Maanchister Yuunaayitid dhimmi rakkoo naamusaa Raashfoordi cufameera jedhe

Maarkas Raashfoordi

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Yuunaayitid taphataan isaanii Maarkas Raashfoordi balleessaa isaaf itti gaafatamummaa fudhateera jedhe.

Raashfoordi Roobii fi Kamisa torbee darbee keessa Ayerlaandi Kaabaatti mana shuubbisa halkaniitti argameera.

Jimaata isaa ammoo dhukkubsachuun shaakala irraa hafe. Itti aansees tapha Niiw Port waliin taasisaniin ala tahe.

Kilebichi ''dhimmi kun akkaataa naamusa kilebichaatiin karaa keessoo xumura waan argatedha'' jedhe. Amma dhimmi kun cufameera jedhe.

Raashfoordi shaakalatti deebi'eera. Taphataan ganna 26 kun tapha Kamisa Woolvis waliin taasisaniif taphachuu danda'a.

''Na dhukkubeera jedhee gabaase. Kaanarraa kan hafe kaan dhimma keessoo kilebichaati. Kana an nan fura'' jedhe leenjisaan kilebichaa rakkoo naamusaa taphattootaan rakkataa jiran Erik Ten Haag.

Jimaata darbe Raashfoordi Kaaringitanitti shaakala hojjeteera.

Teen Haag, daariktera kubba miilaa Joon Moortoo, fi hojii gaggeessaa yeroofii kilebichaa Paatris dhimma kana irratti dubbachuun furaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashfoordi obboleessa isaa miseensa bakka buutota isaa keessaa tokko tahe Diwaayin fudhatee deeme.

Rakkoo naamusaa Raashfoordi kun kan jalqabaa isaa miti. Ji'a sadaasaa keessa tapha Karabayoo Kaappii marsaa arfaffaa Niwkasil waliin taasisan irratti filannoon ala taasifameera. Kunis rakkooma naamusaan ture.

Maanchister Siitiidhaan 3-0 akkuma mo'amaniin halkan isaa mana shuubisa halkanii Maanchister keessaa tokkotti argamuun guyyaa dhaloota isaa kabajataa oole.

Bara darbe rafee sa'a shaakalaa irraa barfachuun tapha Woolvis waliin taasisan irratti taa'umsa jijjiirraa irra kaa'ameera.

Bara kana Raashfoordi Yuunaayitidiif galchii afur qofa lakkoofsise. Bara darbe 30 lakkoofsiseera.

Xiinxalaan kubba miilaa Kiriis Suutan Raashfoordi ''Teen Haagiif kabaja hin qabu'' jedhe.

''Akkan yaadutti Ten Haagiin ariisisuu mala. Garuu ofii haala kanaan itti hin fufu. Waa kilebichaaf gumaachuu qaba. Nama gaddisiisa,'' jechuun BBC Radio 5 irratti dubbate.

Maaliif Ten Haagiin akka akkas rakkisu naaf hin galu jedhe Suutan.

"Taphataan sarara ittisaa Leester Siitii kan Ingilaandiif Raahfoordi waliin taphataa ture, Konor Koodii,''akkas tahee isa arguun waan isa madaalu miti, anaaf waan gaarii natti hin fakkaatu,waanti nuyi hin beekne wayii waan jiru natti fakkaata'' jedhe.

''Waan akkanaa kileboota kaan keessatti yeroo bahan hin dhagahamu. Maanchister Yuunaayitid keessaa qofa dhageessa.

Xiinxalaan kubba miilaa fi taphataan duraanii Niwkaastil Alan Shiirer, BBC One irratti, Raashfoordi bara darbe yeroo naamusa isaa eeggachuun taphataa ture dandeettii akkamii akka qabu argineerra jedhe.

Rakkoo wayii inuma qabaata, ykn mana keessa ykn ammoo kubba waliin haala itti jiru waliin. Sababni isaa waan agarsiisa ature tokkoyyuu hojjechaa hin jiru'' jedhe.

''Dandeettii isaa kana qisaasessuu hin qabu. Waan gaarii miti, hoggansa cimaa isa barbaachisa. Nama sirriitti isa qabu. Yoo haala akkasiin bara xumura yeroo tapha kubba miilaakee geesse gaabbitee iddootii fuutu hin qabdu,'' jedhe.