Wantota sadii Sooriyaa keessatti ta'uu danda'an

Duula waraanaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS)n durfamu gaggeeffame hordofuun bulchiinsa gara jabeessa, waggoota dheeraaf Sooriyaa keessatti dabarsan xumura argachuunsaa egeree biyyattii irratti gaaffii guddaa kaaseera.

Hogganaan HTS Abu Mohammad al-Jolaanii Sooriyaa tokkoomsuuf waadaa galaniiru. Haata'u malee, galmasaa kana milkeessuu danda'uufi dhiisuunsaa ifaa miti.

Sooriyaatti Ergamaan Addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Geer Pedersen, gareewwan Sooriyaa keessa jiran hunda gidduutti tumsi akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.

"Walumaagalatti, HTS fi gareewwan hidhatan biroo irraa ibsa tasgabbeessaa argineerra," jedhan Pedersen, garuu ammoo dhimmoota "seeraa fi sirnaa" itti fufanii jiraachuu hubatan.

Haala saffisaan jijjiiramaa jiru yoo ilaalamu, egeree Sooriyaa tilmaamuun rakkisaadha.

Haata'u malee, ogeeyyiin BBC'n mariisise, biyyattiin gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf haalawwan sadii ta'uu danda'an kaa'aniiru.

1. Sooriyaa tokkoomtuu

Haallii gaarii yoo ta'e HTS qaamoleen siyaasaa siiviilii biroo isaan maddii hiriiruun tti gaafatamummaan akka bulchan isa waliin hojjetan ni hayyama ta'a.

Biyyattiin waraanaan booda araara biyyaalessaa guddisuun, haalli giingoo haaloo bahuu fi saamichaa kan akka biyyoota ollaa keessatti mul'ate fi waldhabdee haaraa fiduu danda'u irraa fagaachuu dandeessi ta'a.

Hanga ammaattis Joolaaniin gareewwan adda addaa Sooriyaa gidduutti tokkummaa fi wal kabajuu akka qabaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Haata'u malee gareewwan hedduun biyyattii ajandaa garaagaraa qabu.

"Dhugaa jiru yoo ilaalle, yeroo ammaatti haala hin beekamne keessa jirra. HTS ejjannoo Sooriyaa keessatti ce'umsa nagaa, hojiirra ooluu danda'u banuun qaba, garuu ammoo haalli jiru garmalee kan jijjiiramuudha," jedhan piroofeesarri hariiroo idil-addunyaa, Yunivarsiitii UK Kuwiin Meerii fi ogeessa Baha Giddu Galeessaa, Kiriistoofar Filiips.

Kibbatti milishoonni gosaa, kanneen aangoo maatii Asaadiif gonkumaa beekamtii hin kennine, mootummaa haaraa Damaasqoo hordofuun isaanii hin oolu.

Bahaan ammoo, hafteen garee Mootummaa Islaamummaa jedhamun beekamanii balaa ta'uu itti fufee jira. Kunis haleellaa qilleensaa Ameerikaan akka raawwattu taasiseera.

Gareen Kurdootaan durfamuu fi kan Ameerikaan deeggaramu, kutaalee kaaba baha biyyattii to'atu.

Gareen kunniin waggootaaf gareewwan finciltootaa Turkiin deeggaraman waliin wal lola kan turan yoo ta'u, yeroo dhiyoo asitti naannolee sanatti lola akka haaraatti eegaleera.

Akkasumas gareewwan mormitootaa fi gareewwan siyaasaa bara 2011 irraa eegalee Sooriyaa alatti ijaaraman hedduutu jiru. Qaamoolee fi gareewwan kunneen gara biyyaatti deebi'anii qaama adeemsa ce'umsa siyaasaa kamiyyuu ta'uu fi dhiisuun isaanii ammattee ifa miti.

Yunivarsiitii Loozaan kan Siwiizarlaanditti argamuutti piroofeesara kan ta'anii fi barreessaan kitaaba Sooriyaa Fincilaan Booda (Syria After Uprisings) jedhuu, Jooseef Daaher abdiin mootummaa tokkummaa qabu mirkanaa'aa miti jedhu.

"Haala gaariin yoo jiraate, filannoo bilisaa, bifa aangoo qoodamaa fi giddugaleessa dhabuun ni jiraata ta'a, kunis aangoo tokkummaa caalu argamsiisa. Garuu kun ilaalamuu qabaata."

