Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee filatamoo torban kanaa ardii Afriikaa irraa
Suuraalee filatamoon torbanii kunneen ardii Afriikaa biyyoota garaa garaa keessatti Bitooteessaa 3-9, 2023tti kaafamaniidha.
Kunoo doowwadhaa:
Taatoon Masrii, Bushraa Roozaa lguyyaa Dilbata qophii Festivaala Fiilmii Dubartoota Idil-addunyaa Aswaan irratti wayita kanneen ishee dinqisiifatan ishee waliin ofee ka’uudhaaf dhaabbattee turteedha.
Dubartoonni kunneen guyyaa Sambataa Kaartuum keessatti gara Egizibishinii Daraaraa Waggaa Waldaalee Omishiitoota Abaaboo Sudaan imalaa turan.
Lammiileen biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii tokko tokkoos, erga pirezidantiin Tuniziyaa Kaa’is Saa’id baqattoota seeraan alaa hokkoraa fi yakka biyyattii keessatti mudateef himataniin booda, miidhaa eenyummaa bu’uureffateef saaxilamaa jiraachuu himatu.
Dubartoonni kunneenis guyyaa Wiixataa wayita biyyoonni muraasni lammiileesaanii baafachuuf xiyyaara erganiitti kan ala daandiirratti kaafamaniidha.
Gareen muuziqaa Keeniyaa kun sagantaan talaallii busaa daa’immanii osoo hin eegalamiin dura, bakka Gisaambiyaa jedhamuutti meeshaa muuziqaa taphataa turan.
Sagantaan yaalii talaallii busaa daa’immaniif kennamu kunis Keeniyaan alatti Gaanaa fi Maalaawwii keessattis ni kennama. Erga bara 2019 asitti daa’imman miiliyoona tokkoo ol gahamuu WHOn beeksiise.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa - WHO jedhutti talaalliin daa’immanii kunis kutaalee Afriikaa bakka busaan baayyinaan mul’atu akka kennamuuf gorfama.
Guyyaa Roobii dubartoonni kunneen Naayijeeriyaa Leegoos keessatti Jidduugala Ispoortiiwwan Onikaan keessatti wayita Guyyaa Dubartoota Addunyaa kabajaniidha.
Guyyuma walfakkaatu, dubartiin kun ammoo magaaluma sana keessatti kan bakka Mobolaji Johnson Arena jedhamuutti kaate.
Dubartiin tun ammo magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti naannawa namoonni sadarkaa diinagdee gadaanaa ta’an keessa jiraatan Maataareetti mucaashee qabattee kolfaa mullatti.
Namoonni eddoo warri diinagdee gadaanaa akkasii keessa jiraatan kunneenis Naayiroobii keessaa wallakkaa miliyoonaa akka ta’an tilmaamama.
Kun ammo guyyaa Jimaataa Afriikaa Kibbaatti barattoonni Yunivarsitii Witwatersrand muraasni wayita hiriira gaggeessaa turaniidha. Isaanis kanneen bakka bulmaataa hin qabneefi barnootaaf kanfalchuuf humna dhabaniidha.
Guyyaa Sambataa pirezidantiin Faransaayi Amaanu’eel Maarkoon wayita walitti dhufeenya biyyisaanii Afriikaa waliin qabdu cimfachuuf gara Kinshaasaa, DR Koongootti imalanii turaniitti xiyyeeffannaa olaanaa argatanii turan.
Namtichi kunis Masrii bakka gabaa Gizaa jedhamu keessatti guyyaa Kibxataa faanoosii ykn kurraazii qulleessaa jira. Meeshaan kunis osoo ji’i sooma Islaamaa Ramadaanni hin eegaliin dura gurguramuufidha.