Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giyookeresh Arsenaal seenuuf jechuu, Chelsiin Maduweekee gurguruuf ta'uufi oduu jijjiirraa biroo
Arsenaal taphataa sarara gidduu Ispeen Riyaal Soosidaan irraa fudhate Maartiin Zubimendii ifatti mallatteessisee gareesaatti makuu ifa gochuun deeggartootasaatti toleera.
Viktor Giyookereesh fudhachuutti dhiyaateera oduun jedhu gaafa itti dabalame ammoo caalaa gammachiiseera.
Deeggartoonni Arsenaal dhugaa qabu. Waggaa sadii Piriimer Liigii keessatti walitti aansuun sadarkaa lamaffaan xumuranii waancaatti dhiyaatanii harka qullaa hafan.
Kun ammoo rakkoo taphataa sirriitti goolii lakkoofsisu dhabuu akka ta'e himama.
Kana furachuuf taphataa lammii Siwiidin umuriin isaa amma waggaa 27 ta'eefi kilaba Poorchugaal, Ispoorting Lizban keessa taphatu Viktor Giyookeresh fudhachuuf yaalii erga jalqabanii bubbuleera.
Arsenaal taphataa lammii Siloveeniyaa umuriin waggaa 22 RB Leepizhiingirraa fudhachuuf hedduu yaalaa ture.
Haata'u malee, amma kan Giyookeresh milkaa'uutti dhiyaateera. Arsenaal isa barbaaduu qofa miti, taphataamti kuniyyu Arsenaal barbaaduun isaa dubbii salphaa taasisuuniif hin oolle.
Maanchester Yunaayitid taphataa yeroo ammaa Awurooppaa keessatti goolii hedduu lakkoofsisun jajamaa jiru kana fudhachuuf hedduu abbalaa ture.
Inni garuu filannoon isaa Arsenaal ta'uu ibsuurra darbee, miindaa waggaasaarraa paawondiin miliyoona lama muramee baasii Paawondii miliyoona 70 Ispoorting isa gadhiisuuf gaafachaa jirutti akka guutamu gaafateeera.
Taphataan duraanii Maanchester Yunaayitid Riyoo Ferdinaand ammoo Viktor Giyookeresh Arsenaaliif waan jallate hin fakkaatu.
''Inni gurbaa [Arsenaaliif] ta'u natti hin fakkaatu,'' jedhe.
"Ani tarii yeroo sadii dhuguma itti dhiyeenyaan isa ilaaleera. 'Inni carraa sana Piriimer Liigii keessatti hin argatu.'"
Giyookeresh taphoota 102 Ispoortiingiif taphate keessatti goolii ajaa'ibaa 97 galchuun, kubbaawwan 26 mijeessee kennuunis gumaacheera.
Taphataan sarara fuulduraa Siwiidin kun bara darbe tapha tokkotti giddu galeessaan goolii tokkoo ol kan galche yoo ta'u, taphoota 52 irratti galchiiwwan 54 lakkoofsiseera.
Akka Ferdinaand jedhutti, sadarkaan Piriimer Liigii cimaa waan ta'eef taphataa kanaaf mijachuu dhiisuu mala.
Chelsiin taphataa isaa lammii Ingilaand Noonii Maduweekee gurguruuf Paawondii miliyoona 50 akka barbaadu ibseera.
Taphataan umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun sadarkaa dhuunfaa isaatti gara Arsenaal deemuuf fedhii akka qabu ibsuun waliigalteerra gaheera.
Milkaa'ee gara Arsenaal kan deemu yoo ta'e bakka Bukaayoo Saakaan taphaturratti eeggataa ta'a jedhamees eegama.
Tootenhaam fi Weest Haam jijjiirraa taphataa sarara gidduu lammii Gaanaa Mohaammad Kudus ilaalchisuun ammallee waliin dubbachaadhuma jiru.
Weest Haam taphataa isaa umuriin waggaa 24 kanaaf maallaqa kanaan dura Paawondii miliyoona 50 dhiyeeteef dideera.
Boruusiyaa Doortimond ammoo taphataa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 21 ta'e Kaarneey Chukwemeekaa Chelsiirraa ergisaan fudhate tursiifachuu barbaada.
Boruusiyaa Doortimond maallaqa jijjiiraa isaatiif dhiyaate Paawondii miliyoona 40 kennee dhaabbataan fudhachuun waan isa rakkiseef, waliigalteedhuma ergisaa dheereffachuu fedhaa jira.
Jifataan lammii Naajeeriyaa Viktor Osimheen kilaba bara darbe kana ergisaan keessa ture Galaatasaraay galuu barbaada.
Haata'u malee, kilabni biyya Turkii kun taphataa kana dhaabbataan fudhachuuf Paawondii miliyoona 65 kilabiin Xaaliyaanii, Naappoliin gaafate kaffaluu qaba.
Naappooliin maallaqa kanaa gadi ta'een dabarsee hin kennu jedheera.
Kiristaal Paalaas taphataa sarara ittisaa gama bitaa Ayaaks Boornaa Soosaa kan umuriin isaa ganna 27 ta'e paawundii miiliyoona 2n mallatteessisuuf xumuratti dhihaateera.
Taphataa sarara fuulduraa Koln kan ta'e Daamiyoon Daawons Saawuzhaampitanitti makamuuf qorannoo fayyaa gochuuf jira. Taphataan lammii Ameerikaa ganna 21 kun kilabii bara darbe Piriimer Liigii keessaa gadi bu'e waliin waliigaltee waggaa afuriif mallatteessa.
Romaan taphataa sarara gidduu Biraayitan fi Deenmaark Maatii O'Rileey, kan umuriin isaa 24 ta;e fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.
Liidsi taphataa Hoffenheyim Antoon Staach fudhachuuf fedhii qaba garuu taphataa sarara gidduu Jarmanii ganna 26 kana mallatteessisuuf dorgommiin isaan mudachuu danda'a.
Taphataan sarara gidduu Everten kan umuriin isaa ganna 35 ta'eefi lammii Senegaal Idriisaa Guyyee kontiraata haaraa hanga bara 2027tti kilabicha keessa akka turu dandeessisu mallatteesse.
Daarektarri ispoortii Jeenowaa Filaaviyoo Risiyaardeelaa Jaamii Vaardii mallatteessisuuf walii galaniiru, garuu leenjisaan Paatriik Viyeeraan taphataa sarara fuulduraa duraanii Ingilaand umuriin isaa ganna 38 torbee darbe Leesteeriin gadhiise kana fudhachuu dide.
Noorwiich taphataa sarara ittisaa lammii Deenmaark umuriin isaa ganna 23 Maatiyaas Kivistgaarden Biroondibiirraa mallatteessisuuf walii galteera.