Gaazaa deeggarsa attamiitu barbaachisa?

Gaazaa keessatti nyaanni, bishaan dhugaatiifi boba’aan dhumaa jiraachuu dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akeekkachiiseera.

Haata’u malee, deeggarsi tooniiwwan kumaatamaan lakkaa'amu kibba Gaazaa seenuudhaaf daangaa Masriirraan dhaabbateera.

Waraana amma Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee dureewwan addunyaafi dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessii barbaachiso ta’an gara Gaazaa galchuuf gaafataa jiru.

Konkolaataawwan nyaataa, bishaaniifi qoricha fe’an 20 gara gaazaa akka seenaniin hayyama ni argatu jedhamee karra Raafaahiin eegamaa jira.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ittigaafatamaan Tajaajila Deeggarsaa Maartiin Giriifiitis akka jedhaniitti, jiraattonni Gaazaa miiliyoona 2.1 ta’an deeggaruudhaaf guyyaatti konkoolaattoota deeggarsa fe’an 100 seenuu qabaatu.

Deeggarsi maaliif Gaazaa hin seennee, maaltu barbaachisa?

Bara 2007 yeroo Hamaas Gaazaa to’atee kaasee Israa’eliifi Masriin to’annoo nageenyaatiif jecha sochiilee shaqaxaafi namoota gara bulchiinsaatti seenaniifi ba’an irratti dhorkaa kaa’aniiru.

Gaazaan dallaa sochii kamuu dhorkuun kan marfamte yoo ta’u, karrawwan to’annoon cimaan irratti taasifamu sadi jiraatanilleen, Hamaas tibban Israa’el irratti haleellaa baneen namoota 1,400 ol ajjeessuun ni yaadatama.

Gochaa kanaaf deebii kennuuf jechas Israa’el guyyaa sanaa kaaftee karaa Ministira Ittisaa ishee, Yoo’av Gaalaantiin, ‘‘Ibsaa, nyaanni, boba’aan, hunduu cufaadha’’ jechuun Gaazaa irratti marfamni guutuun taasifamuu ifa taasifte.

Kana malees, haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa irratti raawwataa jirtuun yoo xinnaatee namoonni 3,785 ajjeeffamanii, kan 12,500 ta'an madaa’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksiiseera.

Karaawwan lafoo Israa’eliin walitti fidan karaa Kaabaa Gaazaatiin karri Ereez fi Kibbaan ammoo Keereem gutuummaatti cufamuun ibsameera.

Karri sadaffaafi kan Gaazaa Masrii waliin walitti fidu Raafaah, amma deeggarsa gara Gaazaatti galchuuf karaa murteessaadha. Garuu ammoo sababaii haleellaa qilleensaa Israa’el sarara sanarratti raawwatteen miidhaan gahe suphamaa jira.

Waa’ee gargaarsa Gaazaa Israa’el maal jette?

Israa’el lamileenshee Hamaasiin jalaa ukkaamfaman hanga gadhiifamanitti deegarsi kamuu karaa daangaa isheetiin akka darbu akka hin hayyamne beeksiifte.

Haleellaa Onkololeessa 7 Hamaasiin Israa’el irratti raawwatame hordofuun daa’imman 20 dabalatee namoonni 200 ta’an butamanii Gaazaatti fudhatamusaanii Raayyaan Itisa Israa’el beeksiisuun isaa ani yaadatama.

Erga Pirezidantii Ameerikaa waliin mariin taasifameen booda Israa’el deeggarsi muraasni karaa Masriitiin karra Raafaah gara Gaazaa akka galuuf hayyamte.

Haata’u malee, deeggarsa seenu karaa kamiinuu Hamaas akka itti fayyadamuuf yaade mallattooleen agarsiisan yoo argaman, Israa’el tarkaanfii akka fudhattu aanga’oota akeekkachiifteetti.

Karri Raafaah eessatti argama?

Waraanni Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamu hammaachuu hordofee, karri daangaa Raafaah deeggarsa Gaazaa galchuudhaaf sarara murteessaa ta’uun xiyyeeffannaa argateera.

Raafaah karra kibba Gaazaatti argamu yoo ta’u, Gaazaa keessaa bahuudhaaf kallattiidhaan Israa’eliin kan walitti hin dhufne sarara tokkicha. Karaa Raafaahiin daangaan kan walitti aanu Siinaa Masrii (Sinai peninsula)dha.

Masriin ammatti karra daangaa Raafaah kan Gaazaa waliin qabdu saaquudhaaf namoota paaspoortii biyya biraa qaaban dabarsuuf qophii barbaachisu taasisaa jirti.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii, Saameeh Shukirii BBCtti akka himaniitti, ‘‘Karaa Raafaah karra kenyaan jiru ifatti banaadha’’ jechuun, haleellaan qilleensaa daandiicharratti qaqabe garuu sararicharraan miidhaa qaqqabsiisuun konkolaataawwan deeggarsa geessanitti haala rakkisaa uumuu dubbatan.

