Keep Verdee fi Aayivooriikosti yoo nuusa xumuraaf darban, Senegaal kufte

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa bara 2021 Senegaal, qopheessituu waancichaa bara kanaa Ayivoorii Kostiin rukuttaa peenaaliitiin mo'amuun dorgommicha keessaa baate.
Taphaan dura taphataan duraanii Aayivoori Kosti, Didiyer Diroogbaan Senegaal gonkumayyuu nu mootee hin beektu. Kanaaf ni mo'anna jedhee ture. Dhuguma akka inni jedhe tahe.
Gama biraan biyyi uummata walakkaa miliyoonaa qabdu Keeppi Verdeen dorgommii biyyoonni gurguddoon keessaa kufanii hafan kana Mooritaaniyaa mo'achuun nuusa xumuraaf darbite.
Bara kanas carraa waancicha mo'achuu guddaa qabdi jedhamuun tilmaama guddaa argattee kan turte Senegaal, yeroon taphaa idilee xumuramuuf hanga daqiiqonni muraasa hafanitti galchii 1-0 dursaa turte.
Aayivoorii Koosti rukuttaa peenaaliitii argatanii taphichi qixa 1-1 xumuramee yeroo dabalataa daqiiqaa 30tti ce'us taphaan galchii lakkoofsisanii wal mo'achuu hin dandeenye.
Dhumarratti Aayivoorii Kosti rukuttaa peenaaliitii 5-4'n Senegaaliin deeggartoota ishee fuulduratti mo'achuun nuusa xumuraaf darbite.
Aayivooriikosti duutee kaate jechuun danda'ama. Garee isaanii keessaa mo'atanii qabxii gahaa argatanii darbuu waan hin dandeenyeef tapha Morookoon Zaambiyaa waliin taasifte eeggachuun dirqama isaaniitti tahee ture.
Morookoon galchii 1-0 Zaambiyaa mo'achuun ishee akka Aayivooriikosti biyya qabxii fooyya'aa qabdu taatee darbitu ishee gargaare.
Ikkuwaatooriyaan Giiniin qopheesituu waancaa AFCON kana deeggartootaa fi bulchitoota biyyaa ishee fuulduratti 4-0 mo'achuun salphisanii ture.
Deeggartootni hedduu mufachuun aarii isaanii ibsataa turan. Kanumaan Aayivoorii Kosti leenjisaa ishee Jiin Luwis Gaaset jedhamu hojiirraa ariite.
Leenjisaan yeroofii Aayivooriikosti Imersii Faay hojii isaanii jalqabaan milkii goonfatan.
Taphataa Baarseloonaa Firaanki Keesii fi taphataa Boorushiyaa Doortimoondi kan tahe Sebaastiyaan Haaler jijjiiruun dirree galchan.
Keesiin akkuma dirree galeen daqiiqaa 90 dhumuuf daqiiqaa afur yoo hafu rukuttaa peenaaliitii argamte galchiitti jijjiire.
Akkasumas jijjiiramee kan gale taphataan duraanii Arsenaal Nikoolaas Peeppee sochii gaarii argamsiiseera.
Karra eegaan Senegaal Idwaardoo Mendii kubba galchii tahuu malanis oolcheera.
Garuu Senegaal fuuldura irratti carraa galchii argatan itti hin fayyadamne. Karra eegaan Aayivoorii Kosti Foofaanaan kubba ciccimaa jedhaman karra isaatti akka hin lakkaa'amneef oolcheera.
Kaaliiduu Kuulibaalii fi taphataan Tootenhaam Paappee Matar Shaar rukutta apeenaaliitii lamaan jalqabaa lakkoofsisan.
Nikoolas Peeppee fi Kiristiyaan Ko'aamees Ayivoorii Kostiif lakkoofsisan.
Garuu taphataan Nootinghaam Foorest Muusaa Nikhaatee dhabuun Ayivooriikosti ammoo dursaa taphattoota ishee Serji Oriyer fi Sebaastiyaan Haaleris lakkoofsisuun injifannoo goonfatan.
Aayivoorii Kosti walakkaa xumuraaf darbuuf mo'ataa Maalii fi Burkana Faasoo keessaa tokkoo isaanii waliin morkatti.
Taatee gurguddoo Waancaa Afrikaa 2023
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waancaa Afrikaa Aayivoori Kosti qopheesite kana biyyootni gurguddoon kana dura injifatanii beekan ammas ni mo'atu tilmaama jedhu argatanii ture.
Gariin taphattoota hedduu liigota Awurooppaa gurguddoo keessaa qabu.
Isaan keessaa masiriin ishee tokko yoo taatu tapha lammaffaa irratti taphataan ishee cimaan Mohaammad Saalaa jalaa miidhame.
Booda ofiis DR Koongoon mo'amtee dorgommichaan ala taate. Saalaan Waancaa Afrikaa ammayyuu osoo hin mo'atiin jira.
Biyyootni Afrikaa Kaabaa akka Aljeeriyaa, Tuuniziyaa yoo dorgommicha keessaa bahan Waancaa Adunyaa Kaataar irratti walakkaa xumuraaf darbuun seenaa kan hojjette Morookoo qofatu hafe.
Aljeeriyaa fi Tuuniziyaan leenjisaa isaanii hojiirraa gaggeessaniiru.
Gaanaan taphattoota jajjaboo qabaattus garee ishee keessaa osoo hin darbiin hafte. Isheenis leenjisaa ishee ariite.
Qopheessituun waancaa kanaa Ayivoori Kosti, Ikkuwaatooriyaan Giiniidhaan 4-0 mo'amuun waan rifaasisaa ture. Yoggasuma leenjisaa isaanii Jiin Luwis Gaaset hojiirraa gaggeessan.
Garuu qabxii fooyya'aa argachuun garee irraa erga darbanii ammas Shaampiyoonaa 2021 Senegaal mo'achuun nuusa xumuraaf darban.
Ikkuwaatooriyaan Giiniin, Ayivoori Kosti waan mo'atteef pirezidaantin biyyattii taphattootaaf Birrii Miliyoona 80 tahu waligalaan kennan.
Maal godha! Guyyoota muraasa booda Giniidhaan mo'amuun isaanis kufan.
Kaameeruun biyya biraa waancaa kana mo'achuun beekamtu dorgommicha keessaa ganamaan galtedha.
Karra eegaan ishee Andiree Onaanaa sababa dogogorota hojjechuun muka baacoo taheera.
Yeroo inni taa'umsa jijjiirraa irra kaa'amu bakka isaa kan taphate Faabiriis Ondowaa eenyu yoo jettan ammoo ilma wasiila isaati. Faransaay keessaa Liigii gara gadii sadaffaa keessaa kileba Niimsi jedhamtuuf taphata.
Murteen kun garuu Kaameerunin gaabbisiiseera.
Biyyi waan raajii nama jechisiifte Keeppi Verdeedha. Mooritaaniyaanis akkasuma. Keeppi Verdeen uummata 500,000 qofa qabdi.
Isaan keessaa taphattootni argaman garuu maqaa biyyattii waamsisaniiru. Tapha bareedaa taphachuun Mooritaaniyaa mo'achuun nuusa xumuraaf gahaniiru.
Mooritaaniyaanis biyya lafa bal'aa qabdu garuu uummanni ishee miliyoona 4.5 hin caalledha.
Waancaa Afrikaa 2023 kamtu mo'ata? Waliin kan eegnu taha.

Madda suuraa, Getty Images












