Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan afuffee basaasaan US shakkite meeshaa haala qilleensaa raagu dha jette
Ameerikaan afuuffee basaasaa kan Chaayinaa ta'u hin ollee jedhameefi dhiheenya iddoowwan baay'ee eeggannoo qaban irra marsaa jirtu hordofaa jiraachuu beeksifte turte.
Ibsa Ministeerri Hajaa Alaa Chaayinaa baaseen garuu afuffeen suni ''kan raaga haala qilleensaaf fayyadu dha,'' jedhe.
Qondaaltonni waraanaa afuuffeen ol fageenya dheeraa irraa basaasuun shakkamte kun kan Chaayinaa ta'uu akka hin ollee amanna jedhan. Dhiheenya kanas gubbaa bulchiinsa lixa Montaanaatti mul'ate.
Waraannii haleeluun lafa buusuuf murteessee ture. Chaayinaa ammoo hanga dhugaansaa adda hin baafamnetti oduu hololaa himamaa jiru irratti akeekkachiisaa turtus, boodarra garuu ''afuuffeen kun kan siiviiliiti'' karaa irraa kaatteetu achi geessee jette.
Itti dabaluunis Chaayinaan ''afuffeen otoo itti hin yaadamiin daangaa qilleensaa Ameerikaa galuusheetti gaabbuus,'' ibsiteetti.
Kaanaadaan gama isheetiin guyyaa Jimaataa ''taatee yeroo lammaffaa'' afuuffee basaasaa jedhamte kana hordofaa jiraachuu beeksifte. Haata'u malee, biyyi kam harka keessaa akka qabdu waan jette hin qabdu.
Ibsa baasten garuu ''odeeffannoo cimaa Kaanaadaa yaaddoo basaastoota biyya biraa irraa ittisuuf'' Ameerikaa waliin akka hojjattu himte.
Afuuffeen tunis osoo guyyaa Roobii Montaanaa irratti hin mul'atiin dura odolawwan Olushiin, Alaaskaa argamuufi karaa Kaanaadaatiin balalii'aa turte, jedhan qondaaltonni.
Qondaalli olaanaan osoo maqaan isaanii hin himamiin dhimma kanarratti dubbatan tokkos, Waayiti Haawus yoo afuuffen tun akka rukutamtuuf ajajeef jecha mootummaan F-22s dabalate jeettiiwwan waraanaa qopheessaa jira.
Ministira Raayyaa ittisaa dabalate dureewwan waraanaa olaanoo, Looyid Ostin fi dura taa'aan ajajaa olaanaa Gamtaa waraana Ameerikaa Janaraal Maark Miileey fa'i guyyaa Roobii walgahuun haalicha xinxalaniiru.
Bulchiinsa Montaanaa bakka ummanni xiqqaan adda faffagaatee keessa jiraatu yoo ta'u, bakka nikulaari misaa'eelaa biyyatti sadii fi buufanni humna qilleensaa Maalmistormii itti argamudha.
Qondaaltonnis ergamtuun basaasaa tun eddoowwan ijoo ta'an irra balali'uun odeeffannoo funaanaa jirti jedhan.
Kana malees qondaalli Ministira Raayyaa Ittisa waraanaa Ameerikaa tokko biyyattii dhimmicha Imbaasiiwwan Chaayinaa DC fi Beejingiitti akka kaafte dubbatan.
Akkasumas qondaalli kun balaliinsaan xiyyaaraa tokko erga afuuffee tana argeen booda gabaasa taasisuufi kunis guddina afuufee kanaa kan agarsiisuudha jedhan.
Ammattis waanuma hundaafuu afuuffeen kun eessa akka jiruu hordofaa jiraachuu Ameerikaan beeksifte.
Jiraattonni Montaanaa afuuffee kana namoonni fageenyarraa kaameeraadhaan suuraa erga kaasanii miidiyaa hawaasaa irratti erga qoodaniin booda, UFO ta'u hin oolu ta'e jedhamuun ijoo dubbii ta'ee ture.
Dursaa CIA kan ta'an Wiiliyaam Barnas, Chaayinaan yeroo kamuu caalaa dorgomtuu siyaasa addunyaa ta'ushee akka hin oollee hin haalle.
Dhimmi afuuffee basaasaa guddaa kanaas Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan, dowwannaa torban ittaanu Chaayinaatti taasisuuf jiran irratti mudaa akka hin umneef yaaddoo uumeera.
Angawaan Ameerikaa kuni Pirezidant Shi Jinping waliin dhimma Taayiwaaniifi waa'ee Covid dabalate dhimma waraanaa Raashiyaafi Yukireen irrattis akka mari'atan eegama.