinsa jireenyaafi gibirawwan gosa garaa garaaf saaxila kan jedhanii falman jiru.
Keessattuu ammoo miidhaan kun lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti akka cimu kan yaadda'anis heddu turan.
Obbo Maammoon garuu qaala'iinsi jireenyaa waggaa torba keessatti isa gadaanaa akka ta'e xalayaa hara'a, Fulbaana 3, 2025, aangoo gadhiisuusaanii ittiin ibsan keessatti eeran.
"Jijjiirama rifoormiwwwan kanneenii irraa kan ka'e, qaala'iinsi jireenyaa waggaa torba keessatti isa gadaanaa ta'eera. Kaffaltiin dijitaalaas dachaa kudhaniin guddateera," jechuun rifoormiin taasifame bu'aa akka buuse falmu.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) garuu ibsa ji'a Adoolessaa keessa baaseen riifoormiin dinagdee Itoophiyaan hojiirra oolchite rakkoon qunnamaa akka jiru akeekkachiisee ture.
Mootummaan Itoophiyaa rofoormii diinagdee taasisuu isaa kan leellise gabaasni IMF, garuummoo gabaan sharafa alaa baankiin alatti (gabaa gurraachaa) guddachuu, haala rakkoo nageenyaa amansiisaa ta'uu dhabuu fa'aa tarreessuun rifoormiin taasifame rakkoo keessa akka jiru ibsee ture.
Obbo Maammoo Miratuu garuu rifoormiin diinagdee taasifamuusaatiin seektarri faayinaansii akka jaabatufi babal'atu taasifamuu ibsuun tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhate jajuun aangoo gadhiisuusaanii ibsanii nagaa dhaammatan.
Obbo Maammoon Amajjii 20, 2023 Bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun muudamanii turan.
Bulchaa Baankii Biyyaalessaa osoo hin ta'in dura gorsaa dhimma diinagdee Ministira Muummee Abiy Ahimad ta'uunis tajaajilaniiru.