Daaher ogeeyyii biroo waliin ta'uun haalli kun akka hin fakkaannetti ilaalu. Kunis labsii Jolaaniin ummataaf yeroo jalqabaatiif ifa ta'e keessatti kan wal faallessuudha jedhu.

"Jolaaniin jalqaba ministirri mummee sirna duraanii ce'umsa kana akka dursan labsanii ture. Sana booda ammoo ministira muummee Mootummaa Fayyina Biyyaalessaa (Mohaammad al-Baashir), kan mootummaa Idlib keessaafi kan aangoo HTS jala jiru filatan."

Haata'u malee, Daaher, HTS "fedhii cimaa aangoo cimsuuf" qabaatus, qofaa isaatiin garuu biyyattii guutuu bulchuuf ni rakkata jechuun amanu.

"Durumaanuu aangoo isaa baayyee diriirsaa waan jiruuf, kun akkas ta'a jedhee hin amanu. Biyya bulchuun baayyee rakkisaadha," jedhan.

"Jalqabarratti Idlib qofa bulchuu turan. Amma magaalaa guddoo Aleeppo, Haamaa, Homs fi Damaasqoo bulchaa jira. Kanaafuu, naannoo kana keessatti aangoo qooduun barbaachisaa ta'a."

2. HTS hunda to'achuufi abbaa irree ta'uu mala

HTS haaluma sirna Asaad wajjin wal fakkaatuun karaa abbaa irreetiin aangoo isaa cimsuu danda'a jedhamee sodaan jira.

Jolaaniin duraanuu Idlib, kan yeroo tokko kaaba lixa Sooriyaa keessatti bakka cimaa finciltootaa fi namoonni gara miliyoona afurii keessa jiraatan keessatti, buufata humnaa hundeessee ture. Ummanni achi keessa jiraatan baay'een isaaniis kan bulchiinsa Sooriyaa biroo irraa buqqa'aniidha. Mootummaan Fayyina Biyyaalessaa hojii siviilii kan geggeessu yoo ta'u, mana maree amantii Seera shari'aa hordofu qabu.

Jolaaniin HTS tasgabbii fi tajaajila ummataaf dursa kennuudhaan bu'a qabeessa ta'ee bulchuu akka danda'u agarsiisuuf yaalaa ture.

Haata'u malee, yeroo Idlib to'atutti, gareen isaa gareewwan hidhattoota walmorkatan kallattiitti dhiibuu fi mormii ukkaamsuudhaan qeeqama. Haleellaa Sadaasa 27 kan HTSn durfameetiin dura, mormiin Idlib keessatti kan ka'e yoo ta'u, finxaaleeyyii Islaamaa fi aktivistoonni Sooriyaa, HTS gocha abbaa irreetiin himataniiru.

"Akkaataan HTS gareewwan hidhattoota mormitootaa hunda [Idlib keessatti] hammachuudhaan fi tajaajila kennuun aangoo kan cimsate kan hammate ta'us, irra caalaa aangoosaa kan cimsate ukkaamsuudhaan ture. Garuu bulchiinsi isaa ukkaamsaa cimaa fi mormitoota siyaasaa hidhaa galchuudhaan kan beekamu ture," jedha Daaher.

Qeeqa kanaaf deebii kennuudhaan, HTSn kanneen akka humna nageenyaa falmisiisaa dhiittaa mirga namoomaatiin himatame diiguu fi kutaa komii lammiilee ilaalu uumuudhaan haaromsa hojiirra oolcheera. Haata'u malee, qeeqxonni haaromsi kun mormii dhaamsuuf jecha qofa ta'uu falmu.

HTSn Idlib keessatti aangoo cimsuun guddina Sooriyaa fi dhuma irrattis sirna Asaad buqqisuuf barbaachisaa akka ture cimsee dubbata. Haata'u malee, Daaher, HTS yeroo ammaa kana haala kanaan dura hin baramneetu isa mudata mala jechuun falma.

"Aangoo bal'aa gara Damaasqootti diriirsuunsaa, humna namaa fi kan waraanaa naannolee kanneen hunda bulchuuf isa gargaaru dhabuu akka danda'u xiqqoo abdiin qaba," jechuun falme.

3. Wal waraana biyya guutuutti

Haalli hamaan Sooriyaa keessatti yoo mudate ammoo gara jeequmsa, biyyoota biroo keessatti Birraa Arabaatiin booda mudateen wal fakkaata keessa galuu ta'a.

