Itoophiyaatti bara darbe keessa malaammaltummaan dabaleera - Gabaasa

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti bara 2023 keessa malaammaltummaan dabaluu Transparency International ibse.
Dhabbanni biyyoota 100 olitti loogii malammaltummaa hambisuuf hojjetu kuni gabaasa waggaa waliigalaa baaseera.
Qorannoo gadi fagoo biyyoota 180 keessatti wagga waggaan dalaguun, Itoophiyaan qabxii 100 keessaa 37 argachuun sadarkaa 98ffaa argatteetti.
Kunis bara 2022 keessa qabxii 100 keessaa 38 argachuun sadarkaa 94ffaa qabdurraa gadi bu'uushee agarsiisa.
Dhaabbati Transparency International jedhamu qabxiin malaammaltummaa gidduugalaa idil-addunyaa qabxii 43 yoo tahu Itoophiyaan safartuu kanarraa qabxii jahaan gadi buutee jirti.
Dhaabbati qabxii sadarkaa kan kaahu qabxii 0-100 kennurratti hundaa'uuni. Biyyi qabxii 100 argattee malaammaltummaa irraa bilisa tahuu agarsiisa jechuu dha. Gama biraan qabxii 0 argachuu ammoo malaammaltummaa akkaan babala'achuu agarsiisu mala.
Akka addunyaatti qabxii 100 keessaa 90 argachuun sadarkaa tokkoffaa irra kan jirtu Deenmaark yoo taatu, Fiinlaand 87 fi Niiwziilaand 85 argachuun lammaffaafi sadaffaarra taa'aniiru.
Sisheeyelis qabxii 71 argachuun Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaa qabattee kan itti fufte yoo tahu, Keeppi Verdeen 64'n, Botusuwaanaan 59 argachuun lammaffaafi sadaffaarra jiru.
Biyyi ollaa Somaaliyaan qabxii 11 argachuun tarree biyyoota kanaa keessatti dhuma ykn 180ffaa irra jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbatichi yeroo yerootti Itoophiyaa (38), Keeniyaa(32) Sisheeyils(70) fi Taanzaaniyaa(38) biyyoota qabxii isaanii fooyyessanii dha jedheera.
Goosooti malaammaltummaa jaarmiyaa kanaan ilaalaman keessa, matta'aa, baajata akka malee ramaduu, aangoo mootummaa bu'aa ofiif fayyadamuu, humna mootummaa malaammaltummaa, qondaaloti mootummaa qabeenya isaanii ifa gochuu dhiisuu, hojimaata mootummaa malaammaltummaaf saaxilamaa tahe fa'i dha.
Bara 2022 keessa mootummaan Itoophiyaa malaammaltummaarratti duuluuf koree biyyaalessaa ijaaruu waajirri Ministirri Muummee Abiy Ahimad ibsee ture.
Yeroos MM Abiy, ''malaammaltummaan ammaan tan yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'eera'' jechuun ibsaniis tureera.
Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa kuni qondaalota mootummaa caasaa malaammaltummaa irratti tarakaanfii fudhachuu jalqabuu dhaabbatumti Transparency International Bitootess 2023 gabaasee ture. Nagaafi tasgabbiin Itoophiyaa keessa jiraachuun malaammaltummaa loluu danqaa tahe dha.












