Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatii cidha ijoolleesaanii ja'aa guyyaa tokkotti qophaa'erratti sangooota 15 qopheessan
“Yaada akkasii qabaadhullee naaf milkaa’a jedhee hin yaadne ture. Gammachuunkoo humnaa oli” jechuun abbaan misirrootaa Obbo Tafarii Balaay BBC’tti himan.
Ijoollee isaanii jaha erga takkaa gaa’ela akka godhatan kan taasisan jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsoo magaala Qarree Goohaa Obbo Tafarii Balaay, yaadni, hawwiifii karoorri isaanii yeroo dheeraa galma gaheera.
“Ijoollee sagal qabu keessaa ijoolleen jaha kaleessa gaa’ela akka raawwatan taasiseera. Ijoollee dhiira sadi fi durba sadi jedhuudha” jechuun BBCti himaniiru.
Ijoolleen durbaa lamaan kana dura kadhatamanii turuufii isheen quxxusuun immoo bara kana keessa kadhatamuu obbo Tafariin himu.
Ijoolleessaanii dhiiraafis maatii shamarranii kadhachuun cidhni isaanii guyyaa tokkorra akka ooluf qophaa’aa turuus dubbatan.
“Akkaataa sanin hundumaa mijeesseen bakka tokkotti akka naaf dhufuuf qindeesse. Haala sanaan ijoolleen koo jahanuu bakka tokkotti akka gaa’ela raawwatan gochuu danda’eera” jedhan.
Cidha Dilbata Caamsaa 28 bara 2014 raawwateef keessummootni kumaan lakka’aman kan affeeraman yemmuu ta’u adeemsi cidhichaa milkaa’aa akka ta’uufis koreen hundaa’ee akka ture himameera.
“Koreen sun waan nyaatamu, waan dhugamu akkasumas namni seeraan akka kessummeefamu fi rakkoon akka hin uumamneef kan sirreessudha” jedhan abbaan misirroowwanii Obbo Tafarii Balaay.
“Kun akka ta’uuf yaadaan ture…”
Obbo Tafarii Balaay ijoollee isaanii erga tokko fuusisuufi heerumsiisuun karoora isaanii yeroo dheeraa akka ture himu.
“Yaada kana yoon dhiyeessu haati warraakoos ‘wanti kun gaariidha’ jettee yaadakoo deeggarte” jedhan.
Haaluma sanaan yaada isaanii kana ijoollee isaaniitti himuunis akka fudhatamu gochuu dubbatu.
“Ijoolleenkoo ijoollee naamusa qabanidha. Baay’een isaan jaaladha” kan jedhan Obbo Tafariin, sababni ijoolleen isaanii guyyaa tokkotti gaa’ela akka raawwataniif itti fedhanis jaalala isaan ijoollee isaaniitif qaban ta’uu himu.
“Ijoolleenkoo hojii isaaniitin baay’ee na gammachiisu. Hundi isaanis wal jaalatu. Kanarraa ka’een ‘gaa’elli keessan guyyaa tokko raawwatama’ kan jedhu itti himaan ture. Rabbi na gargaaree akkan jedhetti naaf ta’e” jedhan.
Sangoota kudha shanfii baasii olaanaa
Cidha ijoollee isaaniitif qophii bal’aa taasisaa turuu kan himan obbo Tafarii Balaay, baasiin cidhichaas hangasuma olaanaa ta’uu dubbatan.
“Baasiin isaa ni ulfaata. Ulfaatus garuu dirqama waan kana gochuu qabna waan ta’eef malee baay’ee ulfaata” jedhan.
Dabalataan deeggarsi uummataas olaanaa akka ture himuun “ummatni ‘ani kanan bita, ani kanan bita’ jechuun qoqqoodatee ba’aa jiru narraa salphiseera” jechuun himan.
“Aadaa gaarii qabna. Ummatni keenya wal gargaaruu irratti adda dureedha jechuun ni danda’ama. Namni hoolaa bitee dhufa. Daadhii, farsoo, araqee waan akka aadaatti barbaachisu fidaniiru” jedhan.
Cidha ijoollee isaanii kanaaf sangoota 15 qopheessanii akka turan kan himan Obbo Tafariin isaan keessaa 10 qalamuu isaanii himaniiru.
Sagantaawwan har’aa fi boruufis sangootni hafan jala jalaa kan qalaman ta’uu dubbatan.
Dhumarrattis Obbo Tafariin ijoolleen isaanii hafan sadeen bifuma wal fakkaatun erga takkaa gaa’ela akka godhatan gochuuf karoora akka qaban himaniiru.