"Waamicha nagaa Imbaasiin US dhiyeesse nan fudhadha, garuu fiixaan ba'insa isaatiif mootummaatu rakkoodha"-WBO

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) waamciha nagaa Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru dhiyeesse akka fudhatu himee garuu ''mootummaan yaad-rimee nagaa waraanaaf waan dhimma itti ba'uuf waamicha kanaaf rakkoodha,'' jedhe.

ABO-WBO kan yeroo baayyee mootummaan maqaa 'Shanee' jechuun waamu ibsa waamicha nagaa Imbaasii Ameerikaa dhiyeesse ilaalchisuun baaseen, "sirna kana [mootummaa Itoophiyaa] jalatti jechi nagaa jedhu hiika akka dhabu taasifamee dhiigaan laaqamee jira" jedheera.

Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Erviin Maasiingaa walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa dhaabbatee mootummaan nageenya uummataaf dursa kennuu qaba jedhan, waamicha nagaa Jimaata karaa Imbaasii US Finfinnee jiruun ibsa baheen.

Ambaasaadrichi ibsa kanaan, gareen hidhachuun Itoophiyaa keessa socho'an Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Faannoon gara marii nagaatti akka deebi'aniif waamicha godhaniiru.

Nagaafi tasgabbii uumuudhaaf yeroon isaa amma kan jedhe ibsi Imbaasichaa, WBOn marii nagaa jalqabame itti fufuun waraanni Oromiyaa keessaa akka dhaabbatuuf; mootummaan Federaalaa ammoo fala karaa nagaatiin argamuuf dursa kennuun nageenya lammilee isaatiif dursa akka kennu gaafateera.

ABO-WBO ibsa waamicha kanaratti hundaa'ee baaseen, "akka jaarmiyaa nagaa dhugaa barbaaduufi wareegama qaqqaalii baasetti, waamicha Imbaasiin Ameerikaa nageenya waaraa biyyattii keessatti akka dhufuu taasise kana ija gaariin ilaalla," jedheera.

Kana malees Imbaasichi, naannoo Amaaraa keessa kan socho'an hidhattoota Faannoo ''kaayyoo nagaa qabeessaa fi dhugoomuu danda'u qabachuun gara marii nagaatti dhufuu qabus'' jedheera.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa rakkoon nageenyaa biyyattii keessa jiru karaa marii nagaatiin akka furamu irra deddeebiin yeroo dubbatu ni dhaga'ama.

Kanarra darbees Komishinii Marii Nagaa akka biyyaatti dhimma kanarratti hojjetu hundeesseera.

Rakkoo jiru karaa nagaa furuudhaaf ABO-WBO fi mootummaa Federaalaa gidduutti kanaan dura US dabaltee bakka qaamoleen sadaffaan jiranitti mariin Taanzaaniyaatti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.

MM Abiy Ahimed garee hidhattoota Faannoo Amaara keessa socho'an waliinis nagaa buusuu akka barbaadan irra deddeebin dubbataniiru.

Marii marsaa lamaan Taanzaaniyaatti osoo hin milkaa'iin hafeen booda mootummaan naannoo Oromiyaa garee WBO kan Sanyii Nagaasaa, ajajaa duraanii garichaa Zoonii Gidduugalaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu ibsuun isaas ni yaadatama.

Sanyii Nagaasaa fi ajajoota garichaa sadarkaa adda addaa kan turan waraana qabatanii mootummaatti harka kennachaa turuu n isaanii gabaafameera.

Kun garuu rakkoo nageenyaa biyyicha keessaa guutummaan furuu hin dandeenye.

Ajajaan ABO-WBO, Marroo Dirribaa marii nagaa marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti qaamaan argamee ture.

Garuu erga torbanootaaf marii irra turanii waliigaltee malee adda bahan.

Ergasii mariin marsaa sadaffaa ni gaggeeffama kan jedhu odeeffannoon bahe hin jiiru.

Gama Faannoo fi Mootummaa Itoophiyaatiinis ammatti ifaa ifatti yoo marii nagaa gaggeessan hin argamne.

Naannoo Amaaraa keessaa manneen barnootaa hedduu manca'aniiru. Barsiisonni hidhattoota Faannoon ajjeefamaa turuus himameera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF waliin erga nagaa buusee garee naannoo Oromiyaa keessa socho'u WBO fi naannoo Amaaraa keessaa Faannoo waliin waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan jalqaba bara 2025 taasisaniin, Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta'uu eerun, ammas walitti bu'iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga'aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta'uu himanii ture.

"Itoophiyaa walitti bu'iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga'u keessaa akka baatuuf deeggarsa itti fufti" jedhan Ambaasadarichi.

Gareewwan hidhatanii naannoowwan Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho'an mootummaa waliin mari'achuuf qophii ta'an deeggaruufis qophiidha jedhan.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan turan Maayik Haamer marii mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO mijeessuun deeggarsa kennaa turan.

Erga mariin marsaa lammaffaa milkii malee xumuramees hanga nagaan dhufutti qaamolee lamaan akka araaramaniif hojjenna jedhanii ture.