Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaliisaa imala jalqabaa gara buufata xiyyaara Guddinaa Tumsaa Naqamtee imaltoota mirqaanse
Lamaanuu ijoollee Lixa Oromiyaa, Wallaggatti dhalatanii guddatanidha. Gara bitaan Kaappiteen Sanyii Taliilaa, gama mirgaan ammoo gargaaraa balaliisaa Abdii Mikaa’el kutaa gara fuulduraa kan balaliisaa fi gargaaraan balaliisaa qofti seenan (controlling room) keessa waliin taa’aniiru.
Imala idlee jalqabaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa (DQI) Finfinneedhaa gara Naqamteetti taasise irratti yunifoormii mana hojiisaaniitiin miidhaganii imaltoota qabachuun Finfiinnee Buufata Xayyaara Idil-addunyaa Booleerraa gara Lixa Oromiyaa, Magaala Naqamteetti qajeelan.
Magaalaan Naqamtee Finfinneerraa kiiloomeetira 315 fagaachuun kutaa Lixa biyyattiitti kan argamtu yoo taatu, magaalota umurii dheeraa qabaachuun beekaman keessaa tokkodha.
Kaappiteen Sanyiin waggoota saddeetitti siqaniif ogummaa balaliisummaarra kan jiran yoo ta’u, gargaaraan balaliisaa, Abdiin ammoo dhiyeenya hojii eegale.
“Bifaan walbeekna. Wal arginee waliin haasofnee hin beeknu. Akka carraa waliin balaliinees hin beeknu. [Balalii jalqabaa Naqamtetti taasisnerratti] isa [Abdii] argachuu kootti baay’een gammadee ture; mucaa Naqamtee ta’uu isaatti, baay’ee natti tolee ture” jechuun miirasaa ibsan Kaap. Sanyiin.
Sagantaan ramaddii balalii siistama kompiitaraatiin akka ta’uu yaadachuun, carraan walirra buusee ‘mucaadhuma Naqamtee’ waliin balalii jalqabaa magaalichatti taasifamerratti Kaappiteenii ta’uun deemuusaatti akka gammade himu.
Gammachuudhaan waliin haasa’aa akka turanis kaasa Kaappiteeniin kun.
‘Gara Naqamteetti balaliita gaafan jedhamu gammachuu guddaatu natti dhaga’ame!’
Balaliin Finfinneedhaa Naqamtetti karoorfame guyyaan tokko gaafa hafu akka itti himame kan yaadachiisan Kaappiteen Sanyiin, miira gammachuu guddaatiin akka fudhatanis dubbatu.
“Gaafa balaliif qophooftu, waanta baay’eetti qophoofta. Balaliin gara Naqamtees yeroo jalqabaaf waan ta’eef, waanta sakattaatu hedduu waan qabduuf, hojii manaa hedduutu narra ture” jechuun dubbatu, Kaappiteen Sanyiin.
Ofii qophiidhaan waan ko’oommateef haadha manaa isaatiif itti gaafatamummaa akka kenne kan himu Kaappiteenichi, itti gaafatamummaan kunis “waanti imaltootatti ittiin himamu Afaan Ingiliffaa fi Amaariffaatiin kan qophaa’e jira; isa sana gara Afaan Oromootti naaf jijjiiri jedheen hojii manaa kenneef!” jechuun qophii balalii gara Naqamtee yaadatu.
Dhumarrattis, walumaan taa’anii gulaaluun akka qopheeffames, itti dabaluun ibsu.
“Balalii jalqabaatis; eebbadhas. Kanaaf, gammachuukoo ittiin ibsachuudhaafis…” jechuun maaliif Afaan Oromootiin imaltootatti dubbachuun akka odeeffannoo kennuuf murteessan himu Kaappiteeniin kun.
Erga xinnoo xayyaara lafarraa olkaasanii naannoo daqiiqaa 20 booda sagaleen kanaan dura Daandii Qilleensa Itoophiyaatti hin baramne akkas jechuun imaltoota dammaqsee mirqaanse.
“Kabajamtoota maamiltoota keenya, akkam bultan? Kutaa to’annoo balalii irraa kan asitti argamnu, ana balaliisaa keessan Sanyii, itti aanaa balaliisaa keessan Abdii, itti gaafatamtuu keessummeessituu keessanii, Lalisee waliin ta’uudhaan gara Daandii Qilleensa Itoophiyaa, lakkoofsa balalii 255, yeroo jalqabaatiif Finfinneerraa gara magaalaa Naqamteetti nu waliin balali’uuf baga nagayaan dhuftan.”