Pirezidantiin Masrii Andal Fattaah al-Sisii, ‘‘Amma Gaazaa keessatti ta’aa kan jiru namoonni nagaa dirqiidhaan gara Masriitti akka baqatanii gochuudha. Kun ammoohahyyamamuu hin qabaatu’’ jechuun Filisxeemoonni kaayyoon ka’aniif akka hin banneef lafasaanii irraa akka hin baaneef akeekkachiisan.

Kana malees, Masriin waggaa 10’f haleellaa jihaadistootaa karaa Sinaatiin mudateef jecha yoo daandiichi saaqame hidhattoonni Islaamaa gara daangaa ishee seenuuf carraa argatu jettee yaaddoofti.

Gargaarsa Gaazaatti eenyuti ergaa?

Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii hanga ammaatti deeggarsa toonii 3,000 gara karra Raafaah geesseera. Daangaa Gaazaarraa fageenya kiilomeetira tokkoorratti konkolaattoonni nyaataa, boba’aafi qoricha fe’an hiriiranii eeggataa jiru.

Aanga’aa Biyyoota Gamtoomanii kan ta’an Fiiliipee Laazaariinii, ‘‘balaa namoomaa ta’e hin beeknetu mudataa jira’’ jechuun, yoo haalli dhiyeessitii gargaarsaa nageenyisaa eegame mijachuu baate Gaazaa keessatti dhiyeessitiin jiru dhumaa jira jedhan.

Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaafi UNICEF, dhaabbata Humaanteeriyaan Siitii Intarnaashinaa kan Dubaay bu’urreeffate waliin ta’uun buufata qilleensaa Al-Ariish kan Kaaba Masrii keessatti argamuutti Wiirtuu Qindeessituu dhiyeessa deeggarsaa bananiiru.

Buufata xiyyaaraa kanattis nyaatawwan qophaa’aniifi wantonni bu’uuraa biroo baayyinaan qaqabaa jiru. Isa keessas konkolaataatti fe’amuun karra Raafaah kan fageenya kiilomeetira 45 irratti argamun Gaazaa seenuuf eeggataa jiru.

Pirezidantii Ameerikaafi Ministirri Mummee UK dabalatee gara Israa’el imaluun deeggarsi Gaazaa akka seenuuf dhiibbaa taasisaniiru. Guyyoota itti aanuuttis konkolaataawwan 20 dhiyeessitii deeggarsaa fe’an Gaazaa akka seenaniif waliigalteerra gahameera.

Boba’aafi bishaan hoo?

Boba’aan haala idileetiin gara Gaazaa seenaa kan ture karaa daandii daangaa Keereem Shaaloom jedhamuutiin ujummoodhaan yoo ta’u, baasiin isaas Kaataariin taasifamaa ture. Dhiyeessitiin boba’aa kana keessaa liitiriin kuma 600 guyyaatti kan oolu dhaabbata Gaazaa humna anniisaa maddisiisuudhaaf ture.

Haata’u malee, ammatti boba‘aan sun waan adda citeef, ittigaafatamaan gaazii petiroliyeemii Gaazaa Kaaliid Moharaab adda cituun dhiyeessictichaa, jiraattoota Gaazaa gutummaatti balleessuufi jireenya magaalattii keessaa laamsheessuun kan walfakkaattudha’’ jedhan.

Walitti bu’insichaan dura Gaazaatti irra dedeebiin ibsaan kan adda citu yoo ta’u, namoonni baayyeen jeneretara fayyadamaniif boba’aa barbaadu. Haaluma walfakkaatuun, hospitaaloonni baayyeen jenereetaroota of eeggannoo waan fayyadamaniif boba’aan jalaa dhumaa jira.

Maddisiisaan annisaa ‘‘afuura Gaazaati’’ kan jedhan Mooharaab, hospitaalonni Gaazaa fi dhaabbileen bishaan qulleessan akkasumas dhaabbileen mummeekn kaanis kan ittiin anniisaa argatan ture jedhan.

Gaazaa keessa duraanuu rakkoon bishaanii kan ture yoo ta’u, walitti bu’insichaan booda ammoo waan dhaabbileen bishaan qulleessan hojiisaanii dhaabaniif rakkinichi caalaa cimeera.

Amma hospitaaloota keessatti dhiyeessitiin bishaan barbaachisuu dhumaa jira. Bishaan hojii meeshaalee wallaansaafi qulqullinaaf ta’u hanqinni waan mudateef, bishaan asiidii (vinegar) suuqiidha bituun fayyadamuuf dirqamuu Dr Ghasaan Abbuu Sitaah toora X irratti barreessaniiru.

Yeroo ammaa kana jidduugalaan tilmaamni fayyadama bishaanii nama tokkotti liitira sadii ta’uu WHOn ni ibsa.

Daareektarri Olaanoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom, gara Gaazaatti nyaanni, qorichiifi bishaan akka seenu gochuuf yaalii dippilomaasii pirezidantiin Ameerikaa taasissan ajaa’ibsiifataniiru.

‘‘Namoonni baayyeen kan deeggarsarratti hirkataniidha’’ jechuun ture Dr Teediroon kan toora X barreessuun, daandiin gargaarsaa akka banamuuf gaafatan.