Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beeladoonni ykn bineensonni wayi kolfuu?
Suuraalee ajaa’ibsiisoo akka seeqxan isin dirqisiisan kanneen isiniif filanneera torban kanaaf. Isin ofii biineensooti dagallaa ykn beeladoonni ni kolfu jettanii yaaddanii beektuu?
Suuraalee asiin gaditti isiinif filannee irratti bineensoota kolfan yookan kan gochaan isaanii isin kofalchisu jennee filanne isiniif dhiyeessineera ittiin bohaaraa.
Fakkeenyaaf fardeen kunneen hiriyoota shammarranii icciittii walitti ususaa waliin kolfan fakkaatu.
Asiin gadiitti ammoo ilmoon sanyiiwwan gaalaa biyya Kibba Ameerikaa keessaa tokkoo taate kunis, rigaa hafaaniitti baattee dhabbattee jirti. Tarii namoota ilkaan isaanii hin riganneef ergaa dabarsaa jirtii laata?
Suuraan kunis nama Isteefaan Birusisas jedhamuun kan kaafame yoo ta’u, dorgommii suuraa bara 2022 irratti kan badhaasa injifata keessaa tokko.
Simbirri kunis mootii qurxummii qabduu (Kingfisher) jedhamun beekamti. Suuraan ishee kana nama Lloyd Jones jedhamutu kaase.
Ofiin afaaniitti qurxummii baattee, mallattoo ‘‘qurxummii qabuun dhorkaadha’’ jedhurra qubattee turte.
‘‘Simbirri kunis nama mallattoo sana achi dhaabeetti qoosuuf kan barbaaddee fakkaatti erga ofiin qurxummii qabatteen booda mallattoo sanarra kan qubatte,’’ jedha oggeessi suuraa simbira kana kaase.
Suraan kunis dorgommii badhaasa suuraalee bara 2020 injifateera.
Saroonni bosoonaa yookan yeeyyii kunneen maaltu dinqee akkasiin kolfan laata? Gareen saree kunneenis waanuma of gadhiisanii kolfan fakkaatu.
Suuraan kunis nama Tinaa Staar jedhamun kan kaafamee yoo ta’u bara 2017tti badhaasa suuraalaa bineensota daggalaa injifateera.
Sardiinni kun goolii galchaa akka jirtuu yaadaa jirtii laata yoo kana raawwatu?
Bineensi tunis boolla tapha golfiitti fayyadamuun bobbaa bahaa osoo jirtuu Dooglaas Kirooft kaameeraa isheetiin argatte. Kanaanis bara 2017tti badhaasa ittiin argattee jirti.
Wal dhabdee maatii simbiraa kana jidduu kan seenu eenyu laata? Suuraa mata duree ‘wal dhabdee maatii simbiraa’ jedhuun bara 2019tti dorgommii badhaasa suuraaleef dhiyaateen badhaasa injifateera.
Simbiroonni kunneenis kan dhimma cimaarratti wal dhabaa jiran fakkaatu. Garuu dhumarratti akka nagaa buufatan abdanna.
Suuraan simbira ujummoo keessaa kunis bara 2022tti dorgommii suuraalee ajaa’ibsiisoo injifateera.
Suuraan kunis bara 2018tti Bikaanar- Inidiyaatti Arshdeep Singhiin kaafame. Yeroo sanattis badhaasa Seenaa Man-kuusaa Landan injifatee ture.
Arshdeep yeroo badhaasa kana argateetti mucaa waggaa 10 ture. Innis wagga 6 irraa qabee suuraa kaasuu eegale.
Bara 2020tti ammo badhaasa Suuraa Bineensoota Daggalaa Eshiiyaa injifateera.
‘‘Guyyaa hunda barataan jira. Barachuun koo ammo akkan nama suuraa gaarii ta’u na gargaareera’’ jedhe.
**Mirga abbeentaa suuraalee hundaa kan eegameedha.