Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daangaa Itoophiyaa-Ertiraa irratti loltoonni kuufamuu suuraaleen saatalaayitii mul'isan
Waraana Kaaba Itoophiyaa sababa komunikeshiniin adda cituufi gaazexxesitoonni akka hin daawwanne dhorkamusaatti, ija addunyaa jalaa dhakataadha jedhamee ilaalchisee suuraaleen saatalaayitii looltoonni gama daangaa Itiyo-Ertiraatti baayinaan walitti qabamu mul'isan.
Suuraan ji’a kana keessa fudhatame naannoo daangaa Itoophiyaa fi Ertiraatti loltootniifi meeshaaleen waraanaa yoo bobbaafaman agarsiisa.
Looltoonni Ertiraa qaama naannoo Tigraay to'atee jiru TPLF waraanu irratti MM Itoophiyaa Abiy Ahimediin deeggaru.
Yaaddoo haleellaa Tigiraay irraa kan ka’e, Ertiraan humnoota eeggataa ishee hundaaf waamicha gootee jirti.
Waraanichi erga ji’a shaniif adda citee booda ji’a Hagayyaa keessa deebi’ee jalqabe.
Sagantaan Nyaata Adunyaa UN, sababa waraana waliinii Itoophiyaa keessaa kanaan wal qabatee namoonni miliyoona 13 ta'an kaaba biyyatiitti deeggarsa barbaadu jedhe.
Suuraaleen kunneen jalqaba Fulbaana 26, 2022 irratti kan fudhatameedha. Innis bakka to’annoo humnoota mootummaa deeggaran jala osoo hin galiin ture magaalaa Shiraatootirrayi. Shiraaroon magaala gama kaaba lixaa ibiyyattiitti argamtuudha.
Suuraan kun daandii guddicha magaalittii irraa gara Bahaatti bahu agarsiisa.
Taankonni daandii guddicha gara bitaa gara gadiin dhaabbataniiru.
Gara mirgaan kan jiru ammoo hospitaala Mahaniiti kan bara 2014 banamedha. Hospitaalli kun kutaa baqaqsanii yaaluu, kutaa yaalii daa'immanii, qorannoo raajii fi kutaa ciisichaa 35 qaba.
Namoonni tarii loltoota fakkaatan toora galuun galma irraa hanga daandii guddichaatti hiriiranii mul’atu.
Waggaa darbe hospitaalichi akka malee manca’uu gabaafamee ture. Dhaabbanni tola-ooltummaa MSF jedhamu bara 2021 keessa buufataaleen fayyaa naannicha keessaa hosptaala Ma'anii dabalatee kaan ta'ee jedhee samamamuufi kaan ammoo manca’aafamu himee ture.
Bakkeewan 106 isaan daawwatan keessaa kan tajaajila idilee kennaa ture %13 kan ta'udha jedhan. ''Saamichii hangi ta'e akka carraatti kan raawwatame yoo ta'u, dhaabbileen fayyaa bakka hedduutti ta'e jedhame akka hojiin ala ta'an gochuuf kan mancaafaman ture.''
BBC’n hojjetaa deeggarsa dhaabbata namoomaa gameessa Shiree irraa dubbiseera. Magaalli Shiree Shiraaroo irraa gara bahaatti Km 95 irratti argamti.
Namnni kun akka jedhuutti, Fulbaana 1 irraa eegaluun namoonni 210,000 ta'an gara Shiraaroofi naannawa ishee irraa Shireetti baqataniiru.
'‘Osoo uummanni hin baqatiin dura torban tokkoof, haleellaan sa’a 24'f walumatti fufiinsaan gageeffamaa ture,’’ jechuun BBC'tti hime.
Nageenya isaaf jecha maqaa hojjeta deeggarsaa kan dhoksineerra. Namooti achii baqatanii fi warra isa waliin SHiraarootti ramadamuun waliin hojjatan irraan hubadhe jechuun BBCtti akka himeetti, hospitaalli Mahanii amma harka loltoota Itoophiyaa fi Ertiraa jira.
Fulbaana 13, osoo suuraan saatalaayitii booddanaa hin kaafamin dura, Dursaan Humnoota Tigraay Jenaraal Taaddasa Warrade, '‘loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa waliin ta’uun iddoowwan Shiraaroo irraa hanga Ademeiti jiran to’ataniiru,’’ jechuun miidiyaa naannochaatti himanii tiran.
Yeroo ammaa Shiraaroon harka eenyuu akka jirtu ifatti hin beekamu, hojjetaan dhababata gargaarsaa BBCtti akka himetti haalli jiru guyyuu jijjiirama.
