Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoon Israa'el Iraaniin haleeluu malti jedhu jabaate, US tarkaanfii fudhatte
Ameerikaan sababa yaaddoo nageenyaa cimaa jiruuf hojjettoota ishee fi maatii isaanii Imbaasii ishee Iraaq kan Baagidaad keessa jiran baasuuf akka ta'e maddeen mootummaa Ameerikaa ibsan.
Hojjattoota achii baasuu duuba maaltu akka jiru ibsamuu baatuus, Roobii darbe qondaaltonni Ameerikaa Israa'el Iraan keessatti duula jalqabuuf qophii ta'uu ishee itti himamuu isaa, miidiyaan michuu BBC ta'e CBS, qondaaltota dhimmicha beekan wabeeffachuun gabaaseera.
Akka qondaaltonni kunneen jedhanitti sababni ijoon Ameerikaan lammiileen ishee naannicha akka gadhiisan gorsiteef kana ta'uu akka hin oollee ibsan.
''Ameerikaan Iraan buufatawwaan Ameerikaa tokko tokko Iraaq keessa jiran irratti tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuu akka dandeessu tilmaamteetti'' jedhan.
US fi Iraan hanga ammaa marsaa shaniif sagantaa niwukilaraa Iraan irratti kan mari'atan yoo ta'u kan ja'affaa Dilbata dhufu Omaanitti mari'atu jedhamee eegamaa ture.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp irra deddeebiin yoo mariin sagantaa niwukilaraa Iraan hin milkoofne Iraan rukutuuf doorsisaa turan.
Tiraamp Roobii darbe akka ibsanitti, waliigaltee Tehran dhimma oomisha Nikularaa dhaabuuf qabdu irratti amantaan qaban hir'achaa dhufuu himan
Traamp akkasumas Ameerikaan Iraan meeshaa niwukilaraa akka hojjettu akka hin barbaanne cimsanii dubbataniiru: "Sana hin hayyamnu," jedhan
Lammileen Ameerikaa naannicha akka gadhiisan gorfamaniiru ''bakka balaa ta'uu waan danda'uuf, waan ta'us ni ilaalla'' jechuun gaazexeessitootatti himan Pirezidaanti Tiraamp
Ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof ammallee Dilbata marii marsaa 6ffaa irratti qondaaltota Iraan waliin wal arguuf karoorfachuu isaanii qondaaltonni kunneen CBS'tti himaniiru.
Qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa tokko BBC'tti akka himanitti, "Imbaasiiwwan keenya hunda keessatti haalli nageenyaa amansiisaa ta'e jiramoo hin jiru kan jedhu sirriitti madaalla. Madaallii keenya haaraa kana irratti hundaa'uun ergama keenya Iraaq keessaa hir'isuuf murteessineerra."jedhan
Iraan gama isheen dubbicha gama dippilomaasiin ilaaluun akka barbaachisuufi doorsifni hin barbaachifne obsa ishee fixachiisaa akka jiru ibsite.
Tarkaanfiin ishee irra ga'e yoo jiraate ammoo buufata Ameerikaa Baha Giddu Galeessaatti argamu irratti akka xiyyeeffattu dhaadattee turte.
Yeroo mariin niwukilaraa kun sadarkaa murteessaa irra ga'ee jiru kanatti, Ameerikaan lammilee ishee baasuuf murteessuun maal agarsiisuuf akka yaadamafi yaaddoo dhugaa hangamii akka calaqqisiisu mirkanaa'aa miti.
Ministirri Ittisaa Iraan Aziz Naasirzadeh yoo mariin kun kufe fi Tiraamp tarkaanfii waraanaa Iraan irratti kan fudhatan ta'e, biyy isaaniis tarkaanfii haaloo ba'uu buufataalee Ameerikaa naannoo sana jiranii irratti deebii akka kennan ibsaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa Piit Heegseetis maatiin miseensota waraana Ameerikaa Kuweet fi Baahireen dabalatee biyyoota baha jiddugaleessaa adda addaa irraa fedhii isaaniitiin akka baafaman hayyamuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Roobii darbe koree kongireesii biyyattiitti akka dubbatanitti, Iraan gara waan meeshaa niwukilaraa fakkaatutti tarkaanfachaa akka jirtu ''agarsiiftuu hedduun'' akka jiran Peentaagoon quba qabdi jedhan
Iraan tattaaffiin gabbisa yuuraaniyeemii ishee anniisaa siiviilii maddisiisuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu kan himtu yoo ta'u, boombii niwukilaraa hojjechuuf yaalii akka hin goone cimsitee dubbatti.
Guyyaadhuma sanatti, kutaan humna galaanaa guddichi, 'UK's Maritime Trade Operations', waldhabdeen waraanaa Baha Giddu Galeessaa keessatti dabalaa dhufuun sochii doonii irratti dhiibbaa uumuu akka danda'u akeekkachiisa kennera.
Gatiin boba'aa akkuma Ameerikaan loltooota ishee baasuuf karoorfachuu ibsite irraa kaasee %4 ol dabaleera,
Sababiin isaas yaaddoon tasgabbii dhabuu kun sodaa dhiyeessiin addaan kutuu akka danda'uu waan tilmamameef akka ta'e eerameera
Loltoonni Ameerikaa gara 2,500 ta'an Iraaq keessa akka buufatan Ministeerri Ittisaa kan beeksise