Yukireen daangaa Raashiyaatti haleellaa tasaa raawwachuu irratti gaaffilee ka'an shan

Haleellaan tasaa Yukireen gaafa Hagayya 6 Raashiyaa irratti raawwatte Mooskootti qofa osoo hin taane namoota Yukireen keessa jiraataniifi alaa warra taajjabaniifis waan hin eegamne ture.

Yukireen loltoonishee dirree waraanaa km 1000 irratti bittinnaa’anii otoo jiranii maaliif haleellaa tasaa kana raawwachuuf muurteessite?

Haleellaan tasaa kuni erga raawwatee torban tokkoo ol ta'us Rashiyaan to’achuu hin dandenye garuu sababiin haleellaan kuni raawwatameef mul’achaa jira.

Haleellaa haaraan kuni akkatti deemaa jiruufi ji’a dhufu keessa akkatti babal’achuu danda’urratti gaaffileen shan ka’uu malan kunooti.

Kuurisk keessa maaltu tahe?

Gaafa Hagayya 6 loltoonni Yukireen bulchiinsa Raashiyaa Kuurisk keessa haleellaa tasaa raawwatan. Haleellichi hangam guddaa ture kan jedhu irratti waan bal’inaan beekame hin jiru.

Jalqabarra haleellaan tasaa kuni kan gareewwan Vilaadmiir Puutiniin mormaniin raawwate fakkaata ture. Gara Raashiyaa galuuf kan yaalaa turan yoo tahu dhalattoota Raashiyaa dhibbaan lakkaa’amanis qabatanii turan.

Haa tahu malee haleellaan hanguma gara daangaa Raashiyaa siqaa dhufetti – akka barreessitoonni waraanaa Raashiyaa jedhanitti daangaa Raashiyaa km30 naannoo Kuriskitti lolli cimaan ture.

Bulchaan Kuriski ammoo gandooti Raashiyaa hanga km28 harka Yukireen galuufi loltoonni Yukireen idilee haleellaa kana keessa jiraachuu Pireezidant Puutinitti himaniiru.

Yeroo loltoonni Raashiyaan dirree waraanaa idilee lolli cimaan jirutti xiyyeeffatanii jiraniiti Yukireen daangaa eegumsa cimaa hin qabne fayyadamuun gara Raashiyaa galuu dandeesseetti.

Qondaalli nageenyaa Yukrieen maqaan akka hin eeramne gaafatan, ‘’haleellaa raawwachaa jirra. Qubsuma diinaatti bal’ifachuu, kasaaraa guddaa qaqqabsiisuu fi haala Raashiyaa keessa jiru tasgabbii dhabsiisuu, kunis sababa isaan daangaa isaanii eegaa hin jirreefi,’’ jedhaniiru.

Yukireen maaliif Raashiyaa kara Kuurisk haleelte?

Waa’ee haleellaa kanaa Yukireen jalqabarratti homaa hin jenne ture. Pireezidant Voloodmiir Zeleeniskii gaafa Hagayya 10 ture haleellichaaf beekamtii kan kennan. Yukireen ‘’gara daangaa weeraraatti dhiibaa jirti,’’ jedhan.

Haa tahu malee sababa ifaa taheefi kaayyoo oppireeshinichaa hin ibsine, gaafa Hagayya 12 daangaan Raashiyaa iskuweer kiloomeetira1,000 harka Yukireen galuu beeksisan.

Xiinxaltoonni waraanaafi siyaasaa gaaffii ‘’maaliif?’’ jedhurratti yeroo deebii kennan tarsiimoo yeroo qalbii fuudhuuf waan taasifame akka tahetti dubbatu.

Ji’oota muraasa darbaniif Yukireen humnoota Raashiyaa kara bahaa itti dhufan to’achuuf rakkataa turte. Magaalaa tarsimawaa taate Chaasiiv Yaar baatii darbe qabataniiru. Kaaba-bahaa fi kibbattillee waan jiru haaluma wal-fakkaataan rakkisaa dha.

Dirree waraanaa km 1,100 irratti lakkoofsa loltoota lafoo fi meeshaa waraanaan Raashiyaan kan mo’atte tahus qondaaloti Yukireen kiloomeetira dhibbaan lakkaa’amu irratti lolli akka adeemsifamu kan gochaa jiran diinni isaanii humna ficcisiisuuf, dhiibbaa kara bahaa jiru gara Kuriskittis dachaasuufi.

Piroofeesariin dhimma nageenyaa Maark Gaalee’otti ji’oota darban keessatti lola hir’isuu irratti danqamtee turte. Sochiinis lafoo dhumarratti kan hundaa’e ture. Amma carraa fayyadamuu barbaadde jedhu.

Komaandarri Yukireen The Economist' ttidubbatan ''kuni tirgaa'' dha jedhan: ‘’loltoota keenya haleellaaf qophii tahan gara daangaa laaffatetti ergine,’’ jechuun, waan isaan qabsiisanii itti deemanis firii argamsiisaafi akka jiru himan.

‘’Komaandarooti doofaa miti…saffisa barbaadamuun tahuu baatus gara fuulduraatti adeemaa jiru. Tahus km80 hanga 100 caalaa deemuu hin danda’an jedhan.

