Yukireen haleellaa Raashiyaan namoonni 5 jalaa ajjeefamuu beeksisuu hordofee Polaand jeettii bobbaste

Haleellaa bal'aa misaa'eliifi dirooniin halkan guutuu Raashiyaan gaggeessaa bulteen Yukireenitti namoonni shan du'anii kuma hedduutti kan lakka'aman ammoo ibsaa malee akka ta'an godhuu pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii dubbate.

Biyya ollaa Yukireen taate Holaand ammoo kana hordofee nageenya daangaa qilleensaashee eegsisuuf jeettiiwwan waraanaa bobbaasteetti. Xiyyaaronni michoota NATO ta'anis bobbaafmaniiru.

Zhappoorhiyaa keessattis namni tokko ajjeefameera.

Zeleniskiin akka jedhanitti, Raashiyaan bu'uralee misoomaa Yukireen irratti xiyyyeeffachuun misaa'eloota 50 dirooniiwwan 500 ol dhukaasteetti.

Haleellaa halkan gaggeessaa bulte kana ilaalchisuun Raashiyaan hanga ammaatti yaada hin kennine.

Naannoowwan akka Ivaanoo-Firaankivisk, Saamii, Karaakiiv, Keerson, Odeesaa fi Kiroovaaraad akkuma bakka kaanii irratti xiyyeeffatameera akka Zeleniskiin jedhanitti.

Haleellaa Raashiyaan gaggeessite magaala gama Lixaan jirtu Liviiv irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u bakka kanatti namoonni afur ajjeefamanii kaan madaa'aniiru.

"Eegumsa dabalataafi waliigalteewwan ittisaa saffisaan hojiirra oolchuu barbaadna, keessumaa shororkeessa qilleensarraan taasifamu kana dhorkuudhaaf ittisa qilleensa keenyaarratti raawwachuu barbaachisa."

Raashiyaan humna ibsaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleeluu itti fufteetti, jedhe ministeerri injarjii.

Zaapoorzhiyaa keessatti haleellaa Raashiyaan halkan gaggeessite hordofee "maamiltoonni 73,000 ol ta'an...ibsaa irraa citeera" akka bulchaan naannichaa Ivaan Fedoroov jedhetti.

Namni tokko ajjeefamee, sagal ammoo madaa'aniiru jedhe Fedoroov itti dabaluun.

Namoota madaa'anii wallaansa argachaa jiran keessaa shamarreen umuriin ishee waggaa 16 taate keessatti kan argamtu ta'uu ergaa gamoo gamtokkoon barbadaa'e waliin fuula X irratti baasaniiru.

Kantiibaan magaalaa Liviiv Andirii Sadooviy gartokkoon magaalattii - daangaa Poolaandirraa km 70 (maayilii 43) fagaatu - ibsaa akka hin qabne ibsuun, sirni ittisa qilleensaa magaalattii jalqaba diroonii fi sana booda haleellaa misaa'ela Raashiyaa ofirraa ittisuu irratti baay'ee bobba'uu ibsaniiru.

Sa'aatii 07:30 irraa eegalee kutaaleen magaalattii humna ibsaa malee kan hafan yoo ta'u, geejjibni ummataa ammallee hojjechuu kan hin jalqabne yoo ta'u, Sadooviyi Telegram irratti ''karaa irratti bahuun balaa qaba'' jechuun cimsee dubbateera.

Geejjibni uummataa magaalaa gama lixaa kan biraa Ivaanoo-Firankivsk keessatti Dilbata ''yeroo kaan caalaa barfatee jalqabe'' jedhan kantiibaan magaalattii.

Haleellaan dachaa kun qaama doorsisa Raashiyaan halkan tokkotti guutuu Yukireen irratti raawwatte keessaa tokko ture.

Naannoo sa'aatii 06:00tti Humni Qilleensaa Yukireen biyyattiin hundinuu haleellaa misaa'ela haaraa Raashiyaa jala akka jirtu ibseera, kunis sa'aatii dheeraaf akeekkachiisa haleellaa qilleensaa fi akeekkachiisa haleellaa diroonii fi misaa'elaa hordofee ture.

Erga bara 2022 Raashiyaan Yukireen irratti weerara guutuu eegaltee as humnoonni ishee naannoo baha Yukireen Donbaas harka caalu, Luhaansk fi Donetsk dabalatee dhuunfataniiru.

Raashiyaan yeroo ammaa naannoo Yukireen harka shan keessaa tokko kan to'attu yoo ta'u, kunis galoo galaanaa Kiriimiyaa kan bara 2014 dabalateeti.

Raashiyaa keessatti kutaaleen ittisa qilleensaa diroonii Yukireen 32 halkan tokkotti barbadeessuu isaanii dhaabbati oduu mootummaa RIA ragaa ministeera ittisa Raashiyaa wabeeffachuun gabaaseera.

Torban darbe Yukireenitti Ergamaan Addaa Ameerikaa Keet Keeloog Fox News irratti akka ibsanitti, Ameerikaan Yukireen naannoo Raashiyaa keessaa fagaattee haleellaa akka raawwattu ni deeggarti.

Gama biraatiin miseensi NATO kan biraa - Lutiniiyaan taateewwan dhiheenya kana Deenmaark, Noorweey fi Jarmanitti mudatan hordofuun, wanti ta'e mul'achuu erga adda baafattee booda yeroo gabaabaaf naannoo qilleensaa cufte.

Lutinniyaan buufata xiyyaaraashee guddaa fi hojiin itti baay'atu Vilnius sa'aatii hedduudhaaf balalii dhaabdee Dilbata sa'aatii 04:50 irratti deebitee bante.