Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoota addunyaa beekamoo ja'a balaa xiyyaaraafi konkolaataan du'an
1. Diyaagoo Jootaa (Portugalaa 2025)
Jaalattoonni kubbaa miilaa fi addunyaan waggoota darban keessa taphattoota hedduu balaa konkolaataa gaddisiisaa ta'een dhabaniiru.
Balaan kun taphattoota obbolaa lamaan jifataan garee Liivarpuul Diyaagoo Jootaafi obboleessa isaa Andiree Silvaa muudateen lubbuun darbuu hordofee taphattoota addunyaa balaa wal fakkatan du'an muraasa isin yaadachiifna.
Duuti urjii lammii Poorchugaal fi Liivarpuul Diyoogoo Jootaa cidha isaa guyyoota muraasa booda muudate fi obboleessa isaa rifaatuu guddaa uumuun ijoo dubbii addunyaa ta'eera.
Taphattoonni, kilaboonni, federeeshinoonniifi aangawoota biyyaa dabalatee gadda isaanii ibsaa kan jiran yoo ta'u, duuti tasaa kun kilaboota, deeggartootaa fi biyyota isaanii irratti dhiibbaa cimaa qaba
Taphattootni kubbaa miilaa beekamoon biroo balaa konkolaataa fi xiyyaraan lubbuu isaanii dhaban armaan gaditti tarreeffamaniiru.
2. Emiliyaanoo Saalaa (Arjentiinaa, 2019)
Balaan Xiyyaraa kubbaa miilaa addunyaa keessatti baay'ee gaddisiisa ta'e tarii wayita xiyyaarri salphaan Naatees, Faransaayirraa gara Kaardiif Siitiitti imalaa ture kufe taphataa kana galaafatetti ture.
Dargaggeessi ganna 28 kun Amajjii 21 2019 galgala xiyyaara Piper Malibu jedhamu kan Faransaay Nantes irraa gara Weels balali'aa turee kufee caccabuun balaliisaa xiyyarichaa dabalatee du'an.
Kaardiif Siitiif mallatteessee guyyoota lama booda ture Emiliyaanoo Saalaa naanawaa daangaa Ingilaandirratti balaliisaa Deeviid Ibootisan waliin balaa xiyyaaraa kun kan isaan muudate.
Balaa kana booda reeffi taphataa kanaa guyyaa 4 booda argamus kanbalaliisaa isaa Deevid Ibostan garuu hin argamne.
Saalaan kilabii yeroo sanaa Piriimiyerliigii Ingiliiz Kaardiif Siitiitti makamuun garee Faransaay Liigii 1 Naantees irraa paawundii miiliyoona 15 niin bitame.
Boodarra Paayilatiin xiyyaara taphataa kubbaa miilaa Emiliyaanoo Saalaa lubbuu galaafate balaliisaa ture hayyama balalii akka hin qabne qorattoonni adda baasan.
Paayilatichis wayita duumessa keessaa ba'uuf yaalaa turetti to'achuu akka dadhabee fi Saalaa kaarboon monoksaayidiin ukkamfamee utuu jiruu xiyyarichii kufee caccabuudha qorannoon sun kan eere.
3. Paatriik Muutesaa Maafisaango (Rwaandaa 2012)
Paatriik Muutesaa Maafiyoosango kilabii Simbaa Ispports fi garee biyyaalessaa Ruwaandaa taphachaa ture.
Taphataan beekamaan kun bara dorgommii Piriimiyerliigii Ingiliiz Taanzaaniyaa Meeyinlaand bara 2011/2012 Simbaan shaampiyoonaa ta'ee guyyoota muraasa booda Caamsaa 17, 2012 balaa konkolaataa naannoo Kekoo Daares Salaam keessatti mudateen du'e.
Mafisango umuriin isaa waggaa 32 tti kan du'e yoo ta'u, kilaba Simbaan duras kilaboota akka TP Mazembe, APR, Atraco fi Azaam taphachaa ture.
4. Antooniyoo Reyes (Ispeen, 2019) .
Taphataan sarara fuulduraa Arsenaal fi Sevilla duraanii magaalaa dhaloota isaa Utrera keessatti umurii waggaa 35 tti balaa konkolaataatiin lubbuun isaa darbe.
Lammiin Ispeen kun Amajjii bara 2004 Sevilla irraa gara Arsenaal kan makame yoo ta'u, qaama garee bara 2003-04 osoo hin mo'amin Piriimiyerliigii injifate keessaa tokko ture.
Bara 2004tti waliigaltee gara paawundii miiliyoona 17tiin Arsenaalitti makame ture.Mallaqni kun yeroo sanatti kan rekaardii qabu ture.
Boodarra bara 2006-07 ergisaan Riyaal Maadriid waliin kan taphate yoo ta'u, achittis waancaa injifateera.
Gabaasaaleen akka jedhanitti, konkolaataa Merchedes isaa saffisaa guddaan utuu konkolaacjhisuuti balaan kun kan isaa muudate.
5. Lesley Manyathela – Afrikaa Kibbaa, 2003
Taphataan sarara fuulduraa urjii Olka'aa Orlaandoo Piraayitis fi Baafaanaa, Maanyaateelaan, taphoota 73 Buukaneers waliin taphate irratti goolii 48 galchuun maqaa gaarii horaata utuu jiruu umurii isaa waggaa 21 qofatti balaa konkolaatan addunyaarraa lubbuun darbe.
Manyathelan tapha dorgommii Awurooppaa irraa deebi'ee istaadiyeemii Raandiitti Jomo Cosmos 2 fi 1n mo'amuun Pirates'f goolii kan galche yoo ta'u, haadha isaa waliin yeroo dabarsuuf gara magaalaa Musinaatti osoo imalaa jiruu balaan isaan mudate.
Piriimiyerliigii kubbaa miilaa biyyattii keessatti (PSL) qophee Warqee kan injifate yoo ta'u, bara 2002-03tti Bucs akka waancaa nyaatuu gargaarera.
Kilabii Yukireen Daayinamoo KiyeevIF mallatteessuuf adeemsa irra ture. Badhaasni goolii galchuu olaanaa PSL maqaa Manyathela jedhamuun moggaafameera.
6. Loorii Kaaniinghaam UK 1989
Taphataan sarara fuulduraa Ingilizii kun taphattoota gurraacha jalqabaa sadarkaa olaanaatti Ingilaandi bakka bu'an keessaa tokko ta'uun taphataa seenaa hojjateedha.
Akkasumas Riyaal Maadriid fi Maanchistar Yunaayitidiif kan taphate yoo ta'u, bara 1989 ji'a Adoolessaa keessa Ispeenitti balaa konkolaataatiin du'e.
Taphatan kubbaa miilaa ijaa'ibaa kun umurii isaa waggaa 33 qofatti haala nama gaddisiisuun adunyaa irraa darbe.