Waraanni akkam akka nama miidhu Raashiyaanis akkasitti dhamdhamuu qabdi-Zeleniskii

Yuukireen daangaa Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessuu hordofee guyyaa sadaffaatti ifatti dubbatte.

Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waanti daangaa Raashiyaa keessatti ta'aa jiru ka'umsi "Mooskon nu weeraruusheeti" jedhan.

"Raashiyaan qe'ee keenya dhuftee nu waraante, amma isheenis waraanni maal akka ta'e haa dhandhamtu.

"Yukireenonni akkamitti akka kaayyoosaanii galmaan gahan beeku. Waraanaan kaayyoo keenya galmaan gahuun filannoo keenya hin turre," jechuun Raashiyaa komatan.

Loltoonni Yuukireen 1,000 ta'an taankiwwaniifi konkolaatawwan waraanaa biroon daangaa Raashiyaa bulchiinsa Kursk jedhamtu cehuun haleellaa gaggeessuu Raashiyaan amanteetti.

Yuukireen humna lafoon Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessuu kan eegalte gaafa Kibxataa, Hagayya 6, yoo ta'u erga waraanni kun bara 2022 eegalee Yukireen kallattiin daangaa Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessun isa guddaadha.

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin tarkaanfii Yukireen kana ilaalchisee "Yuukireen waraana hammeessaa" jirti jechuun himatanii ture.

Waa'ee haleellaa daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu qondaalonni Yukireen dubbachuurraa baay'ee of-qusatan. Haalli qabatamaan deemaa jirus maal akka ta'e baruun rakkisaadha, gama lamaan irraayyuu odeeffannoon bahu kan murtaa'e waan ta'eef.

"Waraanni Yuukireen akkamitti nama dagee bu'aa galmeessisuu akka danda'u eenyuyyuu arguu danda'a," jedhan Pirezidaant Zeleniskiin.

Garuummoo kallattiin haleellaa Raashiyaa irratti gaggeessuu homaa hin dubbanne.

Humni Waraana Raashiyaa akka beeksisetti loltoonni eeggataa ta'an haleellaa Yuukireen kana qolachuudhaf bakkichatti ergamaniiru.

Inistiitiyuutin Qorannoo Waraanaa suurawwan ji'oolokeeshinii fayyadamuun akka ibsetti loltoonni Yuukireen hanga 10km ta'u daangaa Raashiyaa seenanii qabataniiru.

Chaanaliwwan Telegiraamii waraana Raashiyaa deeggaran akka ibsaa jiranitti, haalli naannoo Kursk jiru akka qondaalonni waraanaa Raashiyaa jedhan osoo hin taane, rakkisaadha. Loltoonni Yukireen guyyaa jalqabaa lamaan hanga 10km bulchiinsa Kursk seenanii qabachuus gabaasan.

Qondaalonni waraanaa odeeffannoo sobaa kennaa turan jechuunis tarkaanfiin akka irratti fudhatamuuf waamicha gochaa jiru biloogaroonnifi chaanaliwwan Telegiraamii waraana Raashiyaa deeggaran.

Jiraattonni gama Raashiyaas ta'ee Yukireen daangarra jiran qe'eesaanirra bakka nagaa qabutti akka baqatan godhamaniiru.

Ollaa bulchiinsa Kursk kan taate, Belgorood keessattis Yukireen haleellaa misaa'elaa heddu gaggeessiteetti.

Michoonni Yukireen kanneen akka US waa'ee haleellaa haaraa Yukireen gaggeessitee kana homaa akka hin dhageenya ibsan.

Bara darbes bifuma wal-fakkaatun hidhattoonni bulchiinsa Puutin mormaniifi Yukireen keessa mandheeffatan daangaa Raashiyaa cehanii haleellaa gaggeessaniiru. Haa ta'u garuu Raashiyaan haleellaa sana yeroo gabaabaa keessatti qolattee hidhattoonni sun gara daangaa Yukireenitti deebi'an.

Ji'a Bitootessaa keessas bulchiinsa Kursk fi Belgorood seenun humnoota Raashiyaa waliin wal-hadhaniiru.

Roobii, Hagayya 7, miseensa parlaamaa Yukireen kan ta'an Oleeksii Honchareenkoo akka ibsanitti humni waraana Yukireen daangaa Raashiyaa keessa buufata boba'aa Sudzha jedhamu to'ateera.

Buufanni boba'aa kun karaa ittiin Raashiyaan boba'aashee gabaa biyyoota Awurooppaf itti dhiyeessituudha. Haa ta'u, garuu dhiyeessii boba'aa Raashiyaa irratti miidhan homaatuu akka hin qaqqabnetu himame.