Akka kubbaaniyyaan suuraa saatalaayitii kana gadi dhiise ibsutti, hospitaalicharraa gara kibbaatti fageenya kiilomeetira tokko hin caallerratti '‘meeshaalee waraanaa dhukaasaaf qophaa’antu’’ bakka qabatanii jiru.
Kaayyoon meeshaaleen waraanaa kunneen bakka kana buufataniif hanga ammaatti ifa miti.
Itoophiyaa fi Ertiraan waa’ee loltoonni isaanii Shiraaroo to’achuu fi kaan irratti hanga ammaa yaada hin kennine.
Torbee darbe garuu Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa gaazexeessitootaaf akka ibsanitti, sochiin loltoonni Ertiraa daangaa ce’uun gara Itoophiyaatti taasisaa jiran Ameerikaa guddaa yaaddessa jedhanii, ‘’kun dafee dhaabbachuu qaba,’’ jechuun akeekkachiisan.
"Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa ce’aa jiraachuu hordofaa jirra. Loltoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa jiraachuun haalicha daranuu hammeessa. Rakkoo nageenyaa duraanuu ture daranuu babal’isa,’’ jedhan Maayik Hamar.
Kubbaaniyyaan Maxar Shiraaroo irraa kallattii kibbaan kiilomeetira ja’a irratti konkolaattota toora galan 45 suura kaaseera.
Konkolaattonni kunneen heddumminaan gara magaalaatti seenaa jiraachuu ibsa suuraan kubbaaniyyaan kun kaase.
Kiilomeetira shan irratti ammoo daandii guddaarra konkolaattonni kan biraan tooraan jiru- konkolaattota waraanaa 20.
Isaanis gara kallattii Shiraarootti qajeelanii dhaabbatu.
Kun daandii guddicha Adi Goshu kan laga guddicha Takazee irraan qaxxaamuruun Shiraaroo irraa gara magaalaa Humaraa geessuudha.
Darbees hanga Ertiraatti qajeelcha, Ertiraan Humaraa irraa hanga kiilomeetira 180 ti. Konkolaataadhaan sa’atii said qofa imalchiisa.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa xumura bara 2020 eegalee as kallattiin lixa Tigraay to’annoo loltoota Ertiraa, Itoophiyaa fi human addaa naannoo Amaaraa akkasumas hidhattoota Faannoo jedhamanii jala jira.
Naannoon Amaaraa lixa Tigraay kiyya jechuun of jala galchuuf falmata.
Shiraaroo keessaa akkuma ba’amaa deemuun, konkolaattonni waraanaa fi kan uummataa fakkaatan- kan daandii Adi Goshuurra jiraniin kan walfafakkaatan- cinaa fi gidduu gamoowwanii dhaabatanii argamu.
Suuraan kunneen fudhatamanii boriitu isaa ammoo konkolaattota kunneen saatalaayitiidhaan kaasuudhaan hin danda’amne, kubbaaniyyaan suuraa kunneen kaasaa ture konkolaattonni turan bulanii achii socho’uu mul’iseera jechuudha.
Ragaan kunii fi yaadi jiraattonni Shiree keessaa baqatan kennan, magaalattiin humnoota walwaraanan gidduutti raafamaa jiraachuu mul’isa.
BBCn ragaa Qindeessaa Dhimma Gargaarsa Namoomaa UN akka argetti, dhukaasa Shiraaroo keessatti qaamolee walwaraanan gidduutti mudateen gaafa Fulbaana 14 yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamaniiru.
Akka yaada hojjetaa deeggarsaakanaatti namoota kana dura naannichaa baqatan 45,000 dabalatee gara 210,000 kan tahan Lixa tigiraay keessaa baqataniiru.
Maxar akkasuma suuraa magaalaa Eertiraa keessaa Serhaa jedhamtuu Fulbaana 19 kaafame maxxanseera.
Magaalli kun magaala Itoophiyaa Zaalambasaa irraa kiilomeetira tokko caalaa hin fagaatu.
Suuraan kun kaafamee guyyaa tokkoon booda TPLF ibsa baasaniin pirezidaantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqii ‘’humna waraanaa guutuu bobbaasuun, milishaa fi human eeggataas waraanatti akka makamaniif waamicha godheera, karaa Zaalambasaas haleellaa guddaa tahe bane,’’ jedhan.
Maxar bakka kana dirree qawwee M-46 jechuun adda baase.
Kaaba magaala Serhaatti argama.