Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zeleniskiin Yukireen Raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuu amanan
Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.
Zelenskiin Sambata halkan ibsa karaa TV kennaniin , waraanni Yukireen '' daangaa weerartotaa keessatti waraana gaggeessaa jira," jedhan.
Yukireen Kibxata haleellaa hin egamiin bante kanaan daangaa Raashiyaa keessa hanga km10 seenteetti. Kun ammoo erga Raashiyaan waraana guutuu Yukireen irratti Guraandhala 2022 bantee as haleellaa cimaa daangaa Raashiyaa keessatti raawwatedha.
Haasaan Zeleniskii kun kan dhagahame Yukireen tarkaanfii waraanaa fudhachuu erga jalqabdee guyyoota shan booda yoo ta’u, tarkaanfii fudhatame kanaafis "gootota" Yukireen galateeffataniiru.
Daangaa gama lachuurraa jumlaan namoonni baqatan danuun baqataniiru.
Raashiyaan magaalaan guddoon Yukireen Kiyiiv fi naannoo Suumii jedhamu Dilbata bariidhaan xiyyaaraan haleeluu qondaaltonni Yukireen himaniiru.
Namini umuriin isaa ganna 35 fi daa’imsaa ganna afurii waliin magaalaa guddoo Yukireen Kiyiiv keessatti ajjeefamuu tajaajilli yeroo balaa tasaa Yukireen Dilbata kana ibseera.
Daa'ima ganna 13 dabalatee namoonni sadii biroon madaa'uusaanii ibsi Telegiraamirratti maxxanfame ni mul'isa.
Kantiibaan magaalaa Kiiv Vitali Kilitischiko Dilbata ganama barii Telegiraamirratti maxxansan namoonni nagaa dawoo keessa akka turan akeekkachiisan.
Kana malees waa’ee opporeshiinii waraana Raashiyaa keessatti raawwatame ajajaa waraanaa olaanaa biyyattii Oleksaandir Siyirskii waliin mari'achuu dubbatan.
''Yukireen dhuguma haqa deebisuu fi dhiibbaa weerartootarraatti dhiibbaa cimsuu akka dandeessu mirkaneessaa jirti,'' jedhan.
Gabaasni bahe akka ibsutti, loltoonni Yukireen yeroo Raashiyaa keessaatti km 10 oliif lolan magaalaa naannichaa tokko qabachuuf doorsisa jiru.
Erga Mooskoon Guraandhala 2022 weerara guddaa Yukireenirratti bantee as daangaa Raashiyaa keessa gadi fagaaachun tarkaanfii fudhatame.
Dilbata ganama Kurski keessatti yoo xiqqaate namoonni 13 madaa’u bakka bu’aan bulchaan naannichaa Aleeksi Simirnoov himaniiru.
Amma yoonaatti namoonni 76,000 ol ta’an naannoo daangaarraa baafamuu dhaabbati oduu mootummaa Raashiyaa Tass ibseera.
Koreen farra shororkeessummaa biyyoolessaa Raashiyaa Jimaata darbe kaasee naannoolee sadii keessatti ‘’tarkaanfii farra shororkeessummaa’’ jedhu fudhachaa jiraachuu ibse.
Kana jechuun aangawoonni naannoo daangaa naannoo Kurski, Belgorood fi Biriyaanskitti sochii namootaa fi konkolaataa daangessuu fi tarkaanfiiwwan biroo fudhachuu malu jechuudha.
Raashiyaan akka jettetti, loltoonni Yukireen hanga 1,000 ta’an taankii fi konkolaattota waraanaatiin deeggaraman Kibxata ganama naannoo Kurski seenan.
Ergasii loltoonni Yukireen mandara hedduu qabachuun kan himame yoo ta’u, magaalaa naannichaa Sudizhaa doorsisaa akka jiran himame.
Jimaata darbe viidiyoon bahe loltoonni Yukireen magaalicha to’achuu wayita himan agarsiisa.
Akkasumas buufanni gaazii Raashiyaa beekamaa Gaazpiroomii bakka sanatti argamu to’achuu himan.
BBC Verify viidiyoon sun dhaabbata Gaazpiroom, kan qarqara kaaba dhiha Sudizhaa, bakka daangaa Yukireenirraa km 7 fagaatutti argamuu akka ta'e mirkaneesseera.
Viidiyoon sun qofti loltoonni Yukireen magaalattii guutummaatti to’achuu hin mirkaneessu.
Biloogaroonni waraana Raashiyaa magaalattiin toa’annoo Raashiyaa jala akka jirtu himan.
BBC Verify bakka viidiyoon biraa Jimaata ganama toora interneetiirratti maxxanfame qoratee mirkaneessera.
Konkolaataanni Raashiyaa 15 daandii magaalaa Oktiyabiriskoyi keessa darbu, manca’ee, gubatee fi gatamuu agarsiisa.
Viidiyoon kun loltoonni Raashiyaa kaan madaa’uu, kaan du'uu agarsiisa.
Ergasii Raashiyaan humna dabalataa taankii fi meeshaa rookkeettii dhukaasu gara naannoo Kurskitti ergite.
Ministeerri ittisaa Raashiyaa gabaasa isa dhiyoo Sambata ganama baaseen loltoonni Raashiyaa ''yaalii weerara humnoota Yukireen ofirraa ittisuu itti fufaniiru'' jedhe.
Yukireen '' daangaa Raashiyaa keessaa gadi fagaachuuf yaaliin goote fashalaa'u ibse. Kan Raashiyaa jettu kun addatti hin mirkanoofne.