Mu'aammar Gadaafii Liibiyaa fi Saadaam Huseen Iraaq namni isaan bakka bu'aa osoo hin qophaa'ii aangoo irraa kan kaafaman yoo ta'u, gidduu seentummaan biyya alaa ammoo haalawwan balaa lamaaf gumaacheera.

Qeeqxonni akka jedhanitti, qaawwii bulchitoonni abbaa irree dhiisan gochaawwan saamichaa, haaloo bahuu, saamicha aangoo fi waraana biyya keessaatiin guutame.

Haala kana keessatti gareewwan hidhatan adda addaa Sooriyaa gidduutti dorgommiin aangoo jeequmsa bal'aa fiduu danda'a, kunis Sooriyaa qofa osoo hin taane naannoo guutuu tasgabbii dhabsiisuu mala.

Haasaan al-Baashir jalqaba akkuma ministira mummee ta'een taasisan, namoota hedduu kan sodaachisee fi kallattii mootummaan haaraan kun ka'uu danda'u kan akeeke ta'uu Gabaasaan Addaa BBC Arabic, Feras Kilani dirree irraa gabaaseera.

"Haasaan ministirri mummee haaraan, alaabaa lama (kan 'alaabaa warraaqsaa' fi alaabaa Taalibaan fakkaatu) duubaan dhaabuudhaan dubbatanis namoota hedduu rifachiise. Mootummaan haaraan kun, akkuma Taalibaan mootummaa Islaamaa seera Shari'aatiin bulfamu uumuu mala jedha," jedhe.

"Sun ammoo egeree saboota xiqqaa biyyattii keessa jiran akkasumas gareewwan siiviilii irratti qormaataa fi gaaffii haaraa uuma," jechuun dabalan.

Madaallii humnoota alaa

Bu'aaleen kunneen kamiyyuu gocha humnoota alaa irrattis kan hundaa'u ta'a jedhu ogeeyyiin.

Asaad waggootaaf kurnaniif deeggarsa Iraan fi Raashiyaa irraa argamu irratti hirkataa ture. Gama biraatiin ammoo Turkii, biyyoonni lixaa fi biyyoonni Galoo Galaanaa gareewwan mormitoota adda addaa deeggaran.

Guyyoota muraasa darban keessa, Israa'el bu'uuraalee waraanaa Sooriyaa irratti xiyyeeffachuun loltoonnishee naannoo waraanaa irraa bilisa ta'e Sooriyaa fi Gaarreen Golaan gidduu jiru kan waraana irraa bilisa ta'e bira darbee naannoo Sooriyaa keessatti socho'aa akka jiran beekteetti.

Erga Asaad biyyaa baqatee asitti, haleellaa qilleensaa dhibbaan lakkaa'aman raawwachuun "kuusaa meeshaa waraanaa tarsiimoo Sooriyaa irra caalaa" barbadeessuushee dubbatti. Sababiin isaas MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun humnoonni finciltoota Sooriyaa Iraan "deebitee biyyattii keessatti akka of hin hundeessineef" akka hin hayyamne akeekkachiisan.

Kunis Turkii fi biyyoonni Baha Giddu Galeessaa biroon Israa'el kufaatii Asaad fayyadamaa jirti jechuun akka himatan taasiseera.

Filiipsi gochi Israa'el kun ''mootummaa dadhabsiisuudhaan ykn namoota finxaaleeyyii ta'an jajjabeessuun Sooriyaa tasgabbii dhabsiisuu akka danda'u'' akeekkachiisa.

Filiips fi Daaher lamaan isaaniiyyuu qoqqobbii idil-addunyaa Sooriyaa irratti kaa'amee ture dinagdeen akka dandamatu deeggaruuf kaafamuu akka qabuu fi humnoonni alaa gargaarsa namoomaaf haala mijeessuu akka qaban waliigalu.

"Amma sirni Asaad waan hin jirreef qoqqobbii kaafamuu qaba. Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan sadarkaa gargaarsa dinagdee dandamachuu fi gargaarsa namoomaa eeguun, tarii ammoo, dabaluunis baayyee barbaachisaa natti fakkaata," jedhan Daaher.

Filiips itti dabaluudhaan, qoqqobbii irraa bilisa ta'uuf, US fi Gamtaan Awurooppaa "laafiina, kan akka heera mootummaa haaraa ykn haaromsa dimokiraasii" gaafachuu danda'u jedha.