Hamma beekumsa kootti [balaliistonni imaltoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa Afaan Oromootiin simachuun] kan jalqabaati jedheen amana” jechuun dubbatu kaappiteen Sanyiin.
“Gaafan dubbadhe akka tasaa ta’ee nuti [balaliisaa fi gargaaraan kutaa to’annoo keessa jiran] hin dhageenyu; ergin bu’ee garuu dhaga’een ture” jechuun miira gammachuu imaltoota bira ture ibsu Kaap. Sanyiin.
Yeroo inni Afaan Oromootiin dubbisaa turetti, imaltoonnis miira gammachuutiin machaa’anii harka rukuchaa akka turanis booda erga xayyaara qubachiisanii baruu kan kaasan, Kaappiteenichi “Anis baay’een gammade; haala nama gammachiisutu ture” jedhu.
Miira Imaltootaa
Kennaa Saaqqataa, garee Miis Turizimii Oromiyaa bara kanaa yoo taatu, imaltoota balalii jalqabaatiin Naqamtetti balali’an keessaa tokkodha. Kennaan garee Komishinii Turizimii Oromiyaa kan kaayyoo aadaa, qabeenyaafi jiruuf jireenya Oromiyaa mul’isuu fi beeksisuu qabatee socho’u waliin akka turte himti.
Balalii jalqabaa magaalaa Naqamtee buufata xayyaaraa luba Guddinaa Tumsaatiin moggaafame irratti kan hirmaatteefis kaayyoodhuma walfakkaataaf akkaa ta’e dubbatti, Kennaan.
“Balaliin kaleessa [Waxabajjii 16, 2024] ture ammoo haala addaatiin namoota baay’eetiif, miira addaa kan uumedha. Tokkoffaa kan jalqabaa ture. Baay’ee gammannee turre. Ililchaadha kan nuti gara xiyyaaraatti olseenne” jechuun miira ture ibsiti Kennaan.
“Osoo nuyi hin beekiin ture kan Afaan Oromootiin imaltoota hundumaatiif kallattiin ergaan dabarfamaa tureef. Yeroo afaan Amaariffaa tures, Ingiliffa tures dhaga’amaa turre; callisneema taa’aa turre.
''Akka tasaa Afaan Oromoo yeroo dhageenyu miira addaatiin uuu….! Nam hundumtuu iyyaa ture. Harka walitti rukunnee, gammannee miira namatti toludha kan nun simanne!” jechuun miira imaltoota bira ture ibsiti, sadarkaa sadaffaadhaan mo’attee Miis-Turizimii Oromiyaa bara kanaa kan taate Kennaan.
“Siini Afaan Oromoon jalqabameem, seena qabeessadha” jedhanii walitti haasa’aa turuu yaadachiisuun bilbilaanfaa waraabuuf yaalaa akka akka turan yaadachiisti, shamarri garee Komishinii Turizimii waliin turte.
Buufanni xayyaaraa haaraa Guddinaa Tumsaa Naqamtees hojii Oromiyaa beeksisuu, daaw’achiisuu fi qabeenyaa fi naannichaa mul’isuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu kan kaastu Kennaan, danqaalee gama geejjibaatiin ture hir’isuun haala mijataa akka uumus BBC’tti himteetti.
'‘Oh baala qamadii xiyyaara dhufee gammadi” jechaa dirree xiyyaaraa sana keessa yeroo dhiichisanii fi yeroo faarfannaadhaan miira isaanii ibsatan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture.
Buufanni Xiyyaaraa Gudinaa Tumsaa haaraan magaala Naqamteetti xumuramuun eebbifame baasii qarshii biliyoona 1.1’n kan ijaarame yoo ta’u, sochii guddina dinagdee hawaasa naannichaa tumsuudhaaf Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dirqama ogummaasaatiin akka gumaachu ibsaniiru hojii geggeessaa olaaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasoo.
Balaliin idilee torbanitti guyyaa sadii: Wixata, Roobii fi Sanbata Xiqqaa akka ta’u murtaa’e lakkoofsa maamiltootaa bu’uureffachuun gara guyyuutti akka guddatus abdii qabaachuu dubbataniiru.
Sagantaa sirna baninsa buufata xiyyaara Naqamtee maqaa luba Guddinaa Tumsaatiin moggaafamee irratti aanga’oonni mootummaa federaalaafi naannoo akkasumas geggeessitoonni Daandii Xayyaara Itoophiyaa argamaniiru.