Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waadaan Tiraamp Qaataariif galee maali, tasgabbii moo balaa fiduu danda'a?
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp torbee kana biyya Galoo Galaanaa Qaataar waraana Ameerikaatiin dabalatee karaa barbaachisaa kamiinuu eeguuf ajaja preezdaantii mallatteessaniiru.
Barreeffamni ajaja kanaa haleellaan waraanaa biyya boba'aan badhaate kana irratti raawwatamu kamiyyuu Ameerikaa biratti akka balaatti kan ilaalamuu fi "dantaa Ameerikaa fi Qaataar ittisuuf akkasumas nagaa fi tasgabbii deebisuuf tarkaanfiiwwan seeraa, dippilomaasii, dinagdee fi yoo barbaachisaa ta'e waraanaa hunda akka fudhatu" ibseera.
Ajajni kun akka walta'iinsa nageenyaa guddaa Ameerikaa fi Katar gidduutti taasifamuutti ilaalama, kunis tumsa Dhaabbata Waliigaltee Atlaantiik Kaabaa (NATO) waliin wal fakkaata.
Kun ammoo inaaffaa biyyoota Arabaa ollaa kaasuun isaa waan hin oolledha
Katar waggoota muraasa dura wiirtuu qoqqobbii dinagdee fi dippilomaasii biyyoota ollaa ishee ta'uu irraa gara ambaasaaddara nagaa Baha Giddu Galeessaatti ce'uun ishee waan ajaa'ibaa gadi miti.
Dhiheenya kana Hamaas fi Israa'el walitti araarsuuf gaheen isheen qabdu olaanadha.
Hamaas waajjira siyaasaa isaa Dohaadha kan qabu yoo ta'u, yeroo ammaa waa'ee waliigaltee nagaa qabxii 20 qabu Pirezidaanti Tiraampin wal qabatee dhiibbaa keessa galuu hin hafne. Kana malees, Dohaan bakka buufata waraanaa Ameerikaa guddicha naannicha keessatti argamu, Buufa Al Udeyiid kan qabdudha.
Tarkaanfiin ittisaa Tiraamp kun kan fudhatame haleellaa xiyyaaraa Israa'el ji'a darbe hoggantoota Hamaas Qaataar irratti xiyyeeffate hordofee yoo ta'u, kunis miseensota garee kanaa fi qondaaltota nageenyaa Qaataar kudhanootaan lakkaa'aman kan ajjeese yoo ta'u, maatii mootii biyya bulchaa jiran Al Thani irraas dallansuu kan uumedha.
Katar haleellaa Ameerikaan ji'oota dura dhaabbilee nukilaraa Iraan irratti raawwatteef haaloo ba'uufis Teehiraanin haleelamte turte.
Katar biyyoota Arabaa Galoo Galaanaa irraa dhiibbaan dabalaa dhufeera, sababiin isaas Ameerikaa waliin tumsa qabduu fi buufata waraanaa keessummeessuu isheetiin eegumsa isheef malu argachaa akka hin jirretu eerama.
Ministirri haajaa alaa Qaataar ajaja haaraa Tiraamp kana kan simatan yoo ta'u, "walta'iinsa ittisa cimaa biyyoota lamaanii cimsuuf tarkaanfii barbaachisuudha" jedhan.
Haata'u malee, yeroon fi sababni tarkaanfii Pirezidaanti Tiraamp kana duuba jiru, akkasumas hojiirra oolmaan isaa Waashingitanitti gaaffii hedduu kaasa.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo Hamaas karoora hiree Gaazaa murteessuuf Tiraamp waliin mari'achaa jirutti yoo ta'u, kunis haala walxaxaa naannichaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda'a.
Israa'elitti Ambaasaaddarri Ameerikaa duraanii Daan Shaapiroo, Tiraamp Dohaa irraa amantaa osoo hin argatin Qaataariif badhaasa guddaa kennaa jira jechuun yaada isaanii qoodaniiru.
Tiraamp tarkaanfii kana irratti shakkii qabaachuu isaanii ibsuun, eegumsi nageenyaa Qaataariif kennan yoo Hamaas walii galtee kana hin fudhanne ykn gareen kun yoo walii hin galle ta'e hiika hin qabu jedhan.
Gaazexaan Israa'el Haaretez tarkaanfiin kun Israa'el keessatti maal jechuu akka ta'e cuunfee yoo ibsu " Netaaniyaahuun bakka deeman kamittuu nageenyi akka itti hin dhaga'amne akeekkachiisee jiraatus Tiraamp hoggantoota Hamaas Katar keessa jiraataniif wabii hin tuqamne kenneera,"jedha.
Haata'u malee, yeroo Israa'el daangaa ishee ce'uun haleellaa raawwachaa jirtuu fi yeroo amanamummaan gaaddisa nageenyaa Ameerikaa jala jiraachuu gaaffii keessa jiru kanatti naannicha tasgabbeessuuf eegumsi Tiraamp murteessaadha jedhu xiinxaltoonni Galoo Galaanaa.
Miseensa garee Yureeshiyaa kan ta'an Firas Maksad tarkaanfiin Tiraamp kun Katar fi michoota Galoo Galaanaa biroo ''karaa itti tasgabbeessan'' jechuun, Saawudi Arabiyaanis eegumsa walfakkaatu akka kennitu yaada dhiyeessan.
Wabiin nageenyaa Qaataariif kenname haleellaa irraa kaasee hanga deeggarsa waraanaa Ameerikaatti kan jiru ta'uun ibsameera. Haalli kun waligaltee NATO keewwata 5 kan haleellaa waraanaa biyya miseensa ta'e tokko irratti raawwatamuuf deebii walootu barbaachisa jedhu waliin wal fakkaata.
Garuu ajaja hojii raawwachiiftuu Waayit Haawusiin baase ta'uun isaa aangoo Kongireesii kan Ameerikaan tarkaanfii waraanaa fudhachuu ishee dura pirezidaantichaan mari'achuu qabu kan darbu ta'uu qaba.
Kana jechuun ajajni kun seera qabeessummaa waan hin qabneef pirezidaantiin itti aanuu fooyya'uus ta'e hojiirra oolchuu dhiisuu danda'a jechuudha. Kana malees, mormiin Dimookiraatota Kongireesii keessa jiran irraa mudachuu danda'a.
Ajajni kun duula filannoo Tiraamp ajandaa "America First" jedhamuun beekamu keessattis mormiin isa mudateera.
Lawura Lohmer, aktivistiin mirgaa Tiraampitti dhihoo taate, KaTar michuu osoo hin taane Ameerikaaf balaa ta'uu ishee dubbatteetti.
Deeggaraa Tiraamp adda duree ta'e tokkos ,'' Israa'el hoggansa Hamaas Katar keessa jiru yoo ajjeefate Israa'eliin waliin waraanaaf deemna jechuudhaa?" jechuun gaafata?
Gama biraatiin maatiin Tiraamp Qaataar waliin hidhata dhuunfaa fi daldalaa kan qaban yoo ta'u, mormitoonni Tiraamp imaammanni alaa biyyoota dureeyyii Galoo Galaanaa waliin akka waldhabdee dantaa tokkootti ilaalama jedhu.
Dhaabbanni Tiraamp ilmaan isaa Eric fi Donald Jr.n durfamu, Ebla darbe Qaataar keessatti riizoortii goolfii qananiin ijaaruuf waliigaltee mallatteessanii ture.
Katar xiyyaara haaraa 747 jedhamu kan xiyyaara Ameerikaa Air Force One bakka buusuuf yaadame Tiraampif arjoomtetti.