Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuukireen humna lafoon haleellaan Raashiyaan labsii muddama labsite
Loltoonni Yuukireen daangaa Raashiyaatti seenuun haleellaa banuu hordofee Raashiyaan bulchiinsa Kusrik keessatti labsii yeroo mudaamaa labsite. Yukireen haleellaa kan bante jalqaba torbee kanaa yoo ta'u hanga guyyaa kaleessatti lolli cimaan daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Bakka bu'aa bulchaa bulchiinsa Kurisk kan ta'an Aleeksii Simirnoov haleellaa Yukireen qolachuuf labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachusaa ta'uu himan.
Haleellaa Yukireen daangaa Raashiyaa seenuun bante kanaan namoonni nagaan shan du'uufi 31 ammoo madaa'uu himu qondaalonni Raashiyaa.
Waa'ee haleellaa Raashiyaan jettuu kana Yukireen hanga ammaa toles bades hin jenne.
Gaafa Kibxataa, Hagayya 5, 2024, loltoonni Yukreen 1,000 ta'an taankiwwan 11, konkolaataa sibiilaa 20 qabachuun daangaa Raashiyaa seenun haleellaa akka banan himte Raashiyaan.
Mandaroota Raashiyaa heddu keessatti lolli cimaan gaggeeffamaa akka tureefi jiraattonni naannoo magaala Sudzha jedhamu jiraatan akka bahan gochuus ibsite Mooskon.
Bulchiinsa waraanni itti baname kana keessatti sochiin idilee akka dhaabatuufi namoonni manaa akka hin baane qondaalonni Raashiyaa dhorkanii jiru.
Raashiyaan Guraandhala 2024 Yukireen irratti waraana erga bantee booda Yukireen daangaa Raashiyaa seentee haleelun kun isa jabaadha.
Miseensa mana maree Yukireen kan ta'an Oleeksii Honchareenkoo Roobii, Hagayya 7, akka ibsanitti Yukireen daangaa Raashiyaa seenun magaala Sudzha qabatteetti. Sudzhan karaa ittiin boba'aan Raashiyaa gara Awurooppatti cehuudha.
Yukireen Raashiyaa seentee adda waraanaa haaraa banuunshee loltoonni Raashiyaa bakka biraatii Yukireen irratti dhiibbaa geessisaa jiran garas akka deemaniifi humna Raashiyaa bakka garaa garaatti dhisuuf kan gargaaru akka ta'e BBCtti himan oleeksin.
Yukireen humna lafoon Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessuushee odeeffannoon dursaa akka ishee hin qaqqabne US beeksifte.
Yukireen maal kaayyeffattee daangaa Raashiyaa akka seente baruuf US Humna Waraanaa Yukireen akka dubbibstu dubbi himaan Waaayit Haawus ibsan.
'Lola cimaatu daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffamaa jira'
Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin qondaalota mootummaa wajjin walgahii guyyaa kaleessaa, Hagayya 7, taa'aniin Yukireen haleellaa banuunshee "waraana hammeessuu barbaadde" jechuun dubbatan.
Gaggeessaa Humna Waraana Raashiyaa kan ta'an Valeerii Geraasimoov gamasaanin, haleellaa Yukireen daangaa seenun bante loltoonni Raashiyaa dura dhaabbachuun qolataa akka jiran himan.
Loltoonni Yukireen magaala Sudzha qabachuuf kaayyoo akka qabaniifi garuummoo loltoonni 100 Yukireen jalaa ajjeefamuu ibsan.
Haa ta'u garuu chaanaliwwan Telegiraamii waraana Raashiyaa deeggaran akka jedhanitti akka Raashiyaan jettu osoo hin taane lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu beeksisan.
Biloogarri Raashiyaa Yuurii Koteenok naannoo magaala Sudzhatti lolli "baay'ee cimaa" ta'e gaggeeffamaa jiraachuu yoo ibsu, chanaalin Telegiraamii Rybar jedhamu ammoo haalli nannicha jiru amansiisaa akka hin taanefi loltoonni Yukireen ammayyuu gara fuulduraatti deemaa jiran ibse.
Gama biroon ammoo buufata anniisaa nikularaa Kursk haleellaa Yukireen irraa tiksuuf naannichatti humna cimsitee akka jirtus beeksifte Raashiyaan.
Ollaa bulchiins Kursk kan taate bulchiinsa Belgorood keessattis haleellan misaa'elaa Yukireen namoota heddu irraa miidhaa gahuutu ibsame.
Raashiyaan ganna kana Yukireen irratti duula cimaa gaggeessuf loltoota 75,000 daangaa irra qubsiiftee akka jirtu kan himan qondaalli waraanaa Yukireen Koloneel Vilaadislaav Seleziniyov, karaa bulchiinsa Yukireen Sumii jedhamuun daangaa Yukireenitti duuluu akka maltu eeran.
Ji'oota dura Raashiyaan karaa Kaarkiiv daangaa Yukireen seenun adda waraanaa haaraa banuun loltoonni Yukireen bakka garaa garaatti akka dhifaman gochuun dhiibbaa gootetti.
Yukireenis amma daangaa Raashiyaa seentee lola banuunshee humna Raashiyaa adda waraanaa garaa garaatti akka bittimu gochuuf akka ta'etu himama. .