Raashiyaan maal jette?

Gareen ololaa Raashiyaa haleellaa tasaa Yukireen keessaa baasuu, ‘’oppireeshinii farra-shororkeessummaa,’’ jechuun maqaa itti kennan.

Bulchiinsa Kuurisk keessaa namoonni 121,000 akka bahan kana itti himame yoo tahu, kanneen 11,000 immoo gara naannoo Belgoorood jedhamutti qubsifamaniiru. Qondaaloti Raashiyaa labsii yeroo muddamaa naannichatti labsuun jiraattotaaf beenyaa doolaara 115 kennuuf waadaa seenaniiru.

Jeneraalli Raashiyaa Vaaleerii Geraasimoov haleellaan Yukireen dhaabsifameera jedhanillee waan lafarratti mul’ataa ture garuu faallaa dha.

Pireezidant Puutiin ibsa boodana kennaniin Yukireen namoota nagaa haleelte jechuun deebii ‘’mdaaluu’’ akka kennan kakatan.

Piroofeesar Gaalee’otiin Yukireen haleellaa haaloo bahu cimaan Raashiyaa irraa ishee eeggachuu mala jedhan.

‘’Puutiin waamicha waraanaa haaraa taasisuun loltoota kuma dhibbaan lakkaa’aman gara humna waraanaasaatti fiduu mala.’’

Raashiyaan waraanicha hammeessuuf kara biraa barbaaduu dandeessi. Baatii muraasa darbetti Raashiyaan bu’uuraalee misoomaa aanniisaa Yukireen irratti haleellaa boombii hamaa jedhamu irraan geesseetti. Duulli kuni kan kanaan dura caalaa hammaachuu danda’a.

Lolli Kurisk keessa tahuun faara waraana kanaa geeddareeraa?

Akka Maark Gaale’otiin jedhanitti, ‘’bal’ina iddoo Yukireen qabame caala dhiibbaa siyaasaa qabutu irra caala murteessaa dha.’’

Xiinxaltoonni gariin akka jedhanitti Yukireen michootashee Lixaa keesumaa Ameerikaa humnootishee loluu akka itti fufan agarsiisu barbaaddi. Kunimmoo gama biraan yeroof tahus humna Yukireen ni jabeessa. Loltoonni isaanii km30 daangaa Raashiyaa keessa kan jiran yoo tahu, Raashiyaan immoo loltootashee bakka jiranitti akka dhaabbatan waan gochuu barbaaddu hin fakkaatu.

Oppireeshiniin kuni Raashiyaa keessatti haala waa’een waraanaa itti odeeffamu geeddareera – waraanni kuni lola fagoo ‘’oppireeshinii waraanaa addaa’’ jedhamuun maqaan kennamuuf qofa osoo hin taane, kan dhiibbaansaa kallattiin lammiilee ilaallatu tahaa dhufeera.

Gaazexeessituun BBC Baha Awurooppaa Saaraa Reenisfoord, ‘’gabaasa naannoo Kuurisk keessaa dhufaa jiru yoo ilaallu, haala baayyee to’atamu keessatti namoonni gaaffii kaasaa jiru jette.

Haleellaan tasaa kuni egeree Putiiniifi Zelenskii irratti akkamiin dhiibbaa gochuu danda’a?

Raashiyaafis tahe Yukireeniif kuni pireezidantummaa isaaniif yeroo murteessaa tahe dha.

Hogganaa abbaa irreefi rincicaa Pireezidant Vilaadmiir Puutin michoota itti dhiyaatan qofa hirkoo godhachuuniifi keesumaa tajaajila eegumsaa isaanii irratti kuni danqaa guddaa dha.

Hamma loltoota Raashiyaa miidhamaaa jiranii dhoksuun rakkisaa tahaa dhufeera. Lammiileen Raashiyaa kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uu, Kireemliin waan hunda to’attee jirtiifi waraana humna guutuun itti adeemame tahuu dhoksuun waan danda’amu tahaa hin jiru.

Akka Maark jedhanitti, ‘’olola Kireemliin irraa bahuuf haleellaan kuni ittuu hammeessaa dhufa,’’ jedhan.

‘’Kana waraana kanaan duraa irratti argineerra, waraana Sooveeyit Afgaanistaan keessatti taasiftee hanga Chichiniyaatti. Kireemliin odeessa wal-fakkaataa tamsaaftus boodarra waan dhugaa as bahaa dhufa,’’ jedhan.

Akkasuma Zelenskiifis haleellaan tasaa kuni wal-xaxaa tahuu mala garuu sababa adda taheefi.

Xiinxaltuun Emil Kaastehelim akka jedhanitti Raashiyaan humnashee mara dirree waraanaa ijoorraaa sochoosuun lafa Yukireen qabatterraa baasuuf fayyadamuun akka humna laaffisuutti ilaalamuu mala.

Yeroof hamilee lammiilee Yukireen ol kaasus deebisee garuu kara bahaan akka mo’aman gochuu mala.

Piroofeesar Gaale'ootiin haalli jijjiiramaa amma irra jiran kuni dubbi gara fuulduraatti dhiibuuf murteessaa tahus bu'aansaa maal taha kan jedhu garuu ifaa miti.