Jaalattoota saala wal fakkaataa yoo argitan ''dhagaan tumaa ajjeessaa'' jedhan Pirezidaantin Burundii

Pirezidaantiin Burundii Indaayishimiyyee Evaaristee, jaalattootni Saala wal fakkaataa Burundii keessa jiran ''dhagaan tumamanii ajjeefamuu qabu'' jedhan.

Pirezidaantichi namni jaalattoota saala wal fakkaataa dhagaadhaan tume yakkaan itti hin gaafatamu jedhan.

Jimaata ibsa miidiyaaf kennan irratti gaaffii gaazexeessitoota irraa ka'eef yoo deebii kennan, biyyootni jajjaboon Burundiif gargaarsa kennuuf dirqama jaalattoota saala wal fakkaataaf mirgi isaanii kabajamuu qaba kan jedhan yoo tahe ''deeggarsa isaanii dhiisuu qabu'' jedhan.

Pirezidaantichi Macaafa Qulqulluu keessaa caqasuun Waaqayyo jaalattota saala wal fakkaataa ni jibba, kanaafuu dhimmi kun Burundii keessatti waanuma ajandaa tahu miti jedhan.

''Akka kootti yoo namoota akkasii Burundii keessatti argine, gara istaadiyeemiitti geessuun, achitti dhagaan tumuudha, kana gochuunis yakkaan nama hin gaafachiisu'' jedhan.

Pirezidaantichi jaalattoota saala wal fakkaataa (homosexuals) tahuun ''Waaqayyoo fi seexana keessaa kan siif tahu akka filachuuti'' jedhan.

“Yoo seexana filachuu barbaadde amma gara biyyoota sanaa [biyyoota lixaa jaalattota saala wal fakkaataa eeyyaman] deemaa jiraadhaa, akkan yaadutti namootni biyyoota sana deemuu barbaadan amala kana qabaachuu qabu, achumatti hanbisa malee gara keenyatti deebistanii hin fidiinaa'' jedhan.

Burundii keessatti jaalattoota saala wal fakkaataa tahuun seeran ala yoo tahu hanga hidhaa waggaa lamaanis nama adabsiisa.

Ji'a Hagayyaa keessa namootni torba gochaa kanaan himatamanii hidhaa waggaa tokkoo hanga lamaa tahu isaan irratti murtaa'eera. Isaan garuu gochi keessaa hin qabnu jechuun haalaniiru.

Gama biraan hogganaan Waldaa Kaatolikii Roomaa Poop Firaansis luboonni jaalalleewwan saala walfakkaatan akka eebbisan eeyyaman.

Vaatikaan garuu eebbi sun qaama sirna amantaa idilee Waldaa Kirstaanaa Kaatolikii ykn gaa’ela ta’uu hin qabu jette.

Biyyi Baha Afrikaa Yugaandaan seera farra jaalattoota saala wla fakkaataa raggaasifte.

Akka seerichaatti namni gochaa kana keessatti argame hanga murtee du'aatti dabamuu danda'a.

Falmitootni mirga namoomaa fi dhaabbileen idil-adunyaa hedduun seericha mormanis pirezidaantiin biyyatti Yuweerii Museeveenii seerichatti cichuun raggaasisan.

Sababa kanaan liqaa dhabuu dandeessi jedhamus pirezidaantichi liqaa keessan dhiisuu dandeessi Yugaandaan biyyuma keessatti hojjettee of dandeessi jedhan.

Baankin Addunyaa seerri farra jaalattoota saala wal-fakkaataa Yugaandan raggaasifte mirga namaa kan dhiibudha jechuuni biyyattiin liqii haaraa akka hin arganne kan godhe.

Garuu pirezidaantiin Yugaandaa ergaa fuula Tiwitaraa gubbaatti barreessaniin dhaabbatichi maallaqasaatti fayyadamee dhiibbaa akka irratti godhu ibsan.

"Liqaan argames dhiises Yugaandan inuma guddatti," jedhan Yuweerii Museveenin.

Dabaluunis, "Warri liqii kennan mallaqa fayyadamuun amantii, aadaa, duudhaa, qajeeltoofi birmadummaa keenya akka mulqinuuf dhiibbaa nurratti gochuunsaanii nama gaddisiisa" jedhan.

"Dhugumatti guutummaa Afrikaa tuffatan [biyyoonni Lixaa]. Rakkoo hawaasa keenya keessa jiru akkamitti akka furan eenyurraayyuu dhiibban akka nurratti taasifamu hin barbaannu..." jedhan dabaluun.