Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Yukireenifi Raashiyaa biyyoota Awurooppaa Waraana Hololaa haaratti geessaa laata?
Waraanni Hololaa (Cold War) erga xumuramee booda Jarman yeroo jalqabaaf yaaddoo keessa galtee jirti. Yaalii ajjeechaa, icciitiin bilbila butuufi gochaawwan nageenya biyyattii yaaddoo keessa galchan jedhaman dhagahamaa jiru.
Dhiyeenya kana buufata waraanaa biyyattii keessatti boolli lafa jalaa qotamee argame.
Kunis qondaalota warshaa omisha meeshaalee waraanaa biyyattii ajjeesuf kan karoorfameedha jedhame.
Yaalin bilbila butuus akkasuma biyyattii mudateera. Kun taatee bara Waraana Hololaa osoo hin taane waan barana Jarman keessatti ta'eedha.
Biyyoota lixaa keessatti taaten akkasii yoo mudatu qubasaanii Raashiyaatti qabuun baramaadha.
Waan Jarman mudataa jiru kanaaf jala muranii Raashiyaatu kana godhe jechuuf ragaan jiraachuu baatus tarii Raashiyaan tikashee fayyadamuun akkas gochuu malti kan jedhuun biyyattiin of-eeggannoo guddaarra jirti.
Raashiyaan Jarman irratti yaaliwwan ajjeechaa fa'aa raawwachuu malti sababni jedhameef ammoo Yukireen haleellaa Raashiyaa akka qolattuuf UStti aanun meeshaa waraanaa kan dhiyeessaa jiruuf Jarmaniidha.
Yukireenifi Raashiyaa gidduutti waraanni akkuma itti fufaa deemu Awurooppan Waraana Hololaa haaratti seenuu malti kan jedhu sodaan jira.
Akka waraana hololaa isa kana duraa ta'uu baatus Awurooppan Raashiyaa waliin Waraana Hololaa keessa seentee akka jirtu himu Royal United Services Institute tti qorataa kan ta'an Maark Galewootii.
Bara Waraana Hololaa Jarman Bahaafi Lixa jedhamuun bakka lamatti hiramuun falaasama siyaasafi diinagdee warra Lixaafi Sooviyeetif saaxilamte.
Dallaan Barlin erga jigee booda amma dhiibban Raashiyaa biraa waan hage hin fakkaatu.
Dhiyeenya qondaalonni tikaa US Raashiyaan gaggeessaa dhaabbaya omisha meeshaa waraanaa guddicha ta'e ajjeesuf karoora qabsi jechuun Jarmanitti himteetti jechuun CNN gabaasuu hordofee Jarman of-eeggannoo guddaarra jirti.
Dhaabbanni Rheinmetall meeshaalee waraanaa Jarman omishuun beekama. Raashiyaanis gaggeessaa dhaabbaya kanaa ajjeesuf karoorsitee akka jirtu bira gaheera jechuun Jarman gurra buuste US.
Raashiyaan garuu himata kana maqa balleessidha jechuun haalte.
Raashiyaan mikooftee gaggeessaa dhaabbata omisha keeshaalee waraanaa Jarman Armin Papperger ajjeefte osoo ta'ee, biyyoota Awurooppaf ergaa guddaa dabarsa ture.
Yaalii ajjeechaa qofa osoo hin taane qondaalonni waraanaa Jarman bilbilaan osoo waliin haasa'anii haasan isaanii butamee TV Raashiyaa irratti darbee ture.
Kuni ammoo Jarman mataa gadi qabachiisee ture.
Waliin dubbiin qondaalota waraanaa Jarmanii erga butamee torbanoota booda namoonni lama- lammummaa Jarmaniifi Raashiyaa qaban buufata waraanaa US Jarman keessatti argamu basaasan jedhamuun shakkamanii to'ataman.
Jarman ambasaaddara Jarman waamun Raashiyaan gochaashiirraa akka of-qusatti akeekkachiiste.
"Raashiyaan shororkaashee akka as fiddu hin hayyamnuuf" jechuun Jarman dheekkamte.
Torbee darbe ammoo wiirtuun bishaanii buufata waraanaa Jarman lamaaf bishaan dhiyeessu yaalin summeessuu ittayyoi taasifamuu biyyattiin ibsite.
Yaaliwwan haleellaa icciitii kanaaf kan saaxilame Jarman qofa osoo hin taane buufataalen waraanaa US Awurooppaa keessatti argamanillee akkasuma.
Maark Gaalewootii akka jedhutti, Mooskon Jaramirratti xiyyeeffachuunshee, Jarman Awurooppaa keessaa biyya humna guddaa qabduufi Yukireenif meeshaalee waraanaa heddu dhiyeessitu waan